Guddinni Qubee Afaan Oromoo (QAO) maalirra jira?

Published Nov. 18, 2025, 12:29 p.m. by Birhaanuu Hundee

450



Birhaanuu Hundee tiin

Waggoota shantama dura, yeroo Afaan Oromoo raadiyoonii cabsa jedhamee dubbatamu sana, Afaan keenya haala sana keessaa bahee sadarkaa har’aa kanarra ni gaha jedhee eenyutu yaade? Afaan Oromoo barreeffamuun isaa hafee akka hin dubbatamneeyyuu dhiibbaan irra gahamaa akka ture seenaatu ragaa ta’a. Galatni qabsaa’ota Oromootiif addatti immoo ABOf haa ta’u, kunoo Afaan keenya Qubee ittiin barreeffatus argatee; har’a Afaanota biroo wajjin Addunyaa kanarratti mul’atee jira. Seenaa saba Oromoo keessatti waan ta’e yoo yaadanne, Qubeen Afaan Oromoo (QAO)n akka Afaan barnootatti akka ittiin baratamuu fi barreeffamu beektotni fi hayyootni Oromoo bara 1991 murteessan. Waggaa tokko booda bara 1992 yeroo jalqabaaf Afaan Oromoo akka QAOtiin barsiifamuu  ‘seeraan’ murtaa’e.

Bu’aalee Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO)n argamsiisee keessaa inni guddaan tokkoyyuu Qubee Afaan Oromoo ti jechuun ni danda’ama. Kanaafuu QAOn mallattoo bilisummaa waan ta’eef kunuunfachuu fi guddisuun dirqama Oromummaa ti. Haa ta’u malee, umriin QAO umrii dargaggeessaa ta’us waggoota 32 keessatti Afaan kun akka guddachuu qabutti guddatee jiraa? Hanqinoota maalfaatu jiru? Dhugaa dha, Afaan keenya bar-kurnee sadeen kana keessatti guddachu akka qabutti hin guddanne. Maaliif? Sababni rakkoo kanaa hedduu ta’uu malu; qorannoollee barbaachisa ta’a. Garuu waanuma ijoo ta’an tokko tokko akka hubannoo dhuunfaatti ibsuuf.

Tokkoffaa, wiirtuun Afaan Oromoo waaltessuu fi beekumsa oomishu itti hanqata. Wiirtuu Afaan Oromoo waaltessuu fi beekumsa oomishuun hanqina qofaa osoo hin taane akka hubannoo kiyyaatti waanuma jiruu natti hin fakkaatu. Kun Afaan keenya guddisuuf hiri’na guddaa dha. Hanga Oromoon Abbaa Biyyummaa isaa goonfatee, mootummaa uummata isaatiif yaadu hin ijaarrannetti, rakkoo kanaaf furmaatni hin jiraatu. Dhugaa dubbachuuf, Afaan Oromoo Abbaa dhabe jechuun ni danda’amaa bar!!! Namootni dhuunfaadhaan tattaaffii godhuun akkuma jirutti ta’ee, guddinaa fi ayinaa (quality) Afaan kanaatiif kan dhimmamu fi irratti hojjetu dhaabbatni tokko ammatti hin jiru. Kun hir’ina guddaa dha.

Lammaffaa, QAO guddisuu fi akka barbaachisutti sirnaan ittifayyadamuuf Oromoota hedduu biratti hir’inni ni mul’ata. Fakkeenyaaf, irra caalaa namootni keenya kuun Afaan Ingiliziitiin (English) kuun ammoo Afaan Amaaraatiin barreessuu filatu. Kun dhugumatti nama ajaa’iba nama gaddisiisas. Namootni kun Afaan keenyaan barreessuuf rakkina qabu moo Afaan kanaaf tuffii qabu laata? Afaan alagaatiin barreessuun baranee/hammayyee (modern ykn civilised way) ta’uu dha moo maali sababni isaa?

Sadaffaa, QAO sirnaan barreessuu dadhabuu dha. Warrumti barreessuu yaalanillee, sirnaan hin barreessan. Kun dhugumatti rakkoo hubatamuu qabuu dha (a serious issue). Yoo akkamitti akka barreessan hin  beekne, seera barreessuu QAO barachuun baay’ee salphaa dhaa bar!! Alagaanuu barachuu danda’a. Murannoo, kutannoo fi tattaaffii qofaa gaafata. Kan alagaarrattuu ni cichama kan ofii maaliif dagatama? Dogoggoraan barreessuun isaanii itti himamus, akka qeeqa ijaaraatti (as a constructive criticism) ilaaluu dhiisanii oftuulummaadhaan akkamittan sirreeffama jedhanii dallanu. Kanaafuu, Afaan keenya akka hin guddanne kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan guumaacha goona jechuu dha.

Afraffaa, warra hog-barruu Afaan Oromoo guddisuuf tattaaffii godhanii fi barreessan jajjabeessuu dadhabuu. Mee dhugumatti wal gaafachuuf, hagam keenyatu waan Ilmaan Oromoo barreessan irraa bitnee dubbisnee jajjabeessina? Kuni akka ta’uu qabutti godhamaa hin jiru; nama qaanessa. Habashoonni waan akkanaa kanarratti baay’ee waliif tumsu; baay’ee wal jajjabeessu; hedduu wal beeksisu, wal dhaadhessu. Wanti isaanii akka guddatu hedduu dhama’u, tattaafatu. Kan keenyaa garuu faallaa sanaa ti. Nama gaddisiisa!!

Shanaffaa, hegeree keenyaaf yaaduu dhiisuu. Hagam keenyatu dhimma kana irratti yaannee egeree isaa miidhagsuuf abjuu qabna?” Oromoon bilisummaa fi walabaummaa barbaadu garuu waan sana booda dhufuuf yaaduu? Isa keessaa inni guddaan tokko Afaan Oromoo guddisuu, dagaagsuu fi waaltessuu dha. Kuni immoo yoo har’a itti hin yaadamne yoom ta’a? Kanaafuu, kun gaafii ofis ta’ee wal gaafachuu qabnuu dha.

Jahaffaa, Diinotni Oromoo keessumaahuu diinotni QBO, Afaan Oromoo busheessuuf, guddina isaas qancarsuuf hedduu irratti hojjetu. Qubeen Afaan Oromoo (QAO)n akka badduu waan isaan hin yaalin hin jiru. Qubeen tun baddee bakkee/iddoo ishiitti Qubee Saabaa buusuuf yaalaa turan, ammas abdii osoo hin kutatin irratti hojjechaa jiru. Seera QAO jallisanii barreessuun seerri barreeffamuu Qubee keenyaa (Qubee Orthography) akka nuuffisiisaa ta’u godhu. Waanuma dhihoo kana ji’oota muraasa dura ta’e tokko Facebookrratti argeen yaada gabaabaa irratti barreessee ture. Xurreen (link) isaa kunoo kana: Berhanu Hundee - Kuni Afaan barsiisuuf osoo hin taane, duula Afaan... | Facebook

Mee ilaalaa,  warra ofiifuu QAO barreessuu hin dandeenyetu Afaan Oromoo barsiisuuf dhama’u. Kun dhugumatti Afaan keenya barsiisuuf osoo hin taane, haala nuuffisiisaa ta’een hojjetanii Afaan keenya busheessuufi. Akka jibbamu taasisuufi. Kun tooftaa diinaati malee daldala (business) miti.   “Afan oromifa Barumsa jalkabnera” Kuni dhugumatti kosii dha (rubbish).

Waanan hubadhe kan biraa tokko dabaleen barreeffama kana xumura. Isa kanas yeroo tokkon akka tasaa Facebook rratti arage. Innis bara 2018 dura natti fakkaata. OPDOn, kan Oromiyaan bulchaa jira jettee ofdhaadhessaa turte, qophii uummataa guddaa tokkorraatti waan isaan barreessanii dha. Akka poostarii wayii tokko natti fakkaata. Achirratti, “BAGA NAGAAN DHUUFTAN!” Gara tokkoon nama kofalchiisa, gara biraatiin Afaan Oromootti qoosuun isaanii nama gaddisiisa, nama aarsa. Silaas jara kanarraa maaltu eegamaree? Isaan bakka bu’oota uummata Oromoo osoo hin taane, Oromiyaa keessatti bakka bu’oota TPLF waan turaniifi. Har’as maqaa Badhaadhinaatiin sanuma godhaa jiru.

Dhumarratti, akkuma armaan olitti tuqame, Qubeen Afaan Oromoo mallattoo bilisummaa Oromoo ti. Waan taateef, guddissuun, dagaagsuun, ayinaa ishee eeguun dirqama Oromummaa ti. Afaan Oromoos utubaalee (Pillars) EENYUMMAA (Identity) keenyaa keessaa isa tokko waan ta’eef, isa kanas guddisuu fi waaltessuun dirqama Oromummaa ti. Galatoomaa!

 


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.