Published Nov. 6, 2025, 2:46 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Daba siyaasaa ummata Oromoo irratti hojjatameen magaalaan Dirree Dhawaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa jalaa baafamuun chaartaraan akka bultu erga taasifamee booda dhiibbaan garagaraa ummata Oromoo irratti taasifamaa jira.
Barreessaa Iskuu Hamzaa yaada saamicha lafaa daangaa Oromiyaa fi dhimma magaalaa Dirree Dhawaa irratti yaada kenneen, mootummaan naannoo Somaalee walakkaa lafa Oromiyaa bahaa seenuun gaafii abbaa biyyummaa magaalaa Dirree Dhawaa irratti kaasaa jira jedha.
Dabareen bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa itti aanu kan Somaalee waan taateef carraa kanatti fayyadamani teessoo mootummaa naannoo Somaalee Dirree Dhawaa taasisuuf hojjataa jiru jedha.
Oromoon lafti isaa bulchiinsa Minilik irraa kaasee sirnoota Itoophiyaa bulchaa turan hunda …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 6, 2025, 2:38 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Qondaalli naannichaa tokko maddeeniif akka himanitti, naannoo Affaaritti naannolee “humnoota wayyaaneetiin to’ataman” jedhamanii fi naannolee ollaa irraa namoonni 2,000 ol buqqa’aniiru jedhame.
Qondaalli kun akka jedhanitti, jiraattonni buqqa’an kun Godina Affaar Ona 2ffaa Ganda Megalee fi naannoowwan Faaroo Gandoota fi naannoo dhihootti qubachuun gabaafamee jira.
Mootummaan naannoo Affaar ibsa kaleessa galgala baaseen gareen TPLF Roobii Sadaasa 5/2025 Ona Megalee Ganda Tonsa irratti haleellaa raawwachuu isaa beeksise.
Jiraattonni naannichaa sadii maddeeniif yaada kennaniin odeeffannoo naannichaa mirkaneessanii jiru.
Naannoleen yeroo ammaa to’annoo humnoota Wayyaanee jala jiran Milkii, Waraa, Miilaa, Kerefetu, Kaosobera fi Keremuaga ta’uu jiraattonni kunneen himan.
Mootummaan Naannoo Affaar …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 6, 2025, 1:45 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa mootummaan biyyattii fi qaamni dhimmi ilaallatu seera filannoo biyyattii lafaa akka fooyyessaniifi rakkoo nageenyaa bu’aa filannoo dhufuu fudhatama dhabsiisuu mala jedhe akka furanis gaafate.
Manni Marichaa ibsa Sadaasa 04, 2025 baaseen, haalli seeraa fi nageenyaa biyyattii keessatti mullatu amma paartileen siyaasaa walabummaan akka socho’an kan eyyamu miti erga jedheen booda, kanaaf haalli kun filannoo haqa qabeessaa fi dorgommii qixaa qabu gaggeessuu irratti gufuu kan ta’udha jedhe.
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa, filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa torbaffaan kun filannoowwan biyyattiin gaggeessite duraaniirra “walaba, haqa qabeessa fi deemookraatawaaa” akka ta’u bu’aan isaas filattoota, paartilee …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 5, 2025, 7:43 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Shira hoggantoota Somaaleetiin Magaalaa Dirree Dhawaatti jeequmsa kaasuuf qindoominaan hojjatamaa jiraachuun himame
Mootummaan Naannoo Somaalee saamicha Daangaalee lafa Oromiyaa irratti gaggeessaa jiruun, qindoomina jabaa hoggansa mootummaa federaalaa duuban jiran wajjiin ta’uun Magaalaalee Oromiyaa keessattuu kanneen wiirtuu daldalaa fi misoomaa taate bulchiinsa mootummaa Somalee jala galchuuf hojjatamaa jiraachuun barame.
Tattaaffii pireezidantiin mootummaa Naannoo Soomalee obbo Musxafee Mohaammad umar duuban hoggantoonni Somaalee kanneen sadarkaa federaalaatti jiran jiraachuunis himame.
Kana malees hoggantoonni Magaalaa Dirree Dhawaa addatti itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa Magaalaa Dirree Dhawaa obbo Ibraahim Yuusuuf, itti aanaan kantibaa bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa obbo Harbii Buh fi Afyaa'iin Magaalaa Dirree Dhawaa …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 3, 2025, 1:53 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Marii pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii waliin taasisteen Masiriin biyyoonni daangaan isaanii qarqara galaanaa hin daangeessine dhimma galaanaa keessaa harka fudhachuu qabdi jechuudhaan Itiyoophiyaan hirmaannaa Galaana Diimaa akka dhaabdu ibsa baafte.
Pireezidaantiin Ertiraa Onkoloolessa 30/2025 Mariif erga masirii dhaqeen booda marii taasisaniin Ministirri Dhimma Alaa Masirii Badrii Abdulaxiif guyyaa kaleessaa ibsa baaseen, Bulchiinsi Galaana Diimaa biyyoota daangaan isaanii qarqara galaanaa ta'an qofa ilaallata jedha ibsichi.
Bjyyoonni qarqara galaana Diimaa hin taane kamuu dhimma Galaana Diimaa keessaa harka fudhachuu qaban jechuudhaan biyyoonni Galaana hin daangeessine Bulchiinsa Galaana diimarratti hirmaachuuf mirga hin qaban jechuudhaan ibsa baaseen ifoomsee jira.
Masiriin sababa hidhamuu …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 3, 2025, 1:26 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Liqaan biyyaa keessaa Itoophiyaarra jiru Birrii tiriiliyoona 2.56 ga'uun gabaafame
Liqaan Itoophiyaan liqeessitoota biyya keessaa irraa liqeeffatte dhuma ji’a Fulbaana 2025 Birrii tiriiliyoona 2.56 ga’uufi abbootiin qabeenyaa biyya keessaa liqii yeroo gabaabaa malee kan yeroo dheeraa kennuuf eeyyamamoo ta’uu dhiisuu Ministeerri Maallaqaa beeksisuun gabaafame.
Fulbaana bara 2025 keessa qofa mootummaan gama caalbaasii liqaa yeroo gabaabaa ( T-bills) lamaan Birrii biliyoona 53.35 walitti qabuu ministeerichi ibseera. Liqaan walitti qabame kunis kan guyyoota 28 fi 91 irratti xiyyeeffate ta’uu kaasun, abbootiin qabeenyaa guyyoota 364 yookan waggaa tokkoof mootummaaf liqeessuuf fedhii akka hin qabne himan.
Abbootiin qabeenyaa sababni liqaa yeroo dheeraa …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 3, 2025, 1:09 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Balaan tiraafikaa kuma saddeetii ol magaalaa Finfinnee keessatti uummamuun barame.
Kurmaana jalqabaa bara baajataa 2018 keessa taatewwan balaa tiraafikaa yeroo 8,853 qabeenya irra ga'uufi balaa kunneen sababa konkolaachiftoonni seera tiraafikaa cabsaniif ta’uu Poolisiin Finfinnee beeksise.
Balaan kan hammaachaa jiraniif sababa konkolaachistoonni of eeggannoo malee konkolaachisaniif ta’uu eerun,kurmaana jalqabaa keessatti qofa konkolaachistoonni kuma 14 fi 695 ariitiin konkolaachisuu isaaniif ejjennoon irratti fudhatamuu beeksise.
Dabaluunis, konkolaachistoonni kuma tokkoofi 171 eeyyama konkolaachisummaa malee, konkolaachistoonni 172 humnaa ol dhuguun osoo konkolaachisaa jiranii qabamuun tarkaanfiin irratti fudhatamuu ibsan.
Daangaa ol ariifachiisuu, dhuganii konkolaachisuufi eeyyama malee konkolaachisuun sababoota ijoo balaa kana hameessa jiran akka …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 2, 2025, 12:12 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Itiyoophiyaan Ameerikaa, Chaayinaa, Raashiyaa fi biyyoonni biroo hedduun dhimma Galaana Diimaa “giddu-galeessa” fi “furmaata akka argatan” gaafachuu ishee muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru. Galaana Diimaa irratti “nama kamiinuu loluuf fedhii hin qabnu” jedhan Ministirri Muummee; yoo waldhabdeen ka’e garuu bu’aan isaa “ifa” waan ta’eef “namni biyya hin dhaabu.”
Abiy ibsa kana kan kenne gaaffii miseensota paarlaamaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irraa Kibxata Waxabajjii 18, 2018. Muummichi ministeeraa Abiy gaaffiiwwan Galaana Diimaa fi Galaana irratti ka’aniif deebii kennuu kan eegale dhimma dantaa biyyaalessaa kaasuun ture.
Abiy ibsa isaa keessatti Itiyoophiyaan biyya dantaa sabaa isheetiin “haqa hin qabne,” …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 1, 2025, 4:29 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Feedereeshiniin Gaazexeessitootaa Idil Addunyaa eyyami Odu – Gabaastota Dooche Veelee dhooggamuu balaaleffate.
Feedereeshiniin Gaazexeessitootaa Idil – Addunyaa (IFJ) murtee Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Odu – Gabaastota Dooche Veelee yeroof hayyama hojii isaanii dhoggachuu cimsee balaaleffate. Dhaabbatichi eyyamni gaazexeessitoota kunneenii dafee akka bakkatti deebi’us gaafatee jria.
Ibsa Onkoloolessa 31, 2025 baaseen dhaabbatichi, Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa, duudhaa oguma gaazexeessummaa sarbuun gaazexeessitoota kunneen himate jedhe.
Feedereeshinichi dabaluudhaan, taateen kun gaazexeessitoota Dooche Veelee sodaachisuu fi cadhisiisuuf kan fudhatame jechuun ibsee, kunis mirga lammileen biyyattii odeeffannoo dhugaa fi madaalamaa ta’e keessumaa kan walitti bu’iinsa naannoo Amaaraatti deemaa jiru illachisee argachuu qaban kan …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 1, 2025, 4:03 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Mormiin kan itti jabaate Filannoo Taanzaaniyaa Pireezidaantiin biyyattii injifachuun himame.
Filannoo Taanzaaniyaa gaggeeffame Pireezidaantiin biyyatti Saamiyaa Suluuhuu sagalee guddaa argachuun injifachuu Koomishiniin Boordii Filannoo Taanzaniyaa ibse. Kunis wayita dorgomtoonni paartii mormituu hidhaa jirani fi filannoorraa ugguraman yoo tahu, taateen kunis hiriira mormii cimaa guyyootaaf tureef sababa ta’eera.
Koomishiniin Filannoo Biyyaalessaa Taanzaaniyaa, bu’aa harra ifoomseen, Pireezidaantiin Taanzaaniyaa taayiyaataarra jiran Saamiyaa Suluuhuu, buufataalee filannoo Aanotii biyyattii mara irratti sagalee walii galaa guddaa ta’e dhibbeentaa 97.66n injifachuu ifoomse.
Kana hordofees sagantaan kakuu aangoo fudhannaa isaanii Sambata akka gaggeeffamu Televiszyiniin biyyaalessaa biyyattii dabalee ifoomseera.
Paartiin Mormituu biyyattii Chadema jedhamu wayita biyyattiin filannoo …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 31, 2025, 1:48 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Mormii filannoo guyyoota sadii Taanzaaniyaa keessatti geggeeffameen namoonni gara 700 ta’an ajjeeffamuu isaanii paartiin mormituu guddichi Jimaata darbe kan ibse yoo ta’u, mormitoonni ammallee intarneetiin cufame gidduutti daandii irratti argamu.
Mootummaan isaanii duula ukkaamsaatiin kan himatame Pirezidaanti Saamiyaa Suluhu Hassan, ejjennoo ishee cimsuu fi qeeqxota paartii ishee keessa jiran callisiisuuf kan yaalte yoo ta’u, filannoo mormitoonni gurguddoon yookaan hidhaman yookaan akka hin dhaabbanne dhorkamaniiru.
Filannoon Kibxata darbe jeequmsa keessa kan bu’e yoo ta’u, namoonni baay’een daandii Daar es Salaam fi magaalota biroo irratti ba’uun poostaroota ishee diiguun poolisii fi buufata filannoo irratti haleellaa raawwachuun interneetii cufamuu fi sochii …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 31, 2025, 1:25 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
TPLF walii galtee nagaa #Pretoria “Yeroo kamuu caalaa Sodaa hamaa keessa jiraachuu beeksise.
Addi Bilisummaa Uummata #Tigraay (TPLF) mootummaan Itiyoophiyaa Waliigaltee Nageenya Piriitooriyaa cabsuu fi diiguu himachuun, waliigaltichi “yeroo kamiyyuu caalaa balaa hamaa keessa jira” jechuun akeekkachiise.
TPLF ibsa Kamisa kaleessaa baaseen, mootummaan federaalaa waraanni Tigraay xumuruuf Adoolessa bara 2022 mallattaa’e keessatti tumaalee ijoo hojiirra oolchuu dadhabuu isaa ibseera. Gareen kun humnoota kutaalee Tigraay dhuunfachuu itti fufan hidhachiisuu fi deeggaruun akkasumas jiraattota qe’ee isaanii irraa buqqa’an akka deebi’an gufachiisuun “motummaan Itiyoophiyaa waliigaltee kana hiika akka hin qabne gochuuf hojjechaa tureera” jechuun himate.
Haasaa MM Abiy Ahimad tibbana paarlaamaa …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 31, 2025, 10:31 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Amnestii Internaashinaal haleellaa qilleensaa lubbuu namaa galaafate kan Ebla 2025 keessa godaantota Itiyoophiyaa mana hidhaa Yaman keessatti hedduu ajjeesee fi madeesse ilaalchisee Ameerikaan qorannoo hatattamaa fi ifa ta'e akka gootu gaafateera .
Gareen mirga namoomaa kun akka ibsetti, haleellaan waraana Ameerikaatiin yeroo "Operation Rough Rider" Ebla 28 bara 2025 raawwatame, haleellaa madaala hin qabne kan seera namoomaa idil-addunyaa cabsu ta'uu ibse.
Dhaabbatichi bakki haleellaan sun itti raawwatame godaantota haala godaansa seeraan alaa isaanii qofaaf aangawoota Huutiin hidhaman kan keessummeessu ta'uu fi "bakka siiviilii beekamaa" ta'uu ibse.
"Dhugaan gaddisiisaa namoota lubbuun hafan irraa argame gamoo siiviilii, hidhamtootaan guutame, addaan …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 29, 2025, 7:50 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Gabaasni Hordoffii Barnoota Addunyaa (Global Education Monitoring) fi Gabaasa Afriikaa Giddu-galeessa Hoggansa Manneen Barnootaa Spotlight mata duree Lead for Foundational Learning jedhuun ba’e akka agarsiisutti, Itoophiyaa keessatti daa’imman dhibbeentaan 12 qofti barnoota sadarkaa tokkoffaa xumuruun gahumsa barnootaa isa gadi aanaa ta'uun galmaa'e.
Gabaasni UNESCOn baase akka ifoomsetti sadarkaan barumsa waliigalaa guutuu Afrikaattis kan kanaan dura yaadame gadi ta’uu agarsiisa.
Gabaasni kun kan ba’e wantoota hedduu sirna barnootaa Itoophiyaa duraanuu dadhaboo ta’e kana daran dhiphisan hordofee akka ta'es ragaaleen ba'an ni mul'isa.
Akka gabaasa kanaatti keessattu naannolee akka Amaaraa, Oromiyaa, fi Tigraay keessatti manneen barnootaa sababa waraanatiin buqqa’iinsa uumata, …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 29, 2025, 3:37 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Mootummaan abbaa irree kan naasuu namaa takkallee hin qabne goleelee Oromiyaa mara keessatti namoota nagaa maqaa qabata Waraana Bilisumma Oromoo qabduutiin Ajjeesaa, Qabeenya saamaa, Mana irratti gubaa, Mana hidhaatti guuree dararaa kan ture fi yeroo ammaa kanas kan yeroo kamii caalaa jabaatee kan itti fufe ta’uun kan beekkamuudha.
Haaluma Kanaan Kibba baha Oromiyaa godina Arsii bahaa ona Shirkaa Araddaa Noonnoo Jaawwii jedhamu keessatti Onkololeessa 28/2025 loltoonni sirna pp namoota nagaa 14 jjeessuun baramee jira.
Onicha kana keessatti yeroo hedduu irra deddeebiin gochi wal fakkataan raawwatamaa kan ture yoo ta’u, humnoonni nageenya mootummaa kun ummata nagaa nama 14 bakka …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 28, 2025, 12:51 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Harmeen Godina Shawaa Lixaa Aanaa Naannoo Ganda Halloo Dinkii keessaa haleellaa humna Finxaalessa Faannootiin Onkoloolessa 19 bara 2025 raawwatameen butamanii bosona keessa tursiifaman gochi sukaneessaa irratti raawwatamuu isaanii BBCn gabaase.
Maqaan isaanii Aadde Muluu Alamuu jedhamu. Aanaa Noonnoo Ganda Halloo Dinkii jiraatu. Aadde Muluun haadha ilmaan torbaati.
Onkololeessa 19 bara 2025 haleellaa hidhattoonni Faannoo naannichatti raawwataniin namoota seenaa gaddisiisaan isaan mudate keessaayi.
Aadde Muluun guyyaa sana biyyi nagaadha jedhanii ulaa cufatanii ijoollee isaanii xixiqqaa shan waliin mana keessa turan. Irbaata nyaatanii hanga sa'aatiin hirriibaaf ciisan gahutti mucaa xiqqaa hammatanii taa'aa turan.
Galgala sa'aatiin sadi yoo ta'u garuu waan …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 28, 2025, 12:27 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Liqaan waliigalaa Itoophiyaarra jiru doolaara biiliyoona 23 hin caalu, biyyattiin liqaa irra jiru kaffaluuf rakkoo homayyuu hinqabdu” - Abiy Ahimad
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) gaafilee miseensota mana mareerraa dhiyaataniif deebii kennaniin, Waliigalaan liqaan Itoophiyaarra jiru doolaaraa biliyoona 23 ta’uu himuun, kanas ofirraa kaffaluuf rakkoon tokkoyyuu akka hin jiraanne ibsan.
Mariin liqaa Yuurooboondii ilaalchisee taasifamaa ture waliigalteen irra akka hinga'amne mirkaneessuun, kunis liqeessitoonni dinagdeenifi alergiin keessan saffisaan guddachaa jira waan ta’eef liqaa isinirra jiru kaffaluu dandeessu jechuun waliigalticha raawwachuu dhiisu dubbate.
Idaan doolaara biiliyoona afurii haga 4.5 ta’u yeroon itti kaffalamu akka dheeratu taasifamuu himuun, jijjiirama biyyaalessaa …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 27, 2025, 2:55 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo godina Wallagga Bahaatti sochii uummanni taasisu danqaa jiraachuun barame.
Jiraattonni maddeeniif akka yaada isaanii kennanitti Uummanni Aanaalee garaagaraatii sochii gara magaalaa Naqamteetti taasisu danqaa jiraachuu dubbatan.
Aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Eebantuu, Haroo Limmuu fi Limmuu Galiilaatii sochiin geejibaa gara magaalaa Naqamteetti taasifamu sababa hidhattoota garee kanaatiin gufataa jiraachuu dubbatan.
Hidhattoonni finxaaleyyiin hawaasa nagaa fakkaatanii godinicha keessa qubatanii jiran imaltoota ukkaamsuun maallaqa guddaa gaafachuu ibsanii, imaltoota irratti haleellaa bananii lubbuu namaa dabarsuuttis jiruu jedhan.
Sababii kanaan uummanni karaa gara magaalaa Naqamteetti imalu dhabuu eeranii, konkolaachiftoonnis sodaa nageenyaaf jecha karaa sana irra imaluu akka didaa jiran dubbataniiru. …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 27, 2025, 2:39 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Akka gabaasni baye ibsutti bidiruun nama 200 ol feetee imalaa turte qarqara galaana edan irratti dhidhimuun lubbuun namoota 90 olii kan galaafataman yoo ta'u, baqattoonni kunniin hundi isaanii kaaba Itiyoophiyaa Tigraay irraa kan dhufan ta'uus maddeen eeranii jiru. Viidiyoon gabaabaan toora interneetii irratti ba'e reeffa isaanii yeroo qarqara galaanaatti dhiqaman agarsiisa jedhame, Uffataa fi faaya isaanii irraa, naannoo kibba Tigraay Raayaa irraa akka dhufan ni mul'isa.
Bara 2020 hanga 2022 gidduutti lola hamaa kanaan dura muuddateen namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman du’uun kan yaadatamuudha.
Amma waldhabdeen #Itoophiyaa fi #Ertiraa jidduutti hammaataa dhufuun, Tigraay keessaa murnoonni adda addaa ammas lolaaf …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 27, 2025, 1:22 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Dhaabbati daldalaa Saa’udii Arabiyaa Reed Sii Wiingeetis (Red Sea Wingates) jedhamu buufata doonii Taajuraa waggoottan soddomman dhufan bulchuuf Abbaa Taayitaa Buufataa fi Naannolee Qaraxa irraa Bilisaa Jibuutii waliin walii galtee mallatteesse.
Akka marsariitiin odeeffannoo Maariitaayim Egziikiyutiiv gabaasetti, walii galteen kun erga biyyooti lameen Bitootessa 2025 dhimmoota sochii galaanarraa fi loojistiikiirratti walii galtee taasisan hordofee ta’uun ibsameera.
Gama biraan walii galteen kun kaayyoo tajaajila geejjiba gama hundaa Kaaba Jibuutii fi Itoophiyaa jidduu baballisuu waliinis yaada wal simu kan qabudha jedhameera.
Fakkeenyaaf torbee darbe Koorporeeshiniin Baaburaa Itoophiyaa daandii baaburaa sararoota akka Taajuraa, Asab, fi Mitsuwwaan wal qunnamsiisu ijaaruuf pirojaktii Doolaara …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 24, 2025, 2:09 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Keeniyaan iyyata koolu galtummaa lammilee Itoophiyaa fi Eertiraa tokko tokkoon akka ilaaltu beeksifte. Kunis murtee galmee himataa koolu galtootaa lammilee Itoophiyaa fi Eertiraa ilaalchisuun waxabajjii darbe murteessite ibsa kenname ta’uun ibsameera.
Komishinarri Dhimma Baqattootaa Keeniyaa kan himata Mana Murtii Ol’aanaatti dhiyaateef deebii kennan, galmeen koolu galtoota kanneen dubartoota, daa’imman, qaama miidhamtootaa fi namoota miidhaan qaamaa irra ga’eef dhimma isaanii addatti ilaaluuf akka jiru himani.
Bakka bu’aan Komishinarri Dhimma Baqattootaa Meersii Muwaasaaruu, dhimmoonni ilaalamaa jiran qajeelfama seera idil-addunyaatiin kan mirkana’aan ta’uu, namni tokko biyya itti miidhaan irraa gahee , biyya ari’atamee, dararaamee, ykn miidhaa cimaa biroo isaan mudatutti akka …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 24, 2025, 1:48 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Ertiraanonni reeffa baqataa isaan waliin ture qabatanii deemaa turan, daangaa Belaarus irratti argaman. Ertiraanonni lama reeffa baqataa isaan waliin godaansarra ture qabatanii deemaa turan daangaa Belaarus irratti argaman.
Karaa kuta bulchiinsa Kaabaa Belaarus, Biraaslaav jedhamu kan Latiiviyaa waliin wal daangeesuun reeffi lammii Ertiraa argamuu midiyaan ACB gabaaseera.
Ertiraanota ta'uu isaanii turjumaanaan kan ibsan godaantonni kunneen akka ibsanitti, Latiiviyaa erga seenaniin booda namoota uffata loltootaa uffataniin reebichi irratti raawwatameera.
Namoonni uffaa loltootaa uffatanii isaan reeban kunneen bilbila isaanii akka jalaa fudhatan, meeshaadhaan akka doorsisan, akkasuma daangaa Belaarus irratti isaan gatanii akka deeman dubbatu godaantonni Ertiraa kunneen.
Godaantonni Ertiraa kunneen …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 23, 2025, 7:54 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Naannolee Itiyoophiyaa bakka gara garaarraa dhaabbata oduu Jarman kan ta’e Dooche Veeleef kan gabaasan gaazexeessitoonni, akka hojii gabaasaa hin hojjenne dhoorgamuu isaanii dhaabbatichi ibse.
Dhaabbanni Oduu Dooche Veelee har'a galgala Fuula Miidiyaa hawaasaa isaatiin “Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa xalayaa barreesseen, Dooche Veelee fi Odugabaastonni isaa seera Itiyoophiyaa sarbaniiru, naamusa hojichi gaafatus hin kabajne jechuun himateera” jechuun ibse.
Dhaabbanni Miidiyaa kun ibsa isaatiin, “Oduu gabaastota isaa Itiyoophiyaa keessa jiraniin bara 1980 kaasee dhimmoota siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, akkasumas kan Gamtaa Afrikaa dabalatee, dhaabbilee Itiyoophiyaa keessa, kan naannoo, kan Ardii Afrikaa fi Idila addunyaa kan ilaallatan gabaasawwan hordoffii gabaasaa ture” jechuun …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 23, 2025, 2:30 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Balaa tiraafikaa Godina Shawaa Bahaa Ona Boosatitti mudateen namoonni sagal du’uu qajeelchi poolisii Ona beeksise.
Iinispaktar Olaanaa Silashii Bayii; Qindeessaan Nageenya Tiraafikaa Ona Boosat, balaan kun Onkoloolessa 22, 2025 halkan Ona Boosat naannoo saatii sagaliitti dhaqqabuu maddeeniif himanii, konkolaataan geejjiba uummataa Adaamaa ka’ee gara Matahaaraa imalaa ture konkolaataa fe’umsaa Isuuzuun walitti kiphee bu’uun lubbuu namoota kanaa galaafachuu mirkaneessan.
Balaa kanaan imaltoonni afur battaluma bakka balaan kun dhaqqabetti yoo du’an, afur gara Hospitaala Boosat geeffamanii du’uu fi nami tokkos yaalaaf gara Adaamaatti ergamee achumatti du’uu Iinispektar Olaanaa Silashiin dubbataniiru.
Namootni sadii dabalata balaa kanaan miidhamuu kan himan Qindeessaan Nageenya …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 22, 2025, 4:08 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Itiyoophiyaan biyyoota hanna irraa eegumsi xiqqaa ta’e keessaa tokko ta’ee haftee jirti, indeeksii hanna addunyaa bara 2025 irratti biyyoota 112 keessaa sadarkaa 102ffaa irra jirti.
Indeeksii Hanna Addunyaa bara 2025, kan dhaabbata eenyummaa mirkaneessuu Sumsub CryptoUK, Waldaa Qabeenya Dijitaalaa, Vixio Regulatory Intelligence, fi Waldaa Fintech MENA waliin ta’uun maxxanfame, biyyoota bu’uuraalee imaammata farra hannaa, bu’uuraalee misoomaa, babal’ina hannaa, dhaqqabummaa qabeenya, fi dandeettii dinagdee irratti hundaa’uun madaaleera.
Indeeksiin Kibxata darbe ba’e kun Ityoophiyaan ittisa yakka dijitaalaa fi faayinaansii irratti dadhabina sirnaa mudachuu itti fuftee akka jirtu ibsa. Bara 2024tti biyyattiin biyyoota 103 keessaa sadarkaa 99ffaa irratti kan argamte yoo …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 22, 2025, 3:36 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Toleetti ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni dubbatan.
Godina Kibba Lixaa Shaggar Ona Tole ganda Tummee Yaayyaatti ergamtoonni PP namoota nagaa ukkaamsuun, kaan hidhaa, kaan achi buutee isaanii wallaalchisuu jiraattoonni FNNniif himanii jiru.
Qaamni hidhate kan mootummaan PP bobbaase kunneen nama nagaa hojii isaa malee maqaa qabata WBO qabdu jedhuun mana hidhaattii guuraa jiraachuu itti dabaluun himan.
Haaluma kanaan nama maqaan isaa Yaaddessaa Rattaa jedhamu maqaa "deggeraa WBO'ti, odeessa laattaaf jedhuun halkan mana isaatti iiti seenuun erga ukkaamsanii fuudhanii deemanii hanga yoonatti achi buuteen isaa wallaalamee jiraachuu jiraattonni …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 22, 2025, 3:23 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Dhabbaata Siivilii fi waraanaa Aveshinii Dajan keesaatti loogii hamaan jiraachuu hojattoonni himan.
Hojjettoonni Siivilii fi waraanaa dhaabbata Aviyeeshinii Dajan ogummaa isaanitiin hojjetan loogii hamaan nurratti raawatamaa jiraa jedhan.
Akka hojattoonni dhaabbatichaa maddeeniif yaada kennanitt osoo nuti ogummaa keenyaan dirqama ogummaa keenyaa ba'annee hojachaa jirruu nu hojiirraa nu ugguranii lammiilee biyyoota alaa qofaaf carraa hojii kennaa jiraachuu dubbatan.
Dhaabbanni Aviyeeshinii Dajan (DAVI) hojii suphaa xiyyaara waraanaa gosoota garaa garaa namoota ogummaa adda addaa qabaniin hojii aviyeeshinii geggeessaa ture. Haa ta'u malee mootummaan PP naamusa hojii fi hojjetaa hin kabajne adeemsa seeraa tokko malee fi labsii tokko malee mirga hojjettoota …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 21, 2025, 2:38 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Godina Shawaa Lixaa ona Noonnotti haleellaa hidhattoonni Faannoo gaggeessaniin namoonni nagaa 22 ol ajjeefamuu jiraattonni maddeeniif himan.
Haleellaan kun ona Noonnoo ganda Halloo Dinkii jedhamutti Dilbata, Onkoloolessa 19, galgala raawwachuu kan himan jiraattonni gandichaa, godinota Oromiyaa hidhattoonni Faannoo namoota nagaarratti irra deddeebiin ajjeechaa raawwachuun himataman keessaa Godinni Shawaa Lixaa, onni Noonnoo ishee tokkodha.
Jiraattonni maddeenitti akka himanitti, qaamoleen hidhatan, kan isaan Faannoodha jedhan onoota ollaa Godina Guraagee irraa dhufuun Dilbata galgala haala suukaneessaa ta’een namoota nagaarratti ajjeechaa raawwatanii deebi'an jedhan.
Jiraataan onichaa nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin dhahamne gaafatan haala ture maddeeniif akka himanitti, hidhattoonni kunneen onoota Godina …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 21, 2025, 11:34 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Balaa baabura Wiixata galgala sarara Dirre Dhawaafi Dawwallee irratti muudateen namoota 14 lubbuun darbuun 29 balaa cimaan irra ga'uun barame.
Balaan kun halkan keessaa sa’a 8:00 titti naannoo Somaalee ganda Shinillee keessatti muudachuu odeeffannoon TV naannichaa Dirree TV bunchiinsa aanaa caqasuun baase ni ibsa. Baaburri geejjiba ummataa imaltoota baatee Dawwallee gara Dirre Dhawaa osoo deemaa jiruu balaa kun muudachuu eerame.
Suuraaleen tattaaffiin baraarsaa gaggeeffamaa ture agarsiisanis, sababni balaa kanaa bal’inaan hin ibsame.
Daandiin Dirre Dhawaa–Dawwallee qaama sarara baaburaa seena qabeessa, Faransaayiin ijaarame, sarara dhiphoo magaalaa Dirre Dhawaa Itoophiyaa fi magaalaa daangaa Dawwallee gidduutti deemu keessaa tokko.
Dabalii Ilaali
Published Oct. 20, 2025, 2:31 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Godina Shawaa Lixaa ona Noonnoo ganda Halloo Dinkiitti haleellaa Halkan edaa hidhattoonni Faannoo raawwataniin namoonni nagaa 22 ajjeefamuu dhagahameera.
Haleellaa kanaan namoonni sadi madaa'uun hospitaala jiraachuus maddeen jraattota waabeffachuun gabaasaniiru.
Haleellaan kun Halkan edaa Onkoloolessa 19/2025 naannoo toora sa’aatii sadiirratti akka raawwatame maddeen kan himna yoo ta’u, Humnoonni Fiinxaaleyyii Faannoo kunneen mana maatii hedduutti seenuun jumlaan bifa suukanneessaan fixaa akka turan maddeen ifoomsanii jiru.
Dhukaasni hanga halkan sa'atii 3:00 jalqabee hanga sa’aatii 6:00tti kan ture yoo ta’u, qaamni nageenya hanga yeroo kanaatti akka hin birmanneedha kan himamu.
Hidhattoonni haleellaa kana raawwatan naannoo Jiddu galeessa Itiyoophiyaa jedhamu Godina Guraagee …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 19, 2025, 3:30 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Oduulee keenya har’aatiin, Itoophiyaan liqaa irra jiru kaffaluu dadhabuu, humnoonni hidhatan naannoo Amaaraa bakkoota hedduu too’achuu, mootummaan naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa cabsuun Aanaalee hedduu too’achuuf karoorfachuu, miseensonni humnoota Tigraayi fincila kaasuu isaanii fi Israa'el Gaazaatti haleellaa qileensarraa raawwachuu asii gadii argattu.
ODUU diinagdee Itoophiyaa
Itoophiyaan liqaan walqabatee marii irra jiraattus, akka biyya liqaa alaa irra jiru kaffaluu dadhabdeetti sadarkeeffamte jedhame.
Dhaabbanni idil-addunyaa sadarkaa liqii adda baasu,fiich reetingis jedhamu gabaasa haaraa Onkololeessa 17, bara 2025 baaseen, Itoophiyaan liqeessitoota faana marii irra jiraattus liqaa alaa irra jiru muraasa kaffaluu dhabuun sadarkaa “Restricted Default” ( biyya liqaa irra jiru kaffaluu dadhabde …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 18, 2025, 1:36 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Lola naannoo Amaaraa keessatti humnootii Faanoo fi loltoota mootummaa gidduutti deemaa jiruun gareen faannoo naannicha keessatti bakkoota adda addaa too’aachuu jiraattoonnii fi hoggaantonni maddeeniif himani.
Gondar Kibbaa fi Wolloo Kaabaa kan wali qunnamsiiftu magaalaa Caacehoo jedhamtu gareen hidhatee naannoo Amaaraa keessa socho’uun too’atamuu jiraattonni himan. Humnoonni kuni magaalaa kana qofa osoo hin taanee magaloota akka Zaabit, Garagaraa fi Aflaqiit dabalatee bakkoota hedduu.” too’aachuu jiraatan kuni hime.
Haaluma walfakkaatuun ajajaan garee Faannoo godina Walloo Kaabaa Meejar Miikiyaas maddeeniif akka himanitti, Fannoon kaabaa Walloo qofa keessatti aanaalee jaha to’achuun beeksiseera. Itti dabaluudhaanis kaleessa loltoonni mootummaa naannoo Raayaa Qobboo Muujjaa fi …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 17, 2025, 3:23 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Waggaatti bishaan Naayilii rooba meetira kiyuubii biiliyoona 1,660 ol kan argatu ta’us, gara meetira kiyuubii biiliyoona 84 qofa—tilmaamaan dhibbeentaa shan—Gibxii fi Sudaan kan ga’u ta’uu dubbataniiru.
Madbouly walgahii cufiinsa torbee bishaanii Kaayiroo 8ffaa Kamisa darbe irratti haasawa taasisaniin, sagantichi ''dhimmoota ijoo wiirtuu nageenya bishaanii idil-addunyaa ta'an'' irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, keessumaa qormaata biyyoonni qabeenya waliinii bulchuu keessatti nageenyaa fi misooma lamaan isaanii mirkaneessuu keessatti mudatan.
“Masriin qormaata kanaaf fakkeenya ifa ta’e, sirna bishaanii walxaxaa qabeenya muraasa qabu, guddina baay’ina ummataa walitti fufiinsa qabu cinatti laga daangaa ce’u irratti %98 ol hirkattee jirti, akkasumas qoodni bishaanii mataa namaa …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 17, 2025, 2:45 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Hoggantuun duraanii Baangilaadesh fincilaan aangoorraa kaate murtee du'aan akka adabamtu gaafatame.
Hoggantuun duraanii Baangilaadesh fincilaan aangoorraa kaate sheekii Hasiinaa murtee du'aan akka adabamtu abbootiin alangaa gaafatan.
Abbootiin alangaa Baangilaadesh MM duraanii biyyattii Sheekii Hasiinaa yakka fincila aangoo irraa ishee buuse irratti hojjetteef murtiin du'aa akka irratti murtaa'u gaafatamuu midiyaaleen gurguddoon addunyaa beeksisan.
Akka gabaasa kanaatti fincila barattootaa guddaatu Sheekii Hasiinaa aangoo irraa buuse. Yeroo sana barattoonni ajjeefamuu fi hidhamuun mootummaa isheen gaggeeffamaa ture.
Hasinaan fincilli hammaannaan gara Hinditti baqatte. Yakka namoomaa hojjechuun himatamtee ammayyuu qorannoon irratti gaggeeffamaa jira.
Humnoonni nageenyaa finciltoota irratti ''meeshaa waraanaa'' akka fayadaman ajajjeetti jedhamuun …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 17, 2025, 2:27 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Mormii qeerroo mootummaa Madakaaskar diigsise booda qondaalli waraanaa biyyattii Kol Mikaayel Randiriyaaniriinaa pirezidantii ta'uun kakuu seenan.
Pirezidantiin Madagaaskar mormii qeerroo torbanootaaf ture booda biyyaa baqachuun dhokatan. Ergasii paarlaamaan biyyattii sagalee kennuun aangoorraa kaase.
Mormitoonni biyyattii rakkoo mudateef mootummaan itti gaafatamummaa akka fudhatu gaafataa turan.
''Guyyaan har'aa seenaa biyya keenyaa keessatti guyyaa murteessaadha. Guyyaa boqonnaa haaraa itti jalqabnu,'' jedhan pirezidantii haaraan kun.
Gabaasi AFP akka mul'isutti pirezidantii haaraan kun qeerroowwan biyyattii jijjiiraman fedhan galateeffataniiru.
Biyyattiin amma ce'umsarra kan jirtu yoo ta'u, qaawwaan siyaasaa fi seeraa mudateera. Kun ammoo Kol Randiriyaaniriinaaf qormaata guddaadha.
Hiriirri mormii biyyattii keessatti ji'a darbe eegale …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 16, 2025, 8:44 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Hidhattoonni mootummaa PP Wallagga Bahaa keessatti qonnaan bulaa tokko ajjeesuu fi qabeenya saamuun barame.
Godina Wallagga Bahaa ona Haroo Limmuu keessatti hidhattoonni mootumma pp namoota nagaa maqaa qabata wbotii ajjeessuun kan yeroo kamii caalaa jabaatee kan itti fufe ta’uu jiraattonni maddeeniif ibsan.
Bifuma Kanaan milishaan PP mana nama miidhame kanaa seenuun itti dhukaasee erga ajjeesee booda mana isaas abiddaan barbadeessuu jiraattonnii maddeeniif himanii jiru, meeshaalee manaa fi qabeenya hunda barbadeessuu fi Loon 19 fi harroota lama ooffatanii gara kaampii waraanaa magaalaa onichaatti geeffachuus itti dabaluun maddeeniif himanii jiru.
Akka jiraattonni maddeeniif himanitti, namni du’e kun, Waraana Bilisummaa Oromoos …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 15, 2025, 2:45 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Ameerikaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu hordoffii fi mirkaneessuu Kaatar Dohaatti mootummaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo(DRC)fi garee finciltoota M23 jidduutti taasifame gammachuudhaan simatte.
Waliigaltichi waldhabdee waggoota dheeraaf baha Koongoo keessatti muudate dhaabuuf tattaaffii godhamaa jiru keessatti “tarkaanfii murteessaa” ta’uu Waajjirri Gorsaa Ol'aanaa Ameerikaa Dhimma Arabaa fi Afrikaa ibsa kenneen beeysiseera.
Akka ibsichaatti, mala hordoffii fi mirkaneessuu haaraan kun kaayyoowwan ijoo armaan gadii galmaan ga’a:
1• Waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuu kamiyyuu qorachuu fi mirkaneessuun itti gaafatamummaa ni dabala.
2• Qaamolee wal lolan lamaan jidduutti wal amantaa uumuun marii nagaa itti fufiinsa qabuuf haala mijaawaa ta’e ni uuma.
3• Naannoo waldhabdee keessatti waldhabdee …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 15, 2025, 2:28 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Kibxata kaleessaa Itoophiyaan haala kaffaltii liqaa isheerra jiru fooyyeffachuuf liqeessitoota waliin mariin gaggeessite walii galtee malee xumurameera. Rooyitarsi akka gabaasetti, kanaafis ka’umsa kan ta’e sekterri faayinaansii biyyattii amansiisaa ta’uu dhabuu ta’uu eere.
Bara 2023 liqeessitootaaf kaffaltii taasisuu wayita qabdurra dabartee kan turte Itoophiyaan, walii galtee Gamtaa biyyoota 20tiin furmaata yeroo gabaabaan yeroon kaffaltii dheerateefii ture. Wayita liqeessitoonni kun akkas jedhanitti, mootummaan garuu “walii galteen fooyya’aa ta’e argamaa jira” jechuun ibsee, wal dubbiin abbootii boondii kanaa waliiniis eger itti fufa jechuun gabaasi Rooyitarsi ibseera.
Oduun kun ibsa rhe wabeeffachuun akka gabaasetti, abbootiin boondii liqii isaanii keessa 15 % gad …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 14, 2025, 4:26 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Yuunvaristileen Itoophiyaa keessa jiran hedduun bara dhufurraa eegalee tajaajila biroof ooluu akka danda’an ministeerri barnootaa beeksise. Akka ministeerichi hibsetti, barattoonni yuunivarsiitii filatanitti barachuu akka danda’an erga jedhee booda, yuunivarsiitiiwwan hafan tajaajila biroof oolu jedhe.
Walgahii Ministera Barnootaa fi yuunivarsiitiiwwan mootummaa torbee darbe Jimaata Onkololeessa 10/2025 irratti haasaa kan taasisan Ministirri Barnootaa Birhaanuu Naggaa, waggoottan dhufan keessatti ramaddiin barattoota yunivarsiitii akka dhaabbatu fi barattoonni fedhii isaanitiin Yuunvaristii barbaadan filatanii akka baratan ibsan. Itti dabaluun Yuunivarsiitiiwwan barattootaan hin filatamne tajaajila biroof kan oolan ta’uu kan ibsan ta’us, Yuuvarsiitonnii kunneen tajaajila akkamiif akka oolaan ammaaf hin ibsine.
Yuunivarsiitiiwwan sirni baruu fi …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 13, 2025, 3:02 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Suudaanitti haleellaa kaampii namoota sababa lola naannichatti taasifamaa jiruun buqqa'an irratti taasifameen lubbuun daa'imman 17 darbuun, daa'imman 21 miidhamuu UNICEF’fif gabaafamuu miidiyaaleen garagaraa eeran.
Akka gabaasa miidiyaalee kanaatti, gareen Ebla 2023 kaasee Humnoota Waraanaa Suudaan lolaa ture, ‘Rapid Suport Forces RSF’ haleellaa Sambata darbe taasiseen namoonni haga 60 ta’an du’aniiru.
Lolli kunis gaaga’ama mirgoota namoomaa uumun namoonni miiliyoona 10niin lakkaa’aman beela hamaa keessa akka galan taasiseera.
“Haleellaan hamaan daa’immanii fi maatii duraanuu buqqa’anii nageenna barbaadan irratti raawwatame kun gara jabummaa guddaadha,” jedhan Kaatiriin Raasil, Daarektarri Ol'aanaa UNICEF.
“Daa’imman ajjeesuu fi madeessuun mirga isaanii hammeenyumman sarbuu yoo ta’u, haleellaan …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 13, 2025, 1:06 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Gabaasni Baankiin Addunyaa hiyyummaa fi walqixxummaa qabeennaa ilaalchisuun tibbana baase akka tilmaama kaa'etti, Itiyoophiyaa keessatti bara 2025tti sadarkaan hiyyummaa gara dhibbeentaa 43tti ol guddachuu akka danda'u ibseera.
Itiyoophiyaan waggoota kurnan lamaa oliif hiyyummaa hir'isuu irratti tarkaanfii guddaa erga fudhattee booda waggoota dhiyoo asitti garuu qormaanni alaa fi keessoo lammiilee biyyattii irratti wal jijjiiruun jijjirama hiyyummaa keessaa bahuu lammilee irratti dhiibbaa uumuu itti fufee jira jedhe gabaasni Baankichaa.
Weeraraa Koovidiin jalqabee, waraanni biyya keessaa kaaba Itiyoophiyaa fi kaanii akkasumallee gogiinsi cimaa fi qaala'iinsi jireenyaa hammaachuun, GDP biyyatti suuta guddachuu kanaaf sababboota akka ta'an ibseera.
Sadarkaan hiyyummaa biyyattii bara 2016 …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 12, 2025, 2:03 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa godinaalee Amaaraa, Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz fi Gaambeellaatti haleellaa, uggura, saamichaa fi manca’iinsa daandii irraan kan ka’e mirgi bilisummaa sochii “balaa jala jira” jedheera. EHRC akka jedhetti dhiittaan mirga namoomaa naannolee kanneen keessatti raawwatame sababa buufata sakatta’iinsaa, cufamuu daandii, sochii dhorkuu fi yakka daandii irratti raawwatamuun “yaaddoo” ta’ee argee jira jedhe.
Komishinichi kana kan jedhe gabaasa argannoowwan hordoffii fi qorannoo mirga namoomaa “haala waldhabdee” fi “haala waldhabdee hin qabne” irratti Dilbata Waxabajjii 1 maxxanfameen; 2018. Komishinichi hordoffii fi qorannoo isaa Ebla 2017 hanga Adoolessa 2018tti akka gaggeesse ibseera.
Hordoffii fi qorannoo naannolee afur keessatti gaggeeffame …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 11, 2025, 1:54 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Akka lakkoofsi Giriigooriyaanii bara 2025tti Biyyoota Addunyaa irraa maallaqa lafaa qaban keesaa sadarkaa 26ffaarratti argamti jedhame.
Iraan, Libaanosiifi Zimbaabuwee
itti aansuun biyya sadarkaa ol'aanaa irra jirti, jedhameera.
Daataan yeroo dhiyoo kana marsariitii qorannoo diinagdee XS.com jedhamu irraa bahee jira.
Akka gabaasa kanaatti birriin Itiyoophiyaa Yamanitti aanee Heeyitiirra ammoo fooyyee qabaachuun duubaan sadarkaa 26ffaa irratti argama.
Baankiin Addunyaas bara darbe lakkoofsa Giriigooriyaanitti Birriin Itiyoophiyaa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti maallaqa dadhaboo ta’an keessaa tokko ta’uu gabaaseera.
Dhaabbanni maallaqaa idil-addunyaa sharafni maallaqaa baase akka beeysisetti, sharafni maallaqaa tokkoon tokkoon biyyaa doolaara Ameerikaa waliin wal bira qabamee ilaalamu irratti hundaa’a.
Kana …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 11, 2025, 1:30 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Lolli haaran humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannooo Amaaraa gidduutti Naannoo Amaaraa, addattuu Godina Walloo Kaabatti as dhiyeenya kana dabalaa dhufe lubbuun namootaa galaafachuufi hedduu madeessuu Waldaan Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) beeksise.
Dhuma ji’a Fulbaanatti haalli namoomaa daran hammaachuu kan gabaase ICRC, “lolli akka tasaa naannichatti hammaate namoota hedduu miidhuu, loltoonni qabamuufi rakkoolee hammaatoo namoomaa biroon” kana hordofsiisuu eere.
“Guyyoota darban keessa namoonni baay’een du’an yookan madaa’an,” jedha hogganaan garee Laallibalaa ICRC Maartiin Taalmaan, iddoowwan caalman miidhaman Qulmaskiifi Mujjaa deebi’uun. “Hogeeyyiin giddugala fayyaa iddichaa loltootafi namoota nagaa madaa’an meeehaalee yaalaa xiqqoo jirtu fayyadamuun yaalaniiru. “Namoonni booji’aman 16 akka malee …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 11, 2025, 12:58 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaata Addunyaa baqattoonni Itiyoophiyaa keessa jiran balaa beelaaf saaxilamuu akeekkachiise.
Dhaabbatichi sababa hanqina maallaqaatiin raabsaa nyaataa hir'isuuf waan dirqameef sodaan beelaa dabaluu ibseera.
Ji'a Onkololessaa keessa Sagantaan Nyaata Addunyaa baqattoota kuma 780'f dawoo baqatttootaa 27 Itiyoophiyaa keessa jiraniif deeggarsa midhaan nyaataa dhibbeentaa 60 dhiyeessaa ture gara dhibbeentaa 40tti hir'isuuf akka dirqame beeysise.
Kana jechuun tokkoon tokkoon namaa gargaarsa nyaataa guyyaatti kaalorii kuma tokkoo gadi argatu jechuudha.
Baqattoonni haaraan kuma 70, kanneen walitti bu'iinsa biyyoota ollaa Suudaan fi Suudaan Kibbaa keessaa baqatan qofti ji'oota jahan dhufaniif raashinii guutuu kan argatan ta'uu ibseera.
Dhaabbatichi baqattoota haaraa …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 10, 2025, 2:52 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Guutummaa Itoophiyaatti ji’a Adoolessaa hanga Hagayyaa 2025 gidduutti daa’imman hanqina nyaataa cimaan isaan muudate kuma 100 ol wal’aansaaf mana yaalaa dhaquu Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) Gabaasa Haala Gargaarsa Namoomaa haaraa baaseen beeksise.
Akka gabaasa kanaatti, daa’imman hanqina soorataa hamaan isaan muudate waliigalaan 104,891 ta’an yeroo ji’oota lamaa kana keessatti nyaata wal’aansaa( therapeutic feeding) argataniiru. Sagantaa nyaata wal’aansaa kennuufii kanaanis dhibbeentaan 94 yaalicha sirnaan goolabuun fayyuu, dhibbeentan lama yaalicha addaan kutuufi dhibbeentan 0.2 du’uu kan gabaase UNICEF, kanas ‘bu’aa guddaa’ fi ‘gidduu seentummaa qulqullina olaana qabu’ jechuun ibse.
Naannoon Oromiyaa naannolee biroo hunda caalaa akka miidhame eerun, …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 10, 2025, 2:33 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
godina Kaaba Shaggar ona Jiddaa ganda Gaangoo eddoo Dooyyoo jedhamutti gaafa Onkoloolessa 6,2025 loltootni mootummaa haadha ilmaan kudha lamaa, maqaan ishee Ayyaluu Asfawuu jedhamtu ilmaankeetu miseensota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun halkan walakkeessa toora sa'a 5:00tti mana isheetti itti seenuun fuudhanii erga deemanii rasaasa itti roobsanii ajjeesuun barame.
Qaamni kun erga ajjeeseen boodaas reeffa bakkeetti gatee akka deemee fi uummanni barii san fuudhanii akka awwalaan jiraattoonni madeeniif himanii jiru.
Haati kun hawwasa naannoo biratti nama kabajaa fi jaajala gudda qaban akka taranis jiraattonni maddeeniif ibsanii jiru.
Bu’aa siyaasaaf jecha haadholii Oromoo ajjeesuu, ilmaan ishee ajjeesanii reeffa irra teessisuu, hidhanii …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 7, 2025, 6:14 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Ertiraa fi TPLF waliin ta’uun waraana narratti banuuf jechuun Etoophiyaan himata banuu beeksifte.
Haleellaa dhiheenya kana naannoo Amaaraa magaalaa Woldiyaa irratti hirmaachuu ragaa argadhee jira kan jedhe Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa, mootummaan Eertiraa fi Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) waliin ta’uun “waraana Itoophiyaa irratti waraana gaggeessan jechuun himate.
lamaan isaanii gamtaa haaraa “Tsimdo” jedhamu jalatti waliin hojjachaa jiru jechuun kan himate yoo ta'u Ministeerichi, lamaan isaanii haleellaa tibbana milishaa Faanoo Woldiyaa qabachuuf kaayyeffate keessatti hirmaachuu isaaniis hima.
Xalayaa Onkoloolessa 2 bara 2025 Barreessaa Muummicha #UN António Guterref Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Timothewos barreessaniin “waliigaltee mootummaa Eertiraa fi murna …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 7, 2025, 2:24 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Ministeerri Barnootaa Qabxii Seensa Riimeediiyaalii beeysiseera.
Ministeerri Barnootaa bara barnootaa 2018tti barattoonni Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa qabxii dhibbeentaa 49.5 gadi galmeessan; garuu ammoo ulaagaalee armaan gadii guutuu danda’an sagantaa Riimeediiyaaliitti fayyadamuu akka danda'an hubachiiseera.
Haaluma kanaan:
1•filannoo hundumaatti (dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa) sagantaa Riimeediyaalii hordofuuf baay'ina gosoota barnootaa qoraman keessaa dhibbeentaa 33 fi isaa ol qabaachuu akka qaban murtaa'eera.
2•Kan lakkoofsa 1 irratti eerame akkuma jirutti ta’ee, dhaabbilee mootummaa keessatti (baasii isaanii mootummaan danda’ee) barattoonni sagantaa Riimeediyaalii hordofan qabxii murteeffame kana qabaachuu akka qaban Ministeerri Barnootaa hubachiiseera.
•Barattoota Dhiira Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaa 216
•Dubartii Barattoota Saayinsii Uumamaa …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 7, 2025, 12:43 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Albaaniyaatti himatamaan dhaddacharratti abbaa murtiitti dhukaasuun ajjjeese.
Abbaan murtii Astriit Kalajaa mana murtii magaalaa guddoo biyyattii keessa argamutti itti dhukaafamee osoo gara hospitaalaa geeffamuu lubbuun darbe.
Abbaan murtii kun oliyyannoo wal-dhibdee qabeennaarratti fudhatame osoo dhaggeeffataa jiraniiti kan itti dhukaafame.
Dhaddacharra warra turan keessaa abbaafi ilmi itti dhukaafamus lubbuun oolaniiru.
Poolisiin nama waggaa 30 to'annoo jala oolchuu beeysiseera.
Ministirri Muummee biyyattii Edii Raamaa maatii abbaa murtii kanaaf jajjabina dhaameera. Yakka mana murteerratti raawwate kanaaf murteen ol'aanaan akka kennamu hime.
Mooraa manneen murtii keessatti eegumsi nageennaa akka cimu, hidhannoo meeshaa waraanaa seeraa alaarrattis adabbiin akka jabaatu dhaameera.
Dabalii Ilaali
Published Oct. 7, 2025, 12:18 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Diinagdeen biyyoota Afrikaa kanneen Sahaaraa gadii bara kana keessa 3.8 % saffisaan guddachuuf kan eegamu yoo ta’u, kunis gatii tasgabbaa’aa kan qaamolee imaammata baasan siyaasaa maallaqaa tasgabbeessuuf jalqaban irraa kan madde ta’u Baankiin Addunyaa Kibxata har’a ibseera. Waggoota lamaan dhufan keessattis sochiin kun ni dabala jedhamee eegama.
Baatii Eblaa keesssa guddinni 3.5 % ture sharafa alaa fi qaala’iinsa jireenyaa biyyoota akka Itoophiyaa keessatti tasgabbeessuun, kuufama dhala hir’isuuf kan ooluu ta’uu baankichi gabaasa Afrikaa Puulsii jedhamu kan waggaa lamaa keessatti yeroo tokko baaseen ifoomseera.
''Haalli mijataan kun itti fayyadama dhuunfaa fi invastimantii dandamachiisuuf haala mijaataa uummaa jira,'' jechuun baankichi …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 6, 2025, 2:56 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Godina Arsii Ona martiitti hawaasa biratti kan beekaman Sheeh Gunjaa Roobalee humnoota mootummaatiin ajjeeffamuu jiraattonni himan.
Jiraattonni maddeeniif yaada kennan akka jedhanitti Sheeh Gunjaa waliin nama sadiitu qabamee ture jedhan.
Erga qabanii booda bakka biraa oolchanii erga bulchanii booda lubbuu isaanii dabarsuu himan.
Maatiin reeffa kaasee awwaaluuf jennaan humnoonni mootummaa dhorkaa akka turanis himaniiru.
Sheeh Gunjaa Roobalee godina Arsii ona Martii ganda Moollamee Arja'oo jedhamutti dhalatanii kan guddatan yoo ta'u, bara sirna wayyaanee irra deddeebiin hidhamaa fi dararamaa turuus maatiin dubbatanii jiru.
Qabsoo uummata Oromoo keessatti gumaacha olaanaa gumaachaa akka turanis jiraattonni himu.
Humnoonni mootummaa nama nagaan jiraatu …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 3, 2025, 6:51 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN.
Sabni Oromoo guddichi gaanfaa Afrikaa durii kaasee jiruuf jireenya isaa keessatti, aadaa, duudhaa, safuufi safeeffannaa fi amantii mataa isaa qaba.
Isa keessaa inni tokko ayyaana Irreechaa, kan ittiin miidhagu, Uffata aadaa isaan faayamee addunyaatti eenyummaa isaa kan ittiin calaqqisiisuu ayyaana Irreechati.
Irreecha irratti Oromoon marga jiidhaa qabatee waaqa uumaa tolaa, milkaa'inaa, jiruuf jireenya darbeef galateeffataa, nagaadhaafi tokkumma itti kadhata, kan dhufuuf abdii itti kennata. kanaaniis addunyaarratti jaarraa hedduuf ittiin beekkamaa ture, ammas caalmaatti ittuuma jira.
Sirna kabaja ayyaana Irreechaa kanaafiis Ummanni guddaan kun aarsaa hedduu itti kaffalee asiin gayee jira. ammas aarsaa kaffalee sirna isaa kan har'aan gaye …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 1, 2025, 3:57 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Filippiinsitti kirkira lafaa reektar iskeeliii 6.9 muudateen yoo xiqqaate namoonni 69 du'an.
Keessumaa bulchiinsa Cebu jedhamu keessatti miidhan qaqqabe guddaa ta'uurraa kan ka'e labsiin muddamaa labsameera.
Tajaajilli ibsaafi bishaanii adda cituun namoonni daandirra jiraachuuf dirqamaa jiru.
Biyyattiin torbee tokko dura dambalii galaanatiin rukutamtee namoonni heddu du'anii ture. Balaa sanarraa osoo hin dandamatin kirkirri lafaa namoota heddu galaafate isii muudate.
Qondaalonni biyyattii, hojjattoonni yeoro balaa hatattamaafi kanneen ogummaa waldhaansa fayyaa qaban bakkichatti bobba'aniif waamicha godhaniiru.
Dabalii Ilaali
Published Oct. 1, 2025, 3:23 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Akka Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennanitti, Angar Guutee bakka Warabboo jedhamutti konkolaataa Giddaa irraa gara Naqamtee deemaa ture dhaabsisuun nama saaman jedhan.Kana malees namoota lakkoofsi isaanii ammaaf adda hin baanes konkolaataa sana keessaa ukkaamsanii fudhatanii akka deemanis jiraattonni maddeenitti himanii jiru. Rakkoo walfakkaataan akkanaa irra deddeebiin waan raawwatamaa jiruuf, Mootummaan humna kana guutuutti adamsee hanga naannawaa sanaa hin dhabamsiifnetti, finxaaleyyii hidhatanii nama nagaa fakkaachuun jiraatan hanga hin hiikkachiifnetti rakkoon uummataaa furmaata argachuu hin danda'u jedhu jiraattonni.
Rakkoo finxaaleyyiin uummata nagaarraan ga'aa tures irra deddeebinee gabaasuun keenya kan yaadatamuudha.
Dabalii Ilaali
Published Oct. 1, 2025, 1:48 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Minjaar Shankoraa Bulchiinsa Magaalaa Arartiitti, kabaja waggaa Maariyaam ilaalchisee osoo namoonni bataskaana ijaarsarra jiru daawwachaa jiranii mukti ijaarsaa kufuun haga yoonaa namootni 22 yoo du’an, 200 ol ammoo miidhamuun gabaafame.
Balaan kun kan dhaqqabe har’a Onkololeessa 01, bara 2025 ganama keessaa sa’aatii 1:45 tti ta’uun ibsame.
Lakkoofsa namoota du’anii fi miidhamanii walii galaan haga yoonaa kan ibsamne yoo ta’u, dhimmicha hordofaa jiraachuuu kan hime bulchiinsi aanichaa maatii namoota miidhamaniif jajjabina akka hawwu ibsa baaseen beeksiseera.
Dabalii Ilaali
Published Oct. 1, 2025, 1:30 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Dargaggoonni Madagaaskaar haalli jiruu fi jireenyaa itti ulfaachuun fincila lubbuu namoota 22 galaafatee namoota 100 ol irra miidhaa geessise erga taasisanii booda Pirezidaantiin biyyichaa Andirii Raajoohiliinaan mootummaa isaa diiguf dirqamu Aljeziiraan gabaaseera.
Dargaggoota caalmatti mufachiisuun hiriira mormii kana kan kakkaase hanqina bishaanii fi elektiriikii ta’uu yoo gabaafamu, labsiin yeroo attattamaa labsamus mormichi torbee darbeerra kaasee haga yoonatti magaalaa guddaa biyyattii Antanaanaarivoo keessatti itti fufuun himame.
Hiriirri mormii kun harka caaluu miidiyaalee hawaasaa, keessattuu Feesbuukiin, qindaa’un isaa kan himame yoo ta’u, qindeessitoonni mormichaa Neeppaal, Morookoo fi Keeniyaa irraa muuxannoo akka fudhatan himan.
Hiriira kanarratti alaabaan Finciltoonni “Gen -Z” Neeppaal …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 1, 2025, 8:04 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Ministeerri Mummee Kaatar waraana Gaazaa dhaabuuf qophii tahuu himaniiru.
Kunis Israa'el baatii tokko dura Hamaas irratti qiyyaafachuun magaalaa guddoo Kaatar Dohaa haleeluu isiif gaabbuu himuun booda dhagahame.
Haasaa bibilaan Pireezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, Beenjaamiin Netaaniyaahuufi Sheek Mohaammad bin Abdul Raahmaan Al Tahaanii jidduutti taasifameen, Netaaniyaahuun ajjeechaa humna nageennaa Kaatar irratti gaafa Fulbaana 9 raawwateefi Waayita Haawus walabummaa biyyattii sarbuu akka tahe ibsee irratti akka gaabban himaniiru.
Israa'el kanaan booda gochaa akkasii akka irra hin deebine akka mirkaneessan himan.
Yeroo sanitti Hamaas hogganoonnisaa lubbuun hafuu himee, miseensonni sadarkaa gadaanaarra jiran garuu ajjeefamuu ibse.
Haasaan hogganoota Kaatariifi Israa'el Wiixata darbe …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 1, 2025, 7:54 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp magaalonni Ameerikaa ''wiirtuu leenjii'' waraaanaa akka ta'an fedha akka qaban dubbatan.
Bakka aanga'oonni waraanaa addunyaa wal ga'anitti haasaa kan taasisan Tiraamp ''jeequmsa siivilii'' akka diina keessootti ibsan.
''Yoo isin keessa seentan rakkoon to'annoon ala hin ta'u,'' jedhan Tiraamp.
Kun erga Tiraamp eegdota biyyaalessaa- National Guard jedhaman magaalota akka Washingitan DC, Los Anjelas fi Portilaand, Oregan keessatti bobbaasanii ta'e.
Bulchiinsi Tiraamp yakka magaalota kunneen keessatti hammaate qolachuu fi hojii dhimmoota godaantotaan walqabatu tumsuuf tarkaanfii waraanaa fudhachuu ibsa.
Pirezidant Tiraamp magaalota Dimokiraatonni bulchan kanneen akka Saan Firaansiskoo, Chikaagoo, Niw York fi Los Anjelas keessa haala jiru …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 1, 2025, 7:48 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Ministeerri Barnootaa qabxiin seensa dhaabbilee barnoota ol'aanoo 300 irraa gara 297’tti fooyya’uu ifoomseera.
Imaammanni barnootaa fi leenjii barattoonni gara sadarkaa barnootaa itti aanuutti darbuuf qabxii %50 fi isaa ol fiduu akka qaban kan kaa’u ta’uu Ministeerichi ibseera.
Haaluma Kanaan barattoonni bara barnootaa 2017’tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii jiddugaleessaa %49.50- 49.99 fidan gara %50 akka siqsiifamu murtaa’uu eere.
Kanuma hordofee barattoonni qabxii %49.50 fi isaa ol galmeessan qabxii darbiinsaa gadi aanaa %50 guutuun isaanii beekamee dhaabbilee barnoota ol'aanoo seenuun barachuu akka danda’an mirkaneesseera.
Dabalii Ilaali
Published Oct. 1, 2025, 7:08 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Naannoo Tigraayi weerararri koleeraa iddoo garagaraatti mul'achuufi namoonni 11 lubbuun isaanii darbuun himame.
Waajjira Fayyaa Tigraayitti qindeessaan fayyaa hawaasaafi kutaa hatattamaa Obbo Mabirahaatom Haftuu BBC'f akka ibsanitti Adoolessa 19/2017 A.L.I jalqabee naannichatti weerarri koleeraa mul'ateera.
Weerarri kuni daangaa naannoo Amaaraafi Tigraayi Salawaafi Saamraa jedhamanitti akka jalqabes himameera.
''Jalqaba Waaghimraatti dhukkubichi akka jiru dhageennee ture. Isa booda garuu koleeraadhaan namoonni shakkaman yeroo arginu samuuda fudhannee qorataa turre,'' jechuun ibsaniiru qondaalichi.
''Haga yoonaa namoonni 425 kan qabaman yoo tahu, 11 ammoo lubbuun isaanii darbeera,'' jechuun himaniiru.
Obbo Mabirahaatom namoonni hojii qonnaaf gara Waaghimraa deemanii turan dura dhukkubichaan qabamuun dhagahamuu himan. …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 1, 2025, 6:49 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Itiyoophiyaan kaffaltii Yuurooboondii doolaaraa biliyoona tokko kanaan dura kaffaluu dadhabde akkaataa itti kaffaluu dandeessu irratti liqeessitoota waliin marii dhoysaa gageessaa jiraachuu Bloomberg gabaase.
Akka gabaasichi namoota dhimmichatti dhiyoo jiran irraa odeeffadheera jedhee gabaasetti, mariin liqeessitoota (abbootii boondii) fi bakka bu’ummaa Iyyoob Takkaalinyiin Itiyoophiyaa jidduutti torbee kana Paaris keessatti gaggeefamuuf jiru dhoysaa ta’uu fi qaamni lamaanuu bal’ina marichaa hawaasaaf baasuu akka hin dandeenne waliigaluu ibseera.
Bara darbe, liqeessitoonni isii dhibbeentaa 18 akka dhiisaniif Itiyoophiyaan gaafattus jalaa kuffisanii turuu isaanii kan kaase gabaasichi, dabalataan gabaasa IMF Itiyoophiyaan alergii irraa doolaara biliyoona 3.4 argatti jedhee baase.
Haa ta'u malee liqeessitoonni amanuu …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 30, 2025, 5:58 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Mishigaanitti hidhataan tokko konkolaataadhan waldaa amantoota Kisristaanaa konkolaataadhaan cabsee seenee dhukaasa banuun ibidda itti qabsiise namoota afur galaafatee namoota biroo saddeet ammoo madeesse.
Haleellaan kun waldaa Church of Jesus Christ of Latter-day Saints jedhamurratti wayita amantootni dhibbaan lakkaa'aman walitti qabamanii sagantaa gaggeessaa jiran akka raawwate ibseera.
Hidhataan kun Toomaas Jaakoob Saanfoord kan jedhamu yoo ta'u gaheessa waggaa 40 ta'uu fi iddoo konkolaata dhaabanitti Poolisiin ajjeefamuun gabaafameera.
Kaayyoon gocha kanaa maal akka ta'e ammatti ifa hin taane. Ammoo haleellaa xiyyeeffannoon raawwatame ta'uu ibseera.
Poolisiin Mishigaan hidhataa kanatti dhukasuun ajjeesuu ibseera.
Hidhataan kun dhukaasa banee daqiiaa saddeet booda Poolisii dafee …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 30, 2025, 5:46 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Ispeen wiixata xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa fi dooniiwwan meeshaa waraanaa, rasaasa ykn meeshaalee gara Israa’el karaa buufata isii Rota (Cádiz) fi Morón de la Frontera (Seville) akka hin geejjibne dhoorkuu isii maddeen hojii koree waloo Ameerikaa fi Ispeen beekan mirkaneessaniiru.
“Rota fi Morón balbala duubaa miti,” jedhan maddeen kun maqaan isaanii akka hin dhahamne yoo dubbatan, jechuun gaazexaan Ispeen guyyaa guyyaa El Pais gabaaseera.
Maddoonni kunneen lamaan isaaniiyyuu buufataalee abbaa biyyummaa Ispeen ajaja Ispeen jala jiran ta’uu fi sochiin hundi hayyama Maadriid akka barbaadu cimsanii dubbataniiru.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame wayita Waashingitan haleellaan Israa’el Gaazaa irratti raawwatte namoota 66,000 …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 30, 2025, 5:23 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Pirojeltiin misooma koriidarii jirattonniiifi daldaltoonni "kumootaman lakkaa'aman" akeekkachiisa gahaa malee akka ari'aman taasise "fedhii abbootiin qabeenyaa misooma invastimantiiratti bobba'uuf qaban daangessuu" gabaasni mootummaa Ameerikaa ibse.
Walitti bu'insawwaniifi garaa garummaan sharafa alaa "irra deebiyee bal'achuu" kan eere gabaasni kun, haalli invastimantii Itoophiyaa "Ameerikaa fi daldalawwan alaa birootiif qormaatadha" jechuunis gamaggameera.
Mootummaan Ameerikaa gabaasa gamaggama isaa kanaa kan baase ibsa haala invastimantii waggaa waggaan qopheessu Jimaata Fulbaana 26, 2025 kenneen ture.
Kampaaniiwan Ameerikaa "murtee ragaarratti hundaa'e akka dabarsan" taasisuuf gabaasni Ministeera Dhimma Alaatiin qophaa'u kun, haalli invastimantii biyyoota 170 hangam mijataa akka ta'e ilaaleera.
Gabaasni Ameerikaa kun Itoophiyaa ilaalchisuun akka …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 30, 2025, 5:17 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Godina Baalee Lixaa onoota hunda keessatti dargaggoota adamsuun bakkeewwan daldalaa fi iddoowwan hojii garaa garaa namoonni baay'inaan irratti argamanitti xiyyeeffachuun afaan qawween ilmaan keenya ukkaamsanii gara waraanaatti nu jalaa guuraa jiru jechuun jiraattonni onichaa maddeenitti himan.
Akka jiraattonni jedhanitti ilmaan keenya waliin jirachuu hin dandeenye, isa humna qabutu afaan qawween nurraa qabee ilmaan keenya soora rasaasaa taasisaa jira, osoo nuti reeffa ilmaan keenyaa hin argin bakkeetti bineensi nyaachaa jira, impaayerattii keessattis nageenyi argame hin jiru hanga yoomiitti akkasitti jiraanna jechuun yaaddoo guddaa akka isanitti ta'es dubbataniiru.
Impaayerittiin dhiiga qulqullootaa fi ol adeemtotaa dhangalaasaa kan har'a geesse yoo ta'u, …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 29, 2025, 7:35 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa, naannoo Oromiyaatti shakkamtoonni waajjiralee poolisiif manneen sirreessa keessa jiran haala yeroo jechuun yeroo dheeraaf hidhamuu dabalatas doorsifamaa, sodaachifamaa fi reebamaa akka jiran hordoffii taasiseen bitra gahuu ibse.
Shakkamtoonni buufatalee poolisii fi bakka tursiisaa jiran mana murtiitti osoo hin dhiyaatin ukkaamfamanii kan turaniif “dhimmoota haala yeroo ” jedhuun osoo hin himatamin yeroo dheeraaf ukkaamfamuu turuu isaanii gabaafameera. Naannoo rakkoo nageenyaa jirutti miseensonni maatii bakka shakkamtootaa ukkaamfamaa akka jiran; akkasumas namoonni mana murtiitiin bilisa ta’an “dhimma haala yeroo ” jedhuun hidhamaa akka jiran himan.
Dabalataan waajirallee poolisii tokko tokko keessatti namoonni ukkaamfamuu isaaniis gabaafameera. Shakkamtoonni mana …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 25, 2025, 3:23 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Haadha ilmaan lamaa kan turte Aadde Suyyee Quxxalaa mucaa isaanii kan ganna ja'aa waliin oyruu irraa jaldeessa eegaa osoo jiranuu dhukaasa humnoota mootummaatiin ajjeefamuu maatiin maddeenitti himan.
Ajjeechaa dubartii kanaa booda ALI gaafa Fulbaana 9, 2018 ALItti maanguddoo ganna saddeettamaa dabalatee miseensi maatii ishee qaama mootummaatiin hidhamuufi qabeenyisaa jalaa gubachuu gabaafamee jira.
Miseensonni maddeen dubbise akka jedhanitti, Shanee nyaachistu jedhamuun qaamni nageenya mootummaa maatii dubartii ajjeefamtee hidhuu fi qabeenya gubuu himan.
WBO waliin hidhata qabdu jechuun miseensota maatii dubartii ulfaa kana dura ajjeefamtee irratti hidhaa raawwachuufi qabeenyi isaanii gubamu himan.
Boqqolloon akkuma galetti gubatee badeera. Halkan sa'aatii afuritti …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 24, 2025, 5:11 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Imbaasii U.S. kan magaalaa Finfinneetti argamutti ambassadara kan ta’an Erviin Masingaa lammiileen Ameerikaa kan Itoophiyaa keessa jiraatan ykn daawwannaaf kan dhufan seera immigireeshinii biyyattii ciminaan akka kabajan dhaama.
Ambasadarrichi ergaa kaleessa gama imbaasitiin dabarasaniin, jijjiirama imaammata immigireeshinii Itoophiyaa irratti mul’ate kaasuun lammiileen Ameerikaa turtii isaani kan Itoophiyaa keessa qabaniin seerota Itiyoophiyaa beekuu fi qophaa’uun barbaachisaa ta’uufi akkasumlee seera immigireeshinii biyyatti kabajuun barbaachisaa ta’uu eeraniru
Masingaan sadaasa bara 2017 mootummaan Itoophiyaa godaansa seeraan alaa hir’isuuf jecha adabbii viizaa yeroo dheeraa turuu guyyaa tokkotti gara doolaara 30tti akka ol guddise ibsan, adabbiin kun dafee kuufamuu akka danda’u hubachiisaniiru. Ambaasaaddar Masingaan …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 24, 2025, 4:47 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Godina Baha Wallaggaa Ona Guutoo Giddaa keessatti humnoonni Bilxiginnaa qonnaan bultoota dirqamaan gara leenjii milishummaatti guuraa jiraachuun barame.
Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa jedhamu keessatti Fulbaana 21,2025 sirni mootummaa PP hawaasa mana amantaa jirutti marsuun qonnaan bultoota hedduu jumlaan ukkaamsuun gara mooraa leenjiitti guuraa jiraachuu maddeen himan.
Qonnaan bultoonni haala kanaan ukkaamfaman kunneen abbootii warraa yoo ta'an, isaan keessaas kan maqaan nu ga'e;
Fayyeeraa Saamboo,
Ittafaa Mul'ataa,
Eebbisaa Abdataa,
Hinkoosaa Gammadaa,
Abdiisaa Hambisaa,
Hambisaa Tasfaa,
Maammush Yaadasaa,
Kidaanuu Iddoosaa,
Simaa Wadaajoo,
Sibaatuu Wadaajoo,
Amsaaluu Abarraa,
Waggaarii Lammii,
Darajjee Biraanuu,
Gammachuu Dabalaa fi
Caalaa Bulii kanneen jedhaman …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 24, 2025, 12:36 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Balaa tiraafikaa Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaa, Ona naannawaa Daseetti mudateen namootni 12 du’uun himame.
Ajajaan Qajeelcha Poolisii Onichaa Komaandar Sa’iid Mohaammad, konkolaataan geejjiba ummataa Makaana Salaam irraa ka’ee deemaa ture Ona Naannawa Dasee bakka addaa Daabaa Maglabiyaa jedhamu tti garagalee miidhaan namootarra gahuu mirkaneessan.
Balaa kanaanis namootni 12 battala yoo du’an, 49 balaa cimaa fi salphaan irra gahuus dabalanii dubbataniiru. Balaa kanaan warri miidhaan irra gahe yaala argataa akka jiran ka dubbatan Komaandar Sa’iid, ka’umsi isaas qoratamaa akka jirus ibsuu isaanii maddeen gabaasanii jiru.
Dabalii Ilaali
Published Sept. 24, 2025, 12:06 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Murtee Manni Murtii Waliigalaa Tigraay kenneen barattoonni Musliimaa manneen barnootaa keessatti hijaaba uffachuuf mirga akka qaban kan mirkaneesse yoo ta’u, barattoota hijaaba uffatan daree barnootarraa dhoowwamuu haga qormaata biyyoolessaa irra akka hinteenye taasifamuu balaaleffate.
Maddeen oduu keenya akka gabaaseeti, Murteen kun namoota hedduudhaaf haaragalfii kan kenne yoo ta’u, qabatamaan hojiirra oolmaa isaa irratti yaaddoon ka'aa jira.
Dhimmi kun jalqaba bara 2025, yeroo barattoonni Musliimaa Aksum keessaa dhorkii kana morman eegalame.
Amajjii keessaa, Manni Murtii Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa, manneen barnootaa naannichaa barattoota 159 akka daree hin seenne taasisuu isaani fi dubartoonni 14 qormaata biyyoolessaa kutaa 12’f akka hin galmoofne …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 24, 2025, 11:50 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Jiraattonni yaada isaanii kennan akka jedhanitti, poolisiin naannoo Somaalee tibbana magaalaa Dirree Dhawaatii namoota hedduu butuu himuun haalli kun baay'ee ulfaata jedhan.
Barsiisaa tokko butanii erga fudhatanii booddee lubbuu dabarsuu kan himan jiraattonni, namoota biroo hedduu butanii gara naannoo Somaalee geessanii jedhan.
Yeroo poolisiin naannoo Somaalee daangaa darbee kana hunda raawwatu, poolisiin magaalattii, poolisiin federaalaa fi raayyaan ittisa biyyaa magaalaa sana buufatanii jiran maaliif jedhaniituu akka hin gaafanne jiraattonni himatu.
Uummanni yoo gaaffii gaafate ajajni nuuf hin kennamnee jechuun deebii akka kennaniifis dubbataniiru.
Poolisiin naannoo Somaalee tibba darbe magaalaa Dirree Dhawaa seenee haleellaa raawwateen dubartiin ulfi lubbuun darbuu kan yaadatamu …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 23, 2025, 12:41 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Humnoonni mootummaa Oromiyaa hunda keessatti duguuggaa sanyii hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiran jabeessuun, Fulbaana 19,202 haadha ilmaan 6 kan taate Aadde Haliimaa Matoo Odaa kan jedhamtu loltoonni Mootummaa abbaa irree osoo isheen magaalaa Machaaraa deemtee ona Shanan Kooluutti galuuf deemtuu ona Daaroo Labuu keessatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii daandii irratti gatuu jiraattonni onichaa ibsan.
Harmeen kun dhalattuu godina Lixa Harargee ona Hancaar araddaa Odaa Gurraachaa yoo taatu, yeroo ammaa ona Shanan Kooluu ganda Cabbii Qaammee keessa kan jiraattu ta'uu fi loltootni kunneen gaaffii tokko malee ajjeesanii biraa deemuu jiraattonni maddeenitti himanii jiru.
[[[[[[[[[]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]]
Haleellaan humnoonni finxaaleyyii Faannoo godinaalee …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 19, 2025, 2:38 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Shaggar dhiyaa Magaalaa Hoolataatti namoonni hedduun maqaa hidhata WBO qabdu jedhamuun qajeelcha poolisii magaalichaa keessatti hidhamanii dararamaa jiraachuu maatiin hidhamtootaa maddeenitti himan.
Namoota kanneen keessattis dubartoonni abbaan warraa kee bosona jira jedhamuun hidhamanii dararamaa jiran heddun jiraachuus baramee jira. Namoonni kunneen ji'a afuriifii isaa ol achi keessatti rakkachaa kan jiraniifii nyaatallee nama geessuuf kan hin qabne dha jedhame.
Namoonni kun jiraattota ona Ada'aa Bargaa, Meettaa Roobii, Meettaa Walqixxee fi Abuunaa Gindibarat irraa bakka maatiin illee hin gaaffannetti warra rakkifamaa jiran ta’uus baramee jira.
Maqaan namoota muraasaa bifa kanaan dararamaa jiranii
1. Dajanee Dabalaa
2. Daani'eel Dabalaa
3. Taamiruu …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 19, 2025, 8:54 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Godina wallagga Bahaa Ona Guutoo Giddaa Bulchiinsa Magaalaa Luugootti, Finxaaleyyiin Amaaraa daa’ima ganna 5 ajjeesuun barame.
Humnoonni Finxaaleyyii kun irra deddeebiidhaan daangaa ce’anii ummata kumaatamaan lakkaa’amu buqqisuu, ajjeessuu, saamufii dararaa hedduu irraan ga’aa turuun kan beekkamuudha.
Haaluma Kanaan guyyaa wiixataa Fulbaana 15/2025 Godina wallagga Bahaa Ona Guutoo Giddaa Bulchiinsa Magaalaa Luugootti, Finxaaleyyiin Amaaraa daa’ima ganna 5 maqaan isaa Milkiyaas Habtaamuu Sanbatoo Jedhamu ajjesuun barame.
Daa’ima kana manuma maatii kessatti galgala keessaa toora sa’aa tookkootti rasaasa ittii roobsanii ajjeesuu maatiin dubbatanii jiru.
Bulchitoota gandaa dabalatee caasaan Mootumma galgala keessa toora sa’aa tokkootti mana nyaataa kiyyaa fayyadamuu yeroo isaan dhuffanitti …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 19, 2025, 7:01 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Komishiniin gamtaa Awurooppaa yaada daldala bilisaa Israa’el waliin dhaabuu fi ministeerota Israa’el lama irrattis qoqqobbii kaa’uuf yaada dhiheessera, kunis tarkaanfiiwwan hariiroo Israa’elii fi Gamtaa Awurooppaa irratti madaallii guddaa kan bakka bu’u ta'uun ibsame.
Pirezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuulaa voon deer Leyeen Roobii darbe yaada kan Mana Maree Gamtaa Awurooppaatti erga dhiyeessan booda, ''Taateewwan suukaneessaan guyyaa guyyaan Gaazaatti raawwatamaa jiran dhaabbachuu qabu,'' jedhaniru.
Itti dabaluunis "dhukaasa hatattamaan dhaabuu fi gargaarsi namoomaa danqaa tokko malee Gaazaa dhaqqabuu, booji'amtoota Hamaasii kan qabaman hunda haala duree tokko male gadhiifamuu akka qaban dhaameera"
Tarkaanfiin kun kan fudhatame humnoonni Israa’el magaalaa Gaazaa irratti haleellaa …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 18, 2025, 1:19 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Magaalaa Finfinnee naannoo kondominiyeemii Mikiiliilaandi jedhamutti sababa sigiga lafaa muudateen namoonni 150 qa’ee isaanni irraa akka fagaatan taasifamuu hojii gaggeessaan olaanaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Inginar Wandimuu Seetaa ibsan.
Balaan sigiga lafaa kun dallaa kondominiyeemii Mikiiliilaandii Bilookii 13ffaa, akkasumas dallaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi giddu galeessaa Mikiiliilaandi irrattis miidhaa geessisiuu hojii gaggeessaan olaanaa kun ibsaniru. Haaluma wal fakkaatuun balaan kuni ona 14 mana amantaa tokko keessatti kan argamu mana barumsaa daa’immanii tokko keessatti mana fincaanii irrattis miidhaa walfakkaataa qaqqabsisuun ibsamee jira.
Miidhaan dhaqqabe mallattoon akka agarsisetti jalqaba walakeessa ji’a Hagayyaatti akka jalqabe yaadachisuun yeroo sanatti daandii kondominiyeemii duubaa …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 18, 2025, 8:10 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Liibiyaatti Bidiruu Godaantota Afrikaa feetee imalaarra turte Balaa ibiddaa muudateen lubbuun namoota 50 darbuun gabaafame.
Bidiruun Godaantota Afrikaa Jireenya fooyya'aa ta'e barbaachaaf akkasuma nageennaa fi waraana jalaa dheessuun Afrikaa irraa gara Awurooppaatti imalaa turan feetee imalaa turterratti Ibidda qabateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 50 darbuun gabaafamee jira.
Dhaabbanni Godaantotaa(IOM) akka jedhetti, Baha Afrikaa keessatti, Namoonni muraasni qofti karaa nageenya qabuu fi seera qabeessa ta'een karaa itti ba'an argatu. keessumaa filannoon jiru waraana Suudaan keessatti gaggeeffamaa jiru xummuramu qofa, jedha ejensichi.
Lolli humnoota Suudaanii fi milishoota jidduutti waggoota lamaan darbanitti godaantota kuma 140 ol gara Liibiyaatti dhiibuu isaa ejensiin …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 17, 2025, 2:50 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Araadatti balaa tiraafikaa muuddateen lubbuun nama tokkoo darbuu Koomishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
Balaan kun kan muuddate guyyaa har'aa Fulbaana 17/2025 lafa barii toora sa'aatii 12:10 irratti kutaa magaala Araadaa, aanaa 6 iddoo adda Afincaa Barri jedhamutti akka ta’e poolisiin magaalichaa beeksisee jira.
Balaan kun konkolataa geejjiba ummataa irraatti kan gahe yoo ta’u, ka’umsii konkolaataa kanaa Shiro Meedaa irraa gara Afincaa Barriitti imalaa osoo jiruu iddoo pirojektii misooma qarqara laggeen kan meetira 30 fagaatee naannawa Afincaa barriitti ijaaramaa jirutti balaan kun muudachuun beekkamee jira.
Balaa muuddate kanaan Dubartiin waggaa 22 batalumatti lubbuun yoo dabartu, …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 17, 2025, 1:16 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Sochiin waldaalee siiviilii hawaasaa Itoophiyaa dhiphachuusaa biyyoottan 42 Gamtaa Mootummootaaf ibsa ergan
Hiyumaan Raayits gama isaatiin ibsa isaan labsiin ragga’uuf dhiyaate kun mootummaa federaalaaf aboo daangaa hin qabne kan dhaabbilee mitimootummaa ittiin to’atu kennaaf jechuun miseensotni paarlaamaa biyyattii labsii fooyya’e kana akka didanii kuffisan gaafateera.
Dhaabbileen kabaja mirga namoomaaf falman kun lameenuu mootummaan Itoophiyaa akka fooyya’iinsa labsii kana dhaabu, qaamoleen idila addunyaa akka dhiibbaa taasisanis gaafataniiru.
Biyyoonni ibsa waloo baasan kunneen “lakkoofsi sarbama mirga namoomaa fi dhiittaa qooda fudhattoota mootummaa fi miti-mootummaan raawwatamuun sodaachuu itti fufaniiru,” jechuun Waajjirri Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa gabaasa bara 2024 baaseen galmeesse. Dabalataanis, …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 17, 2025, 12:09 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Wallagga Bahaa Ona Kiiramuu Magaalaa Harootti Uummanni Buqqa'aa Jira Jedhame.
Godina Wallagga Bahaa Ona Kiiramuutti hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo kaleessa haleellaa banuun dhagahame.
Magaalaa Haroo fi naannawaa ishee humnoonni kunneen guutuutti kan qabatanii fi haleellaa fi saamicha bal'aa uummata Oromoo irratti raawwachuun ibsameera.
akka maddeen jedhanitti Hidhattoonni Izzii Faannoo kan Wallaggaa ofiin jedhan gandoota aanichaa 19 keessaa 17 qabatanii akka jiran ibsan.
Humnoonni finxaaleyyiin dhibbootaan ganda Ashuu Kusaayee jedhamu buufatanii jiran gurmuu jabaa tolfatanii meeshaalee waraanaa ammayyaa'oo hidhataniin dheengadduma kana milishootaa fi poolisoota Oromiyaa 30 caalaa fixuus jiraattonni maddeenitti himanan.
Inumaayyuu gandoota hedduu keessatti caasaa gandaa naannoo Oromiyaa diiganii, …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 16, 2025, 2:55 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Manneen Barnootaatti miidhaan saalaa fi kaan barattoota dubaraarra gahaa jraachuu Komishiniin Mirga Namoomaa ibse.
Manneen barnootaa kutaalee biyyattii adda addaa keessattuu naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti doorsisni, sodaachisuu fi qoccollaan saalaa barattoota dubartootaa irratti raawwatamaa jiraachuu Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa mirkaneesse.
Kana malees, manneen barnootaa tokko tokko keessatti daa’imman adabbiin qaamaa fi xiinsammuu akka irra ga’u, akkasumas sababa walitti bu’iinsa hidhattootaa fi humnoota nageennaa mootummaa jidduutti, keessumaa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiruun barattoonni balaadhaaf saaxilamuu ibseera.
Argannoon kun kan ifoome Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa naannolee kanneen akka Finfinnee, Affaar, Amaaraa, Gaambeellaa, …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 16, 2025, 2:13 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Akka ragaan qabxii barattota bara 2017 guyyaa kaleessa Fulbaana 5/2018 baye agarsiisutti, lakkoofsi barattoota qormaata biyyaalessaa darban fooyya’iinsa agarsiisus, lakkoofsi barattoota qormaata kana fudhatan garmalee gadi bu’aa jiraachuun beekkamee jira.
Bara 2017tti lakkoofsi barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan 581,905 yoo ta’u, kana keessaa 48,929 (dhibbeentaa 8.4) qofatu darbe. Lakkoofsi kun kan waggoota darbanii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu baay’ee gadi bu’aadhas jedhame. Fakkeenyaaf bara 2014 barattoonni 896,520 qormaata fudhataniiru. Lakkoofsi barattoota qormaata fudhatanii hir’achuun barattoota kutaa 12ffaa qofa irratti kan daangeffame akka hin taanees ibsanii jiru.
Akka gabaasni Dhaabbata Gargaarsa Daa’immanii Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) ibsutti, akka …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 16, 2025, 1:04 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Gootichi WBO akkuma guyyaa kaanii har’as injifannoo addaa galmeessisuu beeksise.
Bifuma Kanaan WBOn zoonii gidduu galaa birgeediin Waloo Lola Fulbaana 15, 2025 tasiisen injifannoo addaa gonfachuu beeksise.
Kaayyoo isaa bilisummaa saba isaa kan taasifate Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) bilisummaa sabicha gonfachiisuuf halkaniifi guyyaa aarsaa bilisumman barbaduu hunda kanfalee injifannoo gonfachaa jiraachuun kan beekkamuudha.
Walwaraansa waraana Impaayerattii waliin Aanaa Jalduu Ganda Shukutee eddoo addaa Tasoo kaanbii Mana Barumsa Tasoo keessa bufattee jirtu irratti tarkanfii hadha'a fudhateen gutumaa gutuutti dhunfachuun, humnoota empaayeratti 26 booji'un, nama 60 addunyaarraa dhabama gochuu beeksise.
Kana malees Bulchiinsuma Magaala Shukutee jala iddoo addaa Hangar jedhamuttii …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 15, 2025, 2:03 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Suudaan naannawaa bulchiinsa jiddu galeessa biyyattiitti Uum Alquraa jedhamutti rooba roobe hordofee balaa lolaa muudateen namoonni kuma 4 ol qe’eerraa yoo buqqa’an, manneen jireenyaa dhibba 550 ol mancawuu, dhaabbanni baqattoota addunyaa beeksise.
Balaan lolaa kun torbee darbe Jimaata Suudaan Kutaa Bulchiinsa Aljaziiraa gama bahaa kan jiran, quubsuma uummataa jirurra miidhaa kan dhaqqabsiise yoo ta’u, sababaa balaa kanaatiin abbootiin warraa 850, yookiin namoonni 4250 qe’ee isaanii gadhiisanii buqqa’uu godaantota addunyaa beeksisee jira.
Suudaan keessatti Waxabajjii haga Onkoloolessaa roobnii cimaan waqtii roobu yoo tahu, kunis balaa lolaa jiraattota irraan geessisaa akka jiru ibsamee jira.
Rakkoon kun wayita biyyattiin lola humnoota …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 15, 2025, 10:03 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Ibsa isaa kanaaniis yaaddoo qabu ibsuun Mootummaan Itoophiyaa saba nagaa fixaa jira jedhe.
Waldaan Wabii Maccaa jeequmsa hawaasa Oromoo irratti dhiibbaa geessisaa jiru, kan waggoota torbaa oliif itti fufee jiru ilaalchisee yaaddoo guddaa akka qabu ibsa. Gabaasni tibbana ba’e akka mul’isutti lubbuu namaa gaddisiisaa fi gaaga’ama guddaa Aanaa Horroo Guduruu Wallaggaa Ambe Dongoro, Homa Galessa Kebele Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Ethiopia. Gochoonni kunneen qindoominaa fi sabaan kan kakaasan fakkaatu, Milishaa Faanoo Mootummaa Naannoo Amaaraa ollaa irraa kan raawwate jedhame. Gabaasni akka agarsiisutti daa’ima waggaa 2 dabalatee namoonni 30 du’aniiru, namoonni 15 ammoo madaa’aniiru, yeroo ammaa Hospitaala Shaambuu fi …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 15, 2025, 9:34 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Godinaalee Harargee lamaan irratti humnoonni mootumma naannoo Somaalee ummata Oromoo irratti haleellaa qindaa’aa banuun barame.
Akka jiraattonni maddeeniif yaada kennan ibsanitti, haleellaa hidhattoota naannoo Somaalee mootummaa naannichaan deeggaramaniin godina Harargee Bahaa Ona Cinaaqsanitti raawwatameen lubbuun namoota 6 darbuu jiraattonni maddeenitti himanii jiru.
Kana malees haleellaa kanan namoonni 3 madaa'u fi beeladoonni 150 caalaan humnoota Kanaan saamamuu maddeen gabaasanii jiru.
Kana malees Ona Doobbaa Araddaa Gammachuu fi Araddaa Ifaa diin gandaa kurfaa martuu iddoo daangaa afdam jedhamtuutti humni addaa nannoo Sumaalee lola uummata irraatti bananiin nama tokko kan maqaan isaa Ahmed Ussoo jedhamu madeessu fi Loon Shantamaa saamanii yoo …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 14, 2025, 11:31 p.m. by Birhaanuu in
Afaan Oromo
Sabni ykn uummatni Oromoo wanti akka WALOOtti waliin qabu tokko “EENYUMMAA” isaa ti;
collective identity dha. Bakkee/iddoo kamittuu dhalatus guddatus eenyummaan isaa tokkuma.
Karaa seenaatiinis yoo laalame, Oromoon sirna kolonii Habashaa jalatti kufee, kan
gabrooffatame, kan hidhamu, kan dararamu, kan ajjeefamu akka Oromoottii malee, akka
naannoo ittidhalateetti ykn akka amantii hordofuutti addaan baafameetii miti. Oromoon tokko
sababa kamiinuu eenyummaa ofii yoo gaafii keessa galche, jaalatus jibbus garuu akka
Oromootti dhalatee, akka Oromootti du’a. Kun uumaa fi uumama dha. Ilaalchi kamiiyyuu kan
amantiis haa ta’u kan siyaasaa ykn kan biraa waan dhuunfaa ti. Kun waan jijjiiramuu danda’uu
dha. Eenyummaan garuu waan …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 14, 2025, 3:43 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Bara darbe qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoraman keessaa harki 8.4 dhibbeentaa 50fi isaa ol galmeessan.
Ministirri Barnootaa Barattoota miiliyoona walakkaa ol qoraman keessaa kumni 48 fi dhibba 920 qabxii Yuunivarsiitii isaan galchu galmeessan jedhe.
Barattoota bara darbe qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoraman keessaa harki 8.4 dhibbeentaa 50fi isaa ol galmeessuus isaanii Ministeerri Barnootaa
Pirofeesar Birhaanuu Naggaa ibsaniiru.
Barattoota miiliyoona walakkaa ol qoraman keessaa kumni 48 fi dhibba 920 qabxii Yuunivarsiitii isaan galchu danda'u galmeessuu himan.
Qabxii ol'aanaan barana galmaa'es Saayinsii Uumamaarraa 591 yoo ta’u Naannoo Oromiyaa Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaarraa ta'uutu ibsame.
Saayinsii Hawaasaarraas qabxii …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 14, 2025, 2:41 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FN
Godina Lixa Shaggar Onoota adda addaatti gudeeddin loltoota mootummaatiin, haawwan Oromoo fi daa’imman dabalatee shamarran irratti raawwatamaa jiru jabaachaa jiraachuu jiraattonni maddeen keenyatti himan.
Humnoonni Mootummaa naasuu namaaf hin qabne, Duudhaa fi safuu sabaa kan hin beekne, naamusa waraanummaan ala bahanii fedhii murna tokkoo kabachiisuuf bobba’an, haadha fi daa’imman xixinnoo irratti yakkoota farra namoomaa raawwachuun kan durii caalaa jabaatee kan itti fufee jiru ta’uun baramee jira.
Bifuma Kanaan godina Lixa Shaggar Onoota adda addaa keessatti gochoota sukkaneessoon gudeeddii raawwachaa jiran cimsanii itti fufuun uummanni rakkoo hamtuu keessa jiraachuu maddeen jiraattota dubbisan addeessanii jiru.
Haaluma kanaani Lixa_Shaggar Abuunaa Gindabarat …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 14, 2025, 1:56 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Turkiin Haleellaa Israa'el Qaatar irratti raawwatte hordofuun Paatroolii Qilleensaa eegalte jiraachuu marsariitiin Middle East Eye beeksise.
Humni Qilleensaa Turkii haleellaa Israa’el Doha irratti raawwatte hordofuun buufataalee Diyarbakir fi Malatya irraa xiyyaarota waraanaa walduraa duubaan furgugsuunis barame.
Xiinxalaan humna ittisaa Turkii tokko akka jedhetti, Turkiin yoo daangaan qilleensaa ishii sarbame biyya Jeettii Ameerikaa F-35 qilleensa irra kuffiftu ta’uu dandeessi jechuun ibse.
Turkiin yoo barbaachisaa ta’e tarkaanfii cimaa fudhachuu akka dandeessu maddi Ankaaraatti dhihoo ta’e mirkaneessuun akkas jedhee jira;
Erga Waraana laafaa booda miseensa NATO kan jalqabaa xiyyaara Raashiyaa kuffifne turre! Yoo muddamni kun hammaates F-35 kuffisuun kan jalqabaa ta'uu …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 14, 2025, 1:15 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Hojjettoonni fayyaa Fulbaana 5 irraa eegalee mormii gaggeessuuf akka jiran barame.
Amnesty International akka gabaasetti Kaffaltiin fooyya’aa fi haalli jireenyaa fooyya’aa ta’e ammallee gaaffilee hojjettoonni fayyaa kaasan keessaa tokko ta’uus beeksisee jira.
Mootummaan gaaffilee kanaan dura hojjettoonni fayyaa kaasan kanneen akka haala hojii fooyya’aa uumuu, mindaa gatii madaalawaa, inshuraansii fayyaa, tajaajila mana jireennaa fi geejjibaa uumuuf deebii kennuu cinaatti dhiisee hojjettoota fayyaa hidhaa turuun kan beekkamuudha.
Kana malees,Mootummaan Waldaa Hojjettoota Fayyaa Ogeessota Itiyoophiyaa diiguu yaadachuun, mootummaan deebii sirrii kennuuf fedhii dhabuun himatamaa turuuniis ni beekkama.
Kanaan wal qabateeti mormiin marsaa lammaffaas akka adeemsifamu kan dirqamne jedhan Barsiisonni yaada …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 13, 2025, 2:35 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Roobii darbe dirooniwwaan Raashiyaa hedduun daangaa Poolaand weeraruu hordofee biyyoonni miseensa NATO loltoota fi jeettiwwan waraanaa heduu gara bahaatti sochoosuu eegalan jedhame.
Biyyoonni kanneen akka Denmark, Faransaayi fi Jarmaniifaa jeettiwwan waraanaa hedduu garasitti sochoosaa jiraachuun barame.
Biyyoonni miseensa NATO hafanis boodarra kan itti dabalaman ta'uu ibsuun, erga Pooland biyyashee cabsitee seentee Raashiyaa himattee eegalee Aworooppaa keessatti muddamni hamaan uummamuun beekkame.
Pooland cabsanii seenuun kun Raashiyaadhaan itti yaadamee kan qindeeffameedhaas jedhame.
Dabalii Ilaali
Published Sept. 13, 2025, 10:49 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Waraanni Biyyaalessaa Somaaliyaa humnoota biyya keessaatiin deeggaramuun haleellaa guddaa al-Shabaab ona El-Dheer keessatti raawwatame ofirraa qolachuun hidhattoota 60 ol ajjeesuun, 50 ol madeessuu qondaaltonni mirkaneessan.
Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaaliyaa Ahimad Mohaalim Fiqii haleellaan kun osoo hin bari’in raawwatamuun al-Shabaab irratti kasaaraa guddaa fiduu ibsaniiru. “Lakkoofsi diinota du’anii 60 ni caala, haleellaa fashalaa’e kanaan namoonni 50 ol madaa’aniiru,” jechuun hidhattoonni hedduun lubbuun qabamuu isaanii himuu SONNA gabaaseera.
Namoota ajjeefaman keessaa hoggantoonni ol’aanoo Al-Shabaab lama, Daadullaa fi Sabiir kan jedhaman isaan tokko ta’uu ibsi ni mul’isa. Hidhattoonni kunneen du’aa isaanii hedduu duubatti hambisuu dheessuf dirqaman jedhan Fiqiin.
Waraanni …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 13, 2025, 10:38 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Prezidaantiin Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa, murtee Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa (NEBE) dhaaba Siyaasaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) akka haqamuuf murteesse “fudhatamu hin qabu” jechuun balaaleffatee, dhimmichi qoqqobbii birokraasiin osoo hin taane furmaata siyaasaa qofaan furamas jechuun akeekachiisuun baramae.
Akka yaada Prezidantichaatti, TPLF paartii idilee miti, haqeera jechuu hin dandeessu, sunumtuu dhimma baay'ee cimaa fi bu’aa ba'iinsaa ifa ta’e barbaada” jechuun hadheeffatanii akka morman maddeen himanii jiru.Paartichi hayyoota Tigraay, akkasumallee miseensonni mormitootaa waliin walitti dhufeenya akka qaban hubachiisuun, jaarmiyaan dhaaba TPLF dhaaba seenaa qabeessa waan ta’eef haqamuun isaa fudhatama hin qabu jedhan.
Kana malees …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 12, 2025, 2:24 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Burukiinaa Faasoo Afrikaanota garas imalaniif kaffaltii malee akka Viizaa argatan beeksiste.
Biyyattiin viizaa bilisaa kan eyyemteef imala daawwattootaa si'eessuu fi sochiin shaqaxoota garaa garaas akka saffisuuf ta'uun beekkame.
Ministeerri Nageenyaa Burkinaa Faasoo Mahaammuuduu Sababaa, "Ammaa eegalee Lammii biyyoota Afrikaa, gara Burkinaa Faasoo dhufu irraa kaffaltiin tokkollee hin eegamu" jedhan.
Akka ibsa ministeerichaatti, daawwattoonni Afrikaa, galmee oonlaayiniitiin uunkaa barbaachisu qofa guutuu jedhame.
Kanaan duras, biyyoonni akka Gaanaa, Riwaandaafi Keeniyaa, imaltoota Afrikaaf viizaa bilisaa eyyamaniiru.
Fonqolcha mootummaan gara aangootti kan dhufan Pireezidaantiin umurii dargaggummaa keessa jiran Kaapteen Tiraa'ooreen sochii Paan Afrikaanizimii finiinsuun Afrikaanota biratti jaallatamaafi …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 12, 2025, 9:06 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
lammiilee Chaayinaa viizaa Ameerikaa qaban dhaabbata qorannoo NASA tokko keessa akka hin hojjanne dhorkuu beeksise.
Lammiileen Chaayinaa akka kontiraaktaraa fi barattootaatti qorannoo keessatti gumaaacha qaban Fulbaana 5/2025 irraa kaasuun tajaajila dhaabbatichi kennu hunda akka hin arganne dhoorgamuu Biluumbarg beeysise.
Dhaabbatichi gabaasa sana booda lammiileen Chaayinaa tajaajila NASAtti akka hin gargaaramne, meeshaalee fi neetiworkii dhaabbatichaatti akka hin gargaaramne dhoorgamuu mirkaneesse.
Chaayinaan sagantaa aburraa hawaa isii cimsuun Ameerikaa yaaddessuun, biyyoota diinagdee guddaan qaban lamaan kana jidduutti dorgommii cimseera.
Astirooneetoonni Chaayinaa dhaabbata qorannoo hawaa addunyaa (ISS) irraa kanaan dura dhoorgamanii turan.
Kunis, sababa Waashingiteen NASA’n odeeffannoo Chaayinaaf akka hin qoodne uggureef …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 12, 2025, 8:46 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Godina Baha Shaggar ona Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti humni mootummaa PP manneen uummataa ibiddaan gubanii barbadeessuun barame.
Godinaalee Oromiyaa mara keessatti dararrii fi saamichi sirna Kanaan ummatarra ga’aa jiru hammaachaa jiraachuun kan beekkamuudha.
Kananiis walqabatee godina baha Shaggar ona Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti jiraataa gandichaa kan ta’an Obbo Nuuraa Badhaasoo mana jireenya isaa qabeenya guutuu waliin ibiddaan barbadeessuu maddeen nuuf ibsanii jiru.
Akka maddeen ibsanitti Obbo Nuuraan nama jireenya isaa gaggeeffatuu fi hawaasa keessatti jaallatamummaa qabu malee, badii qabeenya isaaf mana isaa dhabsiisu dalagee qabu miti jedhan.
Maqaa WBO deeggartu jedhuu itti maxxansuun, Oromummaa isaa qofaan yakkamee gochaan …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 11, 2025, 10:03 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Abee Dongorootti Dararri finxaaleyyii Faannootiin Uumatarra Ga’aa Jiru Hammaachuu Jiraattonni Dubbatan.
Wanti nurratti ta’aa jiru seenaa Harka Muraa fi Harma muraatu irra deebiin nurratti raawwatamaa jiraa jedhan jiraattonni maddeen dubbisan.
Humnoonni kun daangaa darbanii dhufuun, qabeenya keenya erga saamanii booda, kaan ajjeesuun, kaan ammoo qaama irraa muruun nu dararaa jiruu jedhan.
Humnoota finxaaleyyii kanaan wanti nurraatti hin raawwatamne hin jiru jechuun, qaamni sagalee nuuf ta’ee nurraa ittise haga yoonaa hin jiru jedhan.
Uummata harka qullaatu qe'ee isaatti dararaa argaa jira kan jedhan jiraattonni, humnoota finxaaleyyii kana akka ofirraa ittisuuf meeshaallee ofharkaa hin …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 10, 2025, 4:35 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Dhaabbanni Chaayinaa teeknooloojii saansura interneetiif hojiirra oolan gara Itiyoophiyaatti ergamaa turuu ragaaleen ba'an saaxilan.
Kana malees biyyoota kanneen akka Miinmaar, Paakistaanii fi Kaazaakistaanitti ergaa akka turan ragaaleen miliqanii ba'an ni agarsiisa.
Akka Ragaaleen miliqanii baafaman kun ibsutti gara kuma dhibba tokkoo ta’uu kan himame yoo ta’u, dhaabbanni Chaayinaa Giij Neetworkis jedhamu, meeshaalee teeknooloojii saansura ragaa interneetiin tamsa’an gulaalee to’atu mootummoota akka Mootummaa Itiyoophiyaa, Kan Miiyiinmaar, Paakistaanii fi kan Kaazaakistaanitti gurguruu isaa Gaazexaan Kaanaadaa Ze Giloobe ende Meeyil (The Globe and Mail) gabaaseera.
Dhaabbanni Chaayinaa kun qaama sagantaa hordoffiiwwan qabiyyee interneetii Chaayinaan baafatte jedhamu “Great Firewall” ta’uus ibsameera.
Ragaaleen …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 10, 2025, 2:28 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Neppaal keessatti mormii malaammaltummaa fi uggurri miidiyaa hawaasaa irratti kaa’ame hordofee, qondaalota qabeenya biyyaa saamuun durooman irratti mormii hamaan qunnamuun kan beekkamuudha.
Kanaanis torbanoota darban kana dargaggeeyyiin biyyattii gara marsaalee hawaasaatiin duula farra malaammaltummaa geggeessaa turan.duula isa qunname kana dhaabsisuuf mootummaniis dallanuun marsaalee hawaasa ijoo ta'an kan akka facebook, instagram, youtube, twitter (X) kkf uggure.
Uummanni gama marsaalee hawaasaatiin duula taasisaa turan hiriira mormiiitiif daanditti ba’uu hordofees humnoonni nageenya biyyattii eddoo hedduu keessatti ummata sagalee dhageechifatanirratti dhukaasa banuun yoo xiqqaate guyya tokko keessatti namoonni hedduun ajjeeffamaniiru.
Sochiin kunis cimee itti fufuun turtii sa’aa 40 hin guunne keessatti mootummaa …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 10, 2025, 9:36 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Masiriin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Xalayaa ergite.
Masiriin eebba ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa hordofuun, dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti Mana Maree Nageenyaaf xalayaa akeekachiisaa barreessuun barame.
Akka xalayaa kanaatti, Itoophiyaan tarkaanfii hidhaa kana ijaaruuf fudhatteen seera idila addunyaa sarbiteetti jechuun himatte.
Itoophiyaan Hidha Haaromsa Guddichaa kana ijaartee eebbisiisuun seeraan ala, murtee ofii ishee qofa murteessiteedha, kanaaf waan akka seeraatti fudhatamu miti jechuun xalayicha keessatti xuquunis hubatamee jira.
Lagni Naayil dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu Masiriiti jechuun kan ibsan yoo ta’u, Kanaafis Itoophiyaan waa’ee fayyadama bishaan kanaa irratti qofaa ishee akka murteessitu hin eyyamnuu jechuun ibsanii jiru.
Itti dabaluunis haala seerri …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 10, 2025, 8:34 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Mootummaan Poolaandi buufatalee xiyyaaraa cufe jedhame.
Poolaand buufata xiyyaaraa isa guddaa biyyattii keessaa magaalaa Waarsootti argamu dabalatee buufataalee xiyyaaraa afur cufuu beeksifte.
Poolaand Buufataalee xiyyaaraa gurguddoo lamaan Poolaandi Chooppinii fi Buufata Xiyyaaraa Waarsoo Modliin jedhaman dabalatee buufataalee Xiyyaaraa afur cufuu beeksiftee jirti.
Kunis dirooniin Raashiyaa daangaa qilleensaa Poolaandi seenuu hordofee Poolaandi buufataalee xiyyaaraa isii cufuun oppireeshinii gaggeessaa jiraachuu ibsitee kan jirtu yoo ta’u,
Raashiyaan haleellaa diroonii hedduu naannoolee Yuukireen gara daangaatti dhiyaatanii jiran irratti gaggeessiteetti.
Kanas hordofee daangaan qilleensaa Poolaandi 'wantoota akka diroonii Raashiyaa irraa ergamaniin sarbamee kan jiru yoo ta’u, Buufata Xiyyaaraa Rizezów-Jasiyonka jedhamu kan daangaa Yuukireenitti …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 9, 2025, 6:55 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
sraa'el Qondaalota Haamaas irratti Haleellaa raawwatte.
Israa’el Magaalaa guddoo Kaataar keessatti qondaalota ol'aanoo Hamaas irratti haleellaa cimaa raawwachuu beeksifteen, qondaala nageenyaa dabalatee namoota 6 ajjeesuun mirkanaa’e.
Haleellaa waraanni Israa'el Dohaa keessatti qondaalota Hamaas ol'aanoo irratti raawwatteen, Hoggantoonni Hamas haleellaa kanarraa yoo hafanis, ilma hogganaa isaa Gaazaa Khalil al-Hayyaa fi gargaartota isaa keessaa tokko, akkasumas qondaanageenyaa Qaxar tokko dabalatee namoonni 6 ajjeefamuun mirkanaa’ee jira.
Israa'el ibsa baafteen haleellaa kana amanuun, itti gaafatamumma haleella kanaa kan fudhattee yoo ta’u, haleellaa raawwatame kanaan dura meeshaa waraanaa baay'ee sirrii ta'aniifi odeeffannoo tikaa dabalataa fayyadamuu dabalatee, miidhaa namoota nagaa irra ga’u salphisuudhaaf tarkaanfiiwwan …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 9, 2025, 3:34 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Xummurame.
Ministeera duraanii mallazenawidhaan wagga 14 dura ijaarsi isaa kan eegalee, Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi, har’a Fulbaana 9/2025, eebbifameera.
Sirna eebba Hidha guddichaa kanarratti Ministira muummee Abiy Ahmad, Dippiloomatonni fi hoggantoonni biyyoota garaagaraa, Hoji-gaggeessaan Projektichaa Injinar Kiflee Horoo dabalatee hawwasni biyyatti bakka argamanitti sirni eebbichaa raawwatamuun baramee jira.
Eebba pirojaktii kanaa irratti gagegessawwan biyyoottan ollaa, Prezidantii Keeniyaa Wiiliyaam Samooyi Ruuttoo, Prezdantii Jabuutii Ismaa’el Oomar Giillee, fi Prezidantii Sudaan Kibbaa Saalvaakir irratti argamuuniis beekkamee jira.
Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi kunis walii galaan bishaan Meetir Kuubii Biiliyoona 74 kan qabatuu fi humna elektirikaa Meegaa Waatii 5150 …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 9, 2025, 10:16 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Uummanni Oromoo daangaalee naannoo Amaaraatin jiran finxaaleyyii Faannotiin ajjeefamaa jiraachuun barame.
ODUU FNN
Uummanni Oromoo daangaa naannoo Amaaratirra jiran irra deddeebiin ajjeeffamaa jiraachuu jiraattonni godinaalee gara gara irra deddeebiin dubbachaa jiraachuu maddeen ifoomsanii jiru.
Torbanootuma darbe kana keessa Horroo Guduruu Aabee Dongorootti humnootuma Kanaan yoo xinnate namoonni 30 ol yoo ajjeeffaman, kumoota heeduutti kan lakkaa’aman ammoo qe’ee isaanii irra buqa’uus himanii jiru.kana malees qabeenya isaanii samamanii yeroo ammaa kana beela fi eddo jireenyaa dhabuun hedduu dararamaa jiraachuus ibsamee jira.
Ummanni finxaaleyyii kanaan buqqa’an manguddoota ummuriin jaaraan, daa’immaan xixinnoo maatii hin qabnee fi dubartoota deessuun keessatti kan argaman ta’uus ni beekkama. …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 8, 2025, 3:30 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Dhalattoonni Oromoo biyya Kaanaadaa magaalaa Toroontoo jiraatan Irreecha bara 2025 irreeffatan.
Dhalattoonni Oromoo sirna Irreechaa kana irratti gamtaan bahuuni kan hirmaatan.
Sirna Irreechaa kana maanguddoonni eebbisanii kan banan yammuu ta'u, dhalattoonni Oromoo sirna Irreechaa irratti argamanis ayyaanicha qophiilee garaagaraatiin kabajaniiru.
Dhalattoonni Oromoo biyya Kaanaadaa magaalaa Toroontootti argaman sirna ayyaanichaa irratti argaman aadaa fi duudhaa uummata Oromoo jabeessuun gahee uummata Oromoo maraa ta'uu himaniiru.
Dabalii Ilaali
Published Sept. 8, 2025, 3:09 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo mana hidhaa Federaalaa Caffee Tumaa (Abbaa Saamu'eelitti) hidhamanii jiran akkaan dararamaa jiraachuun barame.
Shira murni mootummaa pp qindeesseen ilmaan oromoo mana hidhaa kana keessa jiran 8 irraatti yaaliin ajjeechaa taasifamuun wal qabatee hokkora ka’een, ilmaan oromoo hedduun mana hidhaa dukkanaatti hidhamuun dararamaa jiraachuu maddeen achii nuuf himee jita.
Dabalii Ilaali
Published Sept. 8, 2025, 2:53 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Arsii Bahaa ona Boqojjii fi Honqooloo Waabee keessatti humnoonni mootummaa uummata dararaa jiraachuun barame.
Murni mootumma Arsii Bahaa ona Boqojjii keessatti barattoonni mana barumsaa galmaa’uuf qarshii kaffaluu akka qaban itti himuun, barataan qarshii jedhame kana hin kaffalin galmaa’uu akka hin dandeenye jiraattonni maddeen keenyatti himan.
Sababa kanaanis maatiin barattootaa wan kaffalan dhabuun ijoolleen isaanii haga yoonaa osoo hin galmaa’in akka jiran jiraattonni dubbatanii jiru.
Akka maddeen jedhanitti uummanni yeroo amma kana waan mootummaaf kaffalu mitii waan ofiifuu nyaatu dhabee rakkachaa akka jiran maddeenitti himani jiru.
Dabalii Ilaali
Published Sept. 8, 2025, 8:18 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Lammiileen Itiyoophiyaa kuma 223 ta'an godaantummaaf saaxilaman jedhame.
Lammiileen Itiyoophiyaa 223 ta'an karaa seeraan alaatiin gara biyyoota Arabaa fi kanneen biroottii godaanuu dhabbanni Godaantota Addunyaa (IOM)gabaasee jira.
Ragaan kunis kan bara 2024 hanga Waxabajjii 2025tti yoo ta'u, lakkoofsi lammiilee Itiyoophiyaa rakkina diinagdee fi waraanaan karaa Yamani fi kallatti biraatiin godaantummaaf saaxilamanii jedha gabaasichi.
Dhaabbatichi itti dabaluun akka ibsetti, lammiileen Gaanfa Afrikaa 238,000 ta’an kanneen karaa Jibuutii fi Yaman karaa ijoo godaantota bahaa ta’an gara biyyoota Arabaa godaananii jiran keessaa ji’oota jahan jalqabaa bara 2025 keessa dhibbeentaan 97 lammiilee Itiyoophiyaa, dhibbeentaan lama lammiilee Somaalee, dhibbeentaan tokko ammoo lammiilee biyyoota biroo akka …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 6, 2025, 4:14 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Naannoo Tigraayitti mindaa hojattootaaf qarshii biiliyoona 20 akka isa barbaachisu barame.
Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraayi, miindaa hojjattoota osoo hin kaffalin hafee kaffaluuf qarshii biiliyoona 20 akka isa barbaachisu beeksise.
Itti Aanaan Pireezidaantii Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayi, Obbo Amaanu’eel Asaffaa, wayita marii hojattoota sektara barnootaa waliin taasifametti ibsuunis miidiyaaleen naannichaa ibsee jira.
Obbo Amaanu’eel itti dabaluun akka jedhanitti gaaffiin hojattootaa sirrii akka ta’e amanuun, qarshii jedhame kana kaffaluun ulfaatadha waan ta’eef baajata bara dhufuu keessatti qabannee itti deemuu dandeenya jedhan.
Adoolessa darbe himata Barsiisotaa hordofuun manni murtii Waliigalaa Tigraayi, lakkoofsa herreega baankii bulchiinsa yeroo tigraayi akka ugguramuu fi mindaan …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 6, 2025, 3:23 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Ethiopia keessatti woggoota lamaan darban konkolaachiftoonni konkolaataa fe'umsaa 40 yoo ajjeefaman, 200 ol ammoo madaa'utu gabaafame.
Waggaa lamaan darban keessa qofa konkolaachiftoonni konkolaattota fe'umsaa daangaa ce'an 40 yoo ajjeefaman, kanneen 200 ol ta'an ammoo madaa'uusaanii Waldaan Konkolaachistootaa tokko biyyatti ibse.
Waldaan Konkolaachiftoota Daangaa Qaxxaamuraa Itoophiyaa naannolee biyyattii walitti bu'iinsaan miidhaman keessatti haleellaan konkolaattota fe'umsaa fi konkolaachiftootasaaniirratti raawwatamu dabalaa deemuun miidhaan haganaa qaqqabuu ibse.
Waldichi akka jedhetti, kanaan dura konkolaachiftoonni butamanii gadhiisuuf maallaqa guddaa gaafatamaa kan turan yoo ta'u, yeroo dhiyoo asitti garuu konkolaachiftoonni"konkolaataasaanii keessatti ajjeefamaa akka jiran ibse.
Haleellaan kunis irra caalaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti kan …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 6, 2025, 9:38 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Wallagga Horroo Guduruu Aabee Dongorootti namoonni 6629 buqqa’an.
Wallagga Horroo Guduruu Aabbee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaatti namoonnii 6629 haleellaa hidhattoota finxaaleyyii Faannootiin guyyoota dura raawwatameen walqabatee haga yoonaa namoonni 6629 buqqa’uun beekkame.
Haleellaa finxaaleyyiin Faannoo Hagayya 23/2025 raawwatan kanaan lubbuun namoota 30 caalanii darbuun, abbootii warraa 1318 dabalatee walumatti jiraattonni 6629, buqqa’uu maddeen beeksisanii jiru.
Buqqaatota kana keessa Daa'imman ummurii waggaa 2 gadii maatii hin qabnee, manguddoonni fi dubartoonni ulfaa walumatti 220 dabalatee namoonni 362 ta’an yeroo ammaa mana barnootaa Gararoo Loomicaa keessatti qubatanii jiraachuu maddeen beeksisan.
Kanneen keessa dubartoonni lama bakka qubatanii jiranitti akka dahanis maddeen ibsanii jiru.
Namoonni …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 4, 2025, 1:49 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Godina Bunnoo Baddalleetti Ogeessi Seeraa hidhame.
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaphoo Annaatti abbaan murtii sababa hidhamtoota siyaasaaf mirga wabii eegeef hidhame.
Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaphoo Annaatti dorgaggoonni Oromoo hedduun sababa mootummaa pp mormitu jedhamanii shakkamaniif yeroo hedduuf waajjira poolisii keessatti dararamaa turuun mana murtiittis dhiyaachaa turaniiru.
Haala kanaan wanti yakkaan isaan himachiisu ykn adabsiisu waan hin jirreef, dargaggoonni hedduun beellama mana murtii aanichaatti dhiyaachuun Hagayya 25-29 kanneen dhiyaatan hedduuf mirgi wabii eegamee gad lakkifamuudhaan wal qabatee abbaa murtii aanichaa kan ta'e ogeessi seeraa Girmaa Baqqalaa Goobanaa jedhamu guyyaa dheengaddaa, Fulbaana 1/2025 qabamee waajjira poolisii aanichaatti hidhamee dararamaa jira.
Sababni …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 4, 2025, 12:43 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Masirii fi Suudaaan dhimma hidhaa guddicha Ethiopiarratti ibsa waloo baasuun beekkame.
Yeroo hiidhi guddichi Abbayi heebbaaf qophaa'aa jirutti ministeeronni biyyoota lamaanii Kaayirootti wal-gayii taasisanirratti ibsa waloo kana akka baasianiis beekkamee jira.
Walga'yii ministiroonni guyyaa kaleessaa Roobii hagayya 3/2025 kaayirootti taa'aniratti ibsa kana baasuun baramee jira.
Ibsa kanaaniis yaaddoo hiidhi Ethiopian ijaarte sadarkaa isa kan eeggatee miti waan ta'eef biyyoota yaa'a gadiirratti rakkoo uumuu mala jechuun yaaddoo qaban ibsatan.
Dabalii Ilaali
Published Sept. 4, 2025, 8:51 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mirhatuu aangoo gadhiisaan.
Bulchaan Baankichaa fuula midia hawwaasaa isaanirratti yaada qoodaniin aangoo gadhiisuu beeksisan.
Akka jedhanitti aangoo kan gadhiisaan fedhii isaniitiin ta'uu ibsuun,hojii dhuunfaakoo hojachuuf yeroon kiyya waan gayeef hojii gadhiisuu filadhe jedhan.
Dabalii Ilaali
Published Sept. 4, 2025, 7:30 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Oduu Hidhaa.
Fulbaana 3/2025 Humnoonni mootummaa dargaggoota mana hidhaatti guuraa jiraachuun barame.
Magaalaa Shaggar keessatti humni mootummaa milishaan dargaggoota karaarraa walitti qabee mana hidhaattii guuraa jiraa jedhan jiraattonni magaalichaa.
Kutaawan bulchiinsaa kanneen akka:
* Buraayyuu
* Gujee
* Ashawaa meedaa
* Gafarsaa Noonnoo
* Gafarsaa keellaa
* Koyyee Foccee
* Tulluu Diimtuu
* Furii
* Walattee
* Sabbataa,Sulultaa fi kanneen biroo keessatti namoota nagaa Ukkaamsuun Mana Hidhaatti guuraa jiru jedhan.
Magaalota kana keessa torban kanaa eegalee bifa addaa sababni hin beekamneen dargaggoota humnaan bakka isaan walitti qabamanii taa'anii fi Manneen puulii ,Manneen bunaa,Bakka hojii keessaa qabanii hidhaa jiraachuun …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 2, 2025, 2:46 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Balaa Sigiga Lafaa Suudanitti muuddateen namoonni 1000 ol du'uun beekkame.
Akka midiyaaleen adda addaa ibsanitti Suuudaan Lixaa Naannoo tulluu maarraa jedhamutti balaa sigiga lafaa tasa muuddateen lubbuun namootabkanneennii darbuutu gabaafame.
Balaa hamaan kun kan uummames naannawa Taaraasii jedhamutti yoo ta'u Rooba cimaa Dilbata darbe Roobeen balaan kun kan uummameedha jedhan maddeen.
Jiraattonni naannawa balaa kanaaf saaxilamanii kanaan duras Lola waraana Suudanii fi Humna Dafee dhaqqabaa (RSF)tiin hedduu miidhamuudhaan buqqa'anii gara kaaba daarfuriitti godaanuu isaanii maddeen ibsanii jiru.
Lola kanaaniis wal-qabatee bara 2023 keessa 150,000 ajjeeffamuufi miliyoononni qe'eerraa buqqa'uun kan yaadatamuudha.
Dabalii Ilaali
Published Sept. 1, 2025, 1:21 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Godina Gujii Lixaa Ona Bulee Horaatti Humnoonni PPsafuu hin beekne Barsiisaa Huccuu irraa baasuun Ummata fuundura oofaa ooluun dhaga'ame.
Akka maddeen keenya jedhanitti Barsiisaa Gammadee Jiloo Bariisoo kan jedhamu guyyaa har'aa Fulbaana 1/2025 Maqaa WBO waliin hidhata qabda jedhuun erga mana isaatii fuudhanii deemaniin booddee,karaatti baasanii Huccuu guutuu erga irraa baasanii Ummata fuunduratti reebichaa fi dararrii hamaa irraan ga'uun baramee jira.
Akka maddeen achii jedhanitti Barsiisaa Gammadee Jiloo Ganda Roophiyaa jedhamtu kan jiraatu yoo ta'u,hidhata qaamaa Siyaasaa kamiinuu akka hin qabne himanii jiru
Dabalii Ilaali
Published Aug. 29, 2025, 10:02 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Hagayya 29/2025 | Godina Horroo Guduruu Wallagga.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaatti hidhattoonni Faannoo lubbuu namoota 26 galaafachuun beekkame.
Gochi gara jabinaa kun kan raawwatame guyyaa har’aa hagayya 29/2025 yoo ta’u gocha kanaan lubbuun namoota nagaa 26 darbuun beekkamnee jira.
Maddeen keenya akka jedhanitti hidhattoonni Faannoo guyyaa har'aa Hagayya 29/2025 humna guddaadhaan ganda kanatti seenuudhaan jiraattota dhalattoota Oromoo tahan irratti erga saamicha raawwataniin booda dhukaasa irratti banuun ajjeechaa yoo raawwatan jiraattota kumootaan lakkaa’aman qe'eerraa buqqisuun beekkamee jira.
Qaamni hidhate kun meeshaa waraana gurguddaa hidhatee gurmuudhaan erga eddoo qabatee booda ummata meeshaa waraanaa homaa of harkaa …
Dabalii Ilaali
Published Aug. 29, 2025, 9:43 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
HAGAYYA 29/2025
Hagayya 29/2025 Godina Booranaa fi Daangaa Sumaalee.
Godina Booranaa daangaa naannoo Sumaaletti halleelaa hidhattoota naannoo Sumaalerraa dhufaniin hawwaasni nagaa miidhaman.
Hagayya 29/2025 Haleellaa hidhattoota naannoo Somaaleerraa dhufaniin namoonni sadii yoo ajjeefaman, kan madaa’aanii fi qa’ee isaanirraa buqqa’anis jiraachuun beekkame.
Akka maddeen keenya Godina Booranaa Bahaa ona Waacilleerraa nutti himanitti tarkaanfii qaamni hidhate daangaa darbee ummata nagaarratti fudhate kaanaan daa’ima waggaa 7 dabalatee namoonni nagaa 3 ajjeeffamuu fi 3 madeessanii deemuu maddeen keenya nuuf gabaasanii jiru.
Maqaa namoota ajjeeffamanii keessa kan ammaaf nu dhaqqabee kan armaan gadii yoo ta’u daa’ima waaggaa 7 maqaan isaa Eebbisaa Diqqaa Godaanaa, …
Dabalii Ilaali
Published Aug. 3, 2025, 7:18 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Lammiileen Oromoo Qabsoo Isaanii Kan Ofii Godhachuu Qabu
- Oromoon saba miliyoona Jaatamaa ol tahuu dha
- Afrikaa keessatti lakkoobsaan 6ffaatii hamma 9ffaa keessatti argama
- Addunyaarraa lakkoobsaan 25ffaa tii haga 27ffaa keessatti argama
- Haa tahu malee biyyi isaa haga barreefamni kun barraahetti gabrummaa jalatti argama
- Qabeenyi isaa ni saamama: namoota yartuu ykn halagaa tu qabeenya Oromoon durooma
- Addunyaa irratti haguma saboota akka Jibuutiifaallee dhageettii fi bakka isaaf malu hin qabu
- Ajjeechaan guyya guyyaa akka imaammataatti irratti deemaa jira
- Kun dhaabbachuu qaba.
- Hariiroo siyaasaa fi dinagdee biyyoota alaa humnoota addunyaa keessa jiran waliin tolfachuuf Ethiopian Middlemen nun barbaarchisu. Kallattiin tolfachuu qabna. Bakka nuuf …
Dabalii Ilaali
Published March 29, 2025, 6:58 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Oduulee Ji'a Bitootessaa Oromiyaa fi Itiyoophiyaa keessatti raawwatan kanneen FNN gahan akka asii gadiitti dhiheessina.
Bitootessa 24, 2025 - Qilxu Kaarraa, Wallagga Lixaa:
Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraatti miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii lama WBO'tti harka kennatan.
Bitootessa 24,2025 miseensonni waraana Raayyaa ittisa impaayerattii lama mooraa cubbuu ganuun gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun barameera.
Miseensotni waraana Bilxiginnaa kunneen badii sirnichi uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun mooricha akka ganan dubbataniiru.
Bitootessa 26 – Aanaa Shaanan Koolu, Godina Arsii Bahaatti
• WBO loltoota mootummaa irratti tarkaanfii fudhatee 1 ajjeesee 2 madeessuu beeksise. Ittuma fufuun lola bakka Laftoo Rifeensoo jedhamutti 5 …
Dabalii Ilaali
Published Feb. 23, 2025, 3:42 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ABO fi KFOn Gurraandhala 19 haga Gurraandhala 22, 2025 itti Hoteela Ililii Finfinnee jirutti kora godhachuun ibsa baasanii xumuran. Ibsa isaanii kana keessatti hirmaattoti imaanaa Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa akka ijaaran kennatan jedha ibsi kun.
Ibsa kanarratti Waranaana Bilisummaa Oromoo (WBO) ilaalchisuun:
Jilli Jaarmayaalee Hawwaasa Oromoo addaa irraa walgahii kana irratti argame Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) nagaa amansiisaa Oromiyaa keessatti buusuuf qooda olaanaa akka qaban amanuun ABO fi KFOn waraanni kun bulchiinsa siyaasaa Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa hundeeffamu jalatti itti gaafatamummaa fudhatee seera, nagaa fi daangaa Oromiyaa akka tiksuu danda'u haala barbaachisaa akka qindeessani fi guutaniif amaanaa itti kennanneerra, jedha …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 29, 2024, 8:14 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Dhaloonni isaa Darraa ta'ee Goojjamee dha.Yeroo OPDO' n galu oppireetara raadiyoo ta'ee Abbaa Duulaa jalatti hojjechaa ture. Yeroo caasaan paartii OPDO fi mootummaa adda bahu oppireetarii raadiyoo OPDO ta'ee ramadame. Yeroo sana Oromiffa dubbisuu fi barreessuu hin beeku ture. Kana booda raadio oppireetarummaa irraa gara ministeera ittisaa damee duulaatti jijjiirame. Yeroo fincilli Oromiyaa cimu si'a tokkotti Koloneel godhamee Lixa Oromiyaatti akka duulchisu ergame. Ajjeechaa bara 2008 ijoollee Aamboo fi Dambiidoollootti reeffa irra haati teessifamte suurri kaafame kan hooggane isa dha. Ajjeechaa inni raawwachiiseef akka oolmaatti Wayyaaneen gara Keeniyaatti, Yugaandaatti, Saawuz Afriikaatti, Saawuuz Sudaanitti, Laayibeeriyaatti yeroo 4 caalaa ergiteetti.Yeroo wayyaaneen ari'amte …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 2, 2024, 8:59 p.m. by Birhaanuu in
Afaan Oromo
PP biratti nagaan maali? Nagaadhumaa beekuu?
Birhaanuu Hundeetiin
Erga namtichi Muummicha Ministeerotaa Bilxiginnaa (PP) jedhamu, Koloneel Abiyyi Ahimad aangootti dhufee kaasee biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun akka waliigalaatti, addatti immoo Oromiyaan yeroo nagaa argatan waan jiru natti hin fakkaatu. Ani hamman yaadadhutti, tarii ji’oota muraasaaf yeroo inni arraba isaa damma dibatee (keessi garuu summii dha) waayee nagaa fi dhiifamaa lallabu sana yoo ta’ee ala yeroon nagaan itti mul’ate hin jiru. Seenaa biyyattii sanaa keessatti mul’atee kan hin beekne, badii guddaan kan dalagame fi keessattuu immoo lubbuun ilmaan namootaa lubbuu tiisisaa (tiitisaa) tii gadi kan ta’e bulchinsa nama kanaa jalatti dha.
Jarri …
Dabalii Ilaali
Published Aug. 9, 2024, 12:19 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Qabsoon bilisummaa Oromoo waggoota 50 dura jalqabe. Bu'aan qabsoo bilisummaa Oromoos Oromoo akka sabaatti eenyummaasaa dhabamsiisuuf irratti duulamaa ture jalaa dandamachiisuun Oromummaa daraarseera. Orummaan maal akka tahee fi daangaan Oromiyaas kam akka tahe sirnaan hundee akka godhatu taasiseera. Sabni Oromoos akka sabaatti addunyaatti akka beekamu godheera. Sabni Oromoos mirga saatiif dammaqinaan akka qabsaa'u of barsiiseera.
Haa tahu malee, qabsoon bilisummaa Oromoo kaayyoo jalqabeef cufa galmaan gahuu hin dandeenye. Qabsoota saboota biroo kan akka Ertiraa, Sudaan Kibbaa, Kosovo, Belize, Kiribati, fi kanneen biroo yoo ilaallee erga Oromoon qabsoo ijaaramee jalqabeeti kan bilisummaa ykn walabummaa argatan. Kanneen kaan kan akka saboota Filisxeem, …
Dabalii Ilaali
Published June 6, 2024, 4:53 a.m. by Birhaanuu in
Afaan Oromo
GUDDINA FI JABINA WARAANA BILISUMMAA OROMOO (WBO)
- Cibraarraa gara Birgeediitti, Bobbaa J/ Laggasaa Wagiirraa gara Bobbaa Irbuu Shinnigaatti -
Erga akka qaama fi damee waraanaa Adda Bilisummaa Oromootti uumamee kaasee, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) jiraachaatuma ture. Haa ta’u malee, WBOn bara 2018 booda bifa adda ta’een as bahee, seenaa saba Oromoo keessatti yeroo duraatiif sadarkaa olaanaatti guddate. Bifa adda ta’ee fi yeroo duraatiif sadarkaa olaanaatti yoon jedhu maal jechuu kiyya?
Gara sochii isaatiin yoo laalame, WBOn duris Oromiyaa keessa socha’aa ture. Sochii isaa kan bara 2018 boodaa yoo laalle garuu wanti adda godhan waa gurguddoo lama dha. Inni tokko …
Dabalii Ilaali
Published May 4, 2024, 3:51 a.m. by Birhaanuu in
Afaan Oromo
Akkuma irra deddeebi’amee jedhame, jedhamuu qofaas mitii lafarratti mul’achaa jiru, uummatni Oromoo seenaa saba kanaa keessattis ta’ee kan impaayara Itoophiyaa keessatti akka bara Bilxiginnaa kana salphatee fi miidhamees hin beeku. Sababni inni guddaan kanaan nu gahe dogoggora tooftaa fi tarsiimoo bara 2018 godhame fi OPDO aangootti fiduu dha. Sana booda immoo mootummaa Bilxiginnaa kan hogganaa jiru ijoollee Oromoo ti; sana biraayyuu dabree ilmaan Abbaa Gadaa ti; mootummaan kunis kan Oromoo ti; bilisoomnee jirra; misoomatti gallee jirra fi kkf ololuu fi kanaanis uummata keenya burjaajessuu dha. Amananiis ta’ee osoo hin hubatin qabsaa’otni bilisummaa Oromoo tokko tokko ABO fi jaarmayoota Oromoo kan …
Dabalii Ilaali
Published April 14, 2024, 5:56 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Sagantaa kana keessatti ergaa Jaal Marroo Dirribaa Guyyaa Gootota Oromoo bara 2024 ilaalchisuun dabarse isiniin geenya.
Turtiin keessan nu waliin haa tahu.
#JaalMarroo #GuyyaaGoototaOromoo #Oromoo #Hero #Oromia #OLA #OLFOLA #JaalBatteeUrgeessaa
Dabalii Ilaali
Published April 14, 2024, 5:38 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Sagantaa kana keessatti ergaa Jaal Marroo Dirribaa Guyyaa Gootota Oromoo bara 2024 ilaalchisuun dabarse isiniin geenya.
Turtiin keessan nu waliin haa tahu.
#JaalMarroo #GuyyaaGoototaOromoo #Oromoo #Hero #Oromia #OLA #OLFOLA #JaalBatteeUrgeessaa
Dabalii Ilaali
Published Feb. 13, 2024, 8:32 p.m. by Birhaanuu in
Afaan Oromo
Ebla bara 2018 yeroo Koloneel Abiyyi Ahmad akka Muummicha Ministeerotaa (MM) Impaayara Itoophiyaatti muudamu haasa’a godhe keessatti yommuu Minilik faarsu, waan yaadu fi dubbate sana hojiitti ni hiika ykn hojiidhaan ni agarsiisa jedhee namni yaade waan jiru natti hin fakkaatu. Haasa’a namtichaatti mirqaanuu fi harka rukutuufii malee wanti inni jedhe sun lafarratti ni mul’ata ykn hin mul’atu yookaanis immoo kaayyoo innii qabus ni milkaa’a ykn hin milkaawu jedhee namni yaade waan jiru natti hin fakkaatu jechuu kooti. Inni garuu waan dubbate sana hundaa sadarkaa sadarkaadhaan, yeroodhaa gara yerootti hojiirra oolchaa jira. Dura fakkoo Minilik fi Hayila Sillaasee masaraa Minilik keessa …
Dabalii Ilaali
Published Feb. 7, 2024, 6:02 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Godina Lixa Harargee Sabaa Habroo:
Torbee kana bilxiginnaan leenjii gaachana sirnaa miseensa haaraya jette bifa haarayaan hawaasa dirqisiisuu jal qabdee jiraachu maddeen FNN himan.
Haaluma Kanaan aanaa Habroo keessatti milishaa haaraya akka gandaatti nama 20 kennadhaa, leenjii gaachana sirnaa hawaasni hunduu leenjihaa jechuun hawaasa yaaddessaa jiraachuun beekame. Majliisa sheekkan barnoota amantii muslimaa itti barsiisan keessattillee leenjii dargaggoo fudhattu jechuun darasoota/barattoota barnoota amantaa muslimaa baratanii fi sheekkan cinqaa jiraachuun beekame. Haaluma kanaan walqabatee galgala kana gaafa Gurraandhala 6, 2024 naannoo sa'aatii 2 Ganda Haxuree salaataa jedhamu keessatti dura rasaasa tokko dhukkaasuun erga hawaasa naasisaniin booda daqiiqaa muraasa turuun naannoo sa'aatii 3 …
Dabalii Ilaali
Published Feb. 7, 2024, 5:11 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Gaafa Amajjii 31, 2024 balaa Sabaa-Himaaleen Hawwaasaa hawaasaa irratti qabu ilaalchisuun Seenetiin Ameerikaa qeeqa guddaa gaggeesitoota Sabaa-Himaalee Hawwaasaa irratti gaggeessee jira. Gidduu kanatti ture hoji gaggeessaan olaanaa Meta Mark Zuckerberg dhaabbatee, garagalee maatii daa'imman miidhamtootaa − tokko tokko suuraa qabatanii − waltajjiiwwan isaa, Facebook fi Instagram, ijoollee isaanii miidhan jedhanii himatan fuulduratti ba’e.
“Wanta hundi keessan keessa darbitan hundaaf dhiifama,” jedhe Zuckerberg. “Eenyullee wantoota maatiin keessan keessa darbanii fi rakkatan keessa darbuu hin qabu, kanaafis horii baay’ee invast goona, namni kamiyyuu wantoota fi rakkina maatiin keessan keessa darban keessa akka hin darbine mirkaneessuuf tattaaffii industirii adda duree ta’e hojjechuu itti …
Dabalii Ilaali
Published Jan. 26, 2024, 10:43 p.m. by Birhaanuu in
Afaan Oromo
Dhugaa ta’uu ykn olola fi burjaajii ta’uu beekuu baadhus, mariin araaraa marsaa sadaffaa ABO/WBO fi mootummaa PP jidduutti godhamuuf jira waan jedhu dhagaheen ture. Rakkoon tokko karaa nagaatiin mariidhaan hiikkamuu ykn furmaata argachuu kan danda’u yoo ta’e kun waan gaarii dha. Akka waliigalaatti wan jajjabeeffamuu qabu dhas. Haa ta’u malee, asirratti gaafiilee gurguddoo lama: PP wajjin mariin araaraa ni milkaayaa? fi Gaafiin uummata/saba Oromoo kan araaraan deebii argatuu dhaa? kan jedhan laaluun barbaachisaa waan ta’eef, asirratti yaadan qabu ibsuuf barreeffama gabaabaa kana dhiheessa.
PP wajjin mariin araaraa ni milkaayaa?
Duraan dursee wanti hubatamuu qabu, lolli har’a ABO/WBO fi mootummaa PP …
Dabalii Ilaali
Published Dec. 25, 2023, 7:47 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Injifannoolee ABO-WBO torban kanaa:
➭WBOn Birgeedii Caffee Tumaa godina Baha Shaggar magaalota 8 keessatti diina harcaase.
Halkan tokkotti WBOn konyaa Baha Shaggar Birgeediin Caffee Tumaa halkan edaa Muddee 24,2023 magaaloota saddee keessatti tarkaanfii fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Haaluma kanaan Baha Shaggar magaalaa Duukam seenuun tarkaanfii iddoo lamatti mooraa diinaa irratti fudhateen diina irraa bakka lamaaniittiyyuu loltoota 47 du'aan yoo adabuu 86 madoo jajjabduun naaffisee jira.
Gama meeshaa fi qabeenyaan konkolaataa diina 2 fi qodaa diinaa daaressee jira! Hidhannoo fi qawwee AKM Turkii danuu dugda diinarraa hikeera!
Godinuma kana magaalaa Mojoo seenuun haleellaa jajjabduu buufataalee diinaa irratti fudhateen magaalattii guutuu …
Dabalii Ilaali
Published Dec. 14, 2023, 10:45 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Jilli Waraanaa Embasii UK Itiyoophiyaa jiru Giddugala Leenjii Qilleensaa fi Komaandoo Bilattee daawwate, leenjii, bu'uuraalee misoomaa fi hojiiwwan kanaan walqabatan ilaale.
Ityoophiyaatti jilli waraanaa Yunaayitid Kingidam Koloneel Maark Baavaan fi namoonni biroo Giddugala Leenjii Qilleensaa Komaandoo Bilaate daawwachuun leenjii, bu’uuraalee misoomaa fi sochiiwwan kanaan walqabatan giddugalichaa ilaaluu Raayyaan Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa beeksiseera.
ENDF Koloneel Maark wabeeffachuun akka jedhetti adeemsi leenjii komaandoo, qilleensarra, humna addaa fi farra shororkeessummaa Giddugalicha keessatti itti fufee jiru ergama walxaxaa raawwachuu danda’a. Itti dabaluunis, bakkeewwan leenjii fi bu’uuraaleen misoomaa ammayyaa akkasii jiraachuun leenjifamtootaaf dandeettii waraanaa bu’a qabeessaa fi gahumsa qabu akka argatan gargaaraa jedhan.
Jilli sun …
Dabalii Ilaali
Published Dec. 7, 2023, 1:16 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Fulbaana 2016, ogeettiin dhibee daddarbaa Steffanie Strathdee harka abbaa warraa ishee du’aa jiru qabattee, lola dadhabsiisaa infekshinii superbug lubbuu namaa galaafatu waliin yeroo mo’amu ilaalaa turte.
Olka'iinsaa fi gadi bu'iinsa ji'ootaa booda, hakiimonni abbaan warraashee Toom Paatarsan baakteeriyaadhaan baay'ee akka rakkate reefuu itti himanii turan.
“Ani, ‘Shaabbaa koo, yeroon nu jalaa dhumaa jiran jedheen. Jiraachuu yoo barbaadde beekuun qaba. Na dhaga’uu dandeessullee hin beeku, garuu yoo na dhaga’uu dandeessee fi jiraachuu barbaadde maaloo harka koo jabeessi qabin’ jedheen.
“Akka tasaa, dhuguma harkakoo jabeessee qabe. Ani immoo, ‘Oo, guddaa dha!’ jedheen yaade, achiis, ‘Oo, crap! Maalan godha?’” jedheen yaade jette haati …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 26, 2023, 9:38 p.m. by Birhaanuu in
Afaan Oromo
Impaayarri Itoophiyaa dhiigaan waan ijaaramtee fi dhiigaan waan as geesseef, biyya tana keessatti dhiigni ilmaan namaa dhangala’uun hin dhaabbatu. Mootummootni abbaa irree dhufaa dabranis dhiiga ilmaan namootaa dhangalaasaa fi lafee isaanii caccabsaa as gahan. Sirna impaayaraa kana keessatti, namoota hidhuun, dararuun, ajjeesuun fi kkf aadaadhuma biyya sanaa ta’ee jira. Lubbuun ilma namaa kan mararfannoo hin qabne biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti qofaa dha yoo jedhame dhara hin ta’u. Lubbuun ilma namaa lubbuu tiisisaa (tiitisaa) ta’ee jira. Mirga ilma namaa kabajuu wanti jedhamu sirumaa dhabamaa dhufee jira. Duuti biyya tana keesatti qoosaa ta’ee jira. Biyya faranjii keessatti bineensi tokko yoo ajjeefamu, …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 24, 2023, 8:31 p.m. by Birhaanuu in
Afaan Oromo
Mariin mootummaa Bilxiginnaa (PP) fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jidduutti Taanzaaniyaatti turban lamaa ol godhamaa ture fi nagaa fidinaa laata jedhamee abdiidhaan eegamaa ture waliigaltee malee xumuramuun isaa baay’ee nama gaddisiisa. Maaliif yoo jedhame, uummatani Oromoo kan waggoota shanan jahan dabran keessatti yoomiyyuu caalaa hidhaadhaan, ajjjeechaan akkasumas dararama adda addaa fi waraanaan miidhamaa ture fi jiru naagaa waan dheeboteef, mariin kun yoo milkaaye yeroodhumaafillee yoo ta’e uummatni keenya afuura galfachuu ni danda’a ta’a jedhamee waan eegamaa tureefi. Isa kanatu nama gaddisiisa malee, mootummaa PP irraa nagaan ni eegama; yookaanis karaa nagaatiin gaafiin uummata Oromoo deebii argachuu ni danda’a jedhamee yaadamee …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 31, 2023, 6:55 p.m. by Birhaanuu in
Afaan Oromo
Gaafatamni mootummaa tokkoo maali?
Gaafatamni mootummaan biyya tokkoo qabu keessaa inni ijoon nagaa fi nageenya uummata biyya sanaa eeguu fi eegsisuu dha. Karaa siyaasaa fi diimookraasiitiin yoo ilaalame immoo, mootummaan uummataa yoo uummata biyya sanaatiin karaa diimookraasii fi haqaatiin uummataan filatame dha. Egaa, mootummaan gabaabinaan akkanatti yoo ibsamu, mootummaan PP akkuma waliigalaattuu mootummaa uummataa ti jechuun ni danda’amaa? Mootummaan kun karaa diimookrassii fi haqa ta’een kan filatamee dhaa? Nagaa fi nageenya uummatchiaa eggaa fi eegsisaa jiraa? Deebii gaafiilee kanaa dubbistootaaf dhiisee, mee gara mata duree barreeffama kanaatti deebi’ee, waanan hubadhe tokko tokko ibsuun yaala.
Mootummaan PP ykn Badhaadhinaa ofiin jedhu …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 16, 2023, 12:07 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Sabni Oromoo, sirna kolonii Habashaa jalatti baroota 150 oliif hacuucamaa ture, yeroo ammaa ammoo caalaatti akka sabaatti diineffatamee, haala qindaaween duullii daguuggaa sanyii qara hedduudhaan irratti geggeeffamaa jira. Eenyummaa uummata gabroomfatamee dhabamsiisuun imaammata impaayera koloneeffattuu akkuma tahetti, mootummaan Itoophiyaa hardhaa, karaa tokkoon uummata Oromootti Humna Waraanaa qabu maraa duulchisuudhaan daguuggaa sanyii raawwataa jira. Karaa biraatiin immoo, tooftaa fi tarsiimoo adda addaatti fayyadamuudhaan uummata keenya naannoodhaan, gandaan, amantiidhaan akkasumas ilaalcha siyaasaa tokkummaan ka’ee Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) xumuratti hin geessine burjaajessaa jira.
Gurmuun Hayyoota Oromo (GHO), rakkoolee saba isaa (kan siyaasaa, diinagdee, fayyaa, hawwaasumma fi kkf) qorachuu fi too’achuudhaan adda-durummaan fala …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 7, 2023, 2:58 p.m. by Birhaanuu in
Afaan Oromo
ANATU CAALAA BEEKAA, OFTUULUMMAA, JIBBINSA, HINAAFFAA FI XIIQII
Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO)n diinota keessoo fi alaa akka qabu irra deddeebi’amee dubbatamaa ture jiras. Diinotni alaa kallattiidhanis ta’ee al-kallattiidhaan meeshaalee adda addaatti fayyadamuudhaan QBOrratti duula gaggeessu. Meeshaalee waraanaatiin qabsaa’ota fi uummata Oromoo lafarraa fixu. Karaa miidiyaatiin duula maqa xureessii uummata/saba Oromoorratti gaggeessu. Karaa diplomaasiitiin mootummoota fi hawaasota Addunyaa kijibanii; dhara dhugaa fakkeessanii; ajjeesanii ajjeefamaa of fakkeessanii; miidhanii miidhamaa of fakkeessanii dhiheessuudhaan QBOn akka deeggarsa hin arganne tattaaffii godhu.
Karaa biraatiin immoo, tooftaa fi tarsiimoo Oromoo qoqqooduu baafachuudhaan tokkummaan Oromoo akka hin cimne uummata kana naannoodhaan, gandaan, lagaan, amantiidhaan, ilaalcha siyaasatiin …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 8, 2023, 10:18 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Ajjeechaa Amaanu'eel Wandimu Oromoon hin yaadanne jira jechuun ulfaataa dha.
Amaanu'eel Wandimmuu waggaa 2 dura Caamsaa 11, 2021 mana maatii isaatii qabanii Abbaa Torbeeti jechuun guyyaa saafaa addabaabayii Dambi Doollootti humnooti Bilxiginnaa aangoorra jiran ajjeesan.
Ammas waggaa lama booda magaaluma Dambi Doollootti dargaggoo Daangaa jedhamu erga Abbaa Torbee jechuun ijoollee biroo waliin hidhanii booda ajjeesanii gatanii jiru. Ajjeechaa walfakkaataa Oromiyaa mara keessatti ittuma fufanii itti gaafatama tokko malee gaggeessaa jiru. Seerri waraqaa irra malee Itiyoophiyaa keessas Oromiyaa keessas hin jiru. Seerri isaanuma. Seerri isaan tajaajiluu malee isaan ittigaafatama seeraa jala hin jiran. Abbaa sodaatan ajjeesanii bakkeetti gataa jiru. Hedduu erga …
Dabalii Ilaali
Published Aug. 25, 2023, 10:25 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Hagayaa 23, 2023, Hararghee, Oromiyaa
Yeroo ammaa kanatti godinaa Baha Oromiyaa nannoo Harar kessaatti rakkoon nageenyaa akkamalee hammaatee jira. Maqaa shanee waliin hidhata qabdan ja'uun uummaata nagayaa kessaattuu manguddoo fi abbootii ammantaa hidhuun itti fufee jira. Namoota yeroo ammaa kanaa sababa tokko malee hidhanii jiraan kessaa muraasni maqaan isaanii akka asii gadiiti:
1. Amiin Hassan Dachii,
2. Sheek Shamii Abdulayi Abrahim fi
3. Jamal Ahmad Musaa, FKK dha.
Namoonni kunneen mana hidhaa magaalaa Harar Mabrah ja'amu kessaatti gafa guyyaa Hagayya 18, 2023tti qabuun haga ammaa mana murtiiti osoo hin dhiheessin hiraarsaa jirachuun dhagahamee jira.
Ittii dabaluun namoota akka malee dorsiisaa …
Dabalii Ilaali
Published Aug. 3, 2023, 4:08 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Oduu Hagayya 2, 23
Oduu harra FNN gaheen humnooti mootummaa Itiyoophiyaa fi humnoota Ertiraa irraa ijaaraman kaampii waraanaa G/W/L Gimbii jiruu fi beta mangist jedhamuun beekamutti lammiilee iddoo biroo irraa fiduun ajjeesanii gataa jiraachuun dhagahame. Qabiyyeen waraana kanaa gaafa ilaalamu Oromoo %20 akka hin caalleef fi irra guddaan isaanii afaan Tigiree kan haasa'an yeroo tahu Eritiraa akka dhufan keessa beektooti dubbachaa jiraachuu keessa beektooti FNN f gabaasan.
Baratooti Yunvarsiitii AMBO damee Maammoo Mazamir kan qormaata kutaa 12 fudhachuuf argaman nyaata faalameen summeeffamuu uummati dubbataniiru. Baratooti kun mana yaalaa guuramaa jiraachuun dhagahameera. Ballinni oduu kanaa akkuma nu gaheen gabaafna. …
Dabalii Ilaali
Published July 30, 2023, 4:49 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Sirni Awwaalcha Artiist Soraa Abdataa, Bakka Dhaloota Isaa Magaalaa Jaarsoo,Bataskaana Gabri'eelitti har’a Gaggeeffamee oole
Sirni awwaalcha Artiist Soraa Abdataa, bakka dhaloota isaa Godina Wallaga Lixaa Magaalaa Jaarsoo Bataskaan Gabri'eelitti, bakka Maatiin, firoottan isaafi jaalattoonni isaa argamanitti har’a gaggeeffameera .
Dargaggeessi Afaan Oromootiin qoosaa yookiin koomedii hojjechuun beekamu Soraa Abdataa kaleessaa magaalaa Finfinnee naannawa Jamoo jedhamuun beekamutti hoteela keessatti 'du'ee argamuu' hordofee miidiyaa hawaasaa gubbaatti namootni hedduun rifachuun gadda ibsachaa jiru.
Waggaa lama dura walbaranii haga ammaa hojiiwwan koomedii shan waliin hojjechuu kan himu hiriyaansaa Amaanu'eel Waaqturaa kan jedhamu Sooraan waggoota sadii dura magaalaa Naqamteerraa gara Finfinnee akka dhufe fi naannoo …
Dabalii Ilaali
Published May 19, 2023, 6:25 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Gootichii waraannii bilisummaa Oromoo zoonii lixa keessa socho'uu mooraa diinaa buqqisuun godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessa aanoota afur dhuunfaachu fi bakkeewwan garagaarati tarkaanfii fudhaacha jiraachu beeksise .
Irree fi abdiin ummaata Oromoo waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii waraana faashistii Abiyii Ahmed irraatti fudhaatu itti fufuun ,waraannii bilisummaa Oromoo zoonii lixa keessa socho'uu Caamsaa 17 fi 18 ,2023 godina Horroo Wallagga keessatti tarkaanfii mooraa diinaa irraattii fudhaaten meeshaale waraana morteera dabalatee hedduu hiikuun waraana murniicha hedduu ajjeessuu ,madoon adabuu fi fayyaatti boojii'uun hanga gabaasni kun qindaa'eetti aanoota afur dhuunfachuu beksiise jira
aanootiin arfan to'aanno waraana Bilisummaa Oromoo jela jiran,aanaa Abaaboo Guduruu magaala …
Dabalii Ilaali
Published May 9, 2023, 4:37 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Waraanni raayyaa ittisa impaayerattii sadii sirna bilxiginnaa ganuun godina Lixa Wallaggaa keessatti gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennatan.
Sirni cubbamaa fi balfamaan guyyaadhaa gara guyyaatti fooniif lafee ilmaan Oromoo bineensa sooraa oolu bilxiginnaan, humnaa fi goyyoomsaan ijoollee Oromoo dirree waraanaatti guuree meeshaa itti hidhee saba isaanii akka lafa irraa dhabamsiisaniif bobbaasus, warreen dhugaan sabaa isaaniif gale mooraa waraana PP bakkoota garaa garaa keessaa hidhannoo guutuu waliin miliquun qabsoo saba isaanii ABO-WBOn geggeeffamaa jirutti harka kennachuu itti fufanii jiraachuu Midiyaan Arrata Biyyoolessa Oromiyaa gabaaseera.
Haala kanaanis dheengadda Caamsaa 5,2023 waraanni raayyaa ittisa impaayerattii 3 Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu mooraa Qeelaa …
Dabalii Ilaali
Published Feb. 19, 2023, 4:19 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU FNN
Gaafa Gurraandhala 15, 2023 itti G/H/B/A/Goroo Gutuu Aradaa Yakkaa Amaan Ganda Waree kessatii Abbaan aradaa #Abduraman Adam Amad Robaa jedhamuu qeerroo waranaa ittii ajajudhaan tumsisaa mana hidhaa Karamileetii gursisaa jiraachuun dhagahameera.
Qeerroolee mana hidhatii darbataman keessaa.
- Ammee Sanii
- Abrahiim Sanii
- Shamee Bakar fi
- Adam Mahamad kan jedhaman keessatti argamu.
Hangaa ammatti maatii ijollee baqatanii hundaan hangaa ijolleen tessan dhuftu hin bataan jechudhaan bulchiinsi araddaa matii ijollee mana hidhatti guraa jirachuu maddeen kenyaa naannoorraa gabaasaniiru.
Godina Harargee magaalaa Dirre Dawwaa ganda 03 kessatti rakkoon ilmaan Oromoo irra waggaa 5nan darban kessatti gahaa jiruu kan himamee dhumuu mitii …
Dabalii Ilaali
Published Feb. 18, 2023, 1:33 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa WBO waliin mariyachuuf waamicha dhiyeessan.
Caffeen Oromiyaa Yaa'ii PP idilee 4ffaa, Waggaa 2ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa isaa har’a gaggeessuu eegale.
Yaa’ii sanarratti gabaasni raawwii hojii baatii 6ffaa darbe kan baranaa ilaalchisee gabaasni miseensota caffichaa fi PPf dhiyaateera.
Gabaasa raawwii kan baatii 6ffaa ilaalchise keessaa muraasni dhimma Qonnaa, Barnootaa, fi Nageenyaa yoo tahu, Pirizedaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo shimalliis Abdiisaa gabaasa raawwii sana miseensota Caffeef dubbisaaniiru.
Keessummaa karoora raawwii Dhimma Nageenyaan walqabatee Pireezidaantiin Motummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanittii Qaamni hidhatee socho'uu gareen Shanee jechuun waamanii, gara araaraatti akka dhufu waamichi nageenyaa taasifamuu eeraniiru. …
Dabalii Ilaali
Published Feb. 13, 2023, 7:28 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo – Gurraandhala 11,2023
Heerri Adda Bilisummaa Oromoo mirga amantaa lammiilee ni kabaja. Addi Bilisummaa Oromoo dhimma amantii keessa seenuu irraa of qusachuun barbaachisaa dha jedhee amana. Addi Bilisummaa Oromoo Sinodoosiin Oromiyaa, Saboota fi Sab-lammootaa seeraa fi mirgoota Waldaa Ortoodooksii Itoophiyaa, heera mootummaa Federaala Dimokiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa fi mirgoota akka lammii Oromiyaatti qaban fayyadamuudhaaf mirga guutuu qabu jedhee amana.
Amantoonni amantaa hundaa bilisummaa namoota biroo osoo hin sarbin amantii isaanii hordofuu fi gaggeeffachuuf mirga akka qaban ni amanna. Haaluma kanaan lammiileen Oromiyaa seeraa fi naamusa amantaa isaanii fi Safuu Oromoo kabajuun Sinodoosii mataa isaanii tumsuu, deggeruu, …
Dabalii Ilaali
Published Feb. 10, 2023, 5:21 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Jila Phaaphaasotaa, Abuuna Saawuroosiin durfaman gara kutaa lallaba Shawa Kibba Lixaatti imalaniif simannaan taasifame.
Sabbataa hanga Walisootti uummata kuma dhibbootaan lakkaa'amutu bahee akka simate barameera.
Guyyaa gaafa guraandhala 9 bara 2023 akkuma sinoodoosii haaraan karoorfatetti, Abuna Saawiiroos jila isaanii waliin gara kutaa lallaba isaaniitti imaluun uummata eebbisuuf karaa qabataniin magaalaa keessa qaxxaamuran hunda simannaan ho’aa taasifamuufiis barameera
Hordoftoonni amantaa Ortodoksii tawaahidoo sinoodosii haaraa kanaaf deggersa qabanis, daandiitti ba'uun faaruufi galatootiin isaan simachuu kan eegalan, funyaan Finfinnee jalatti kan argamtu magaalaa Sabbataa Alamganaa Daalaattiitti.
Jiraattonni sabbataafi naannoshee hedduminaan simachuun bataskaanatti gorsiisanii eebba irraa fudhatan.
Abbaan Fardaa fardaan, kaan lafoon, faarfattoonni …
Dabalii Ilaali
Published Feb. 3, 2023, 6 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Dhimma hoggantootaafi qondaaltota ABO mana hidhaa jiranii qaama gaafannu wallaallee jedhan Abukkaattoon Seeraa Obbo Tuulii Bayisaa .
Hoggantootaafi Qondaalota ABO olaanoon mana hidhaa jiran erga mana murtiitti dhiyaatanii waggaa caaleera jedhan abukaatoon qondaaltoota kanneenii Obbo Tuulii Baayisaa.
Qondaalonni ABO kanneen akka Obbo Abdii Raggaasaa, Mikaa’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa fi Lammii Beenyaa fa'a mana murtiitti kan dhiyaatan ALI bara 2013 ji’a gannaa keessa ture
Isaan qofa osoo hin taanes, qondaalonni ABO godinaaleerra jiran mirgi wabii isaanii mana murtiitti eegamuufilleen poolisiin gadhiisuu waan dideef ammayyuu hidhaa jiru jechuun dubbatu.
''Himanni irratti hin banamne, kaaniif ammoo mirgi wabii eegameeraaf. Garuu namoonni kunneen osoo …
Dabalii Ilaali
Published Feb. 2, 2023, 5:49 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Erga hooggantootni Amantaa Orthodoksii Oromiyaa hooggansa haaraa gaafa Amajjii 22, 2023 uumanii kaasee Orthodoksiin Itiyoophiyaa hookkara cimaa keessa seenee jira. Abbootiin Amantaa Orthodoksii Oromiyaa baroota dheeraatiif qabsoo keessoo gochaa erga turaniin booda ji'a darbe labsii baasuun phaaphaasota 26 lammiilee Oromoo fi sabaa fi sablammii irraa muuduun hojiitti bobbaasaniiru. Warra muudama haaraa argatan keessaa namni 17 Oromiyaa irraa namni 9 immoo sabaa fi sablammii irraa tahuun beekamee jira. Sababni muudama haaraa fi labsii Sinodosii Amantaa Orthodoksii Oromiyaa kaasuun kan ibsan Phaaphaasii Olaanoo Waldaa Kibba Lixa Shawwaa Abune Sawiroosii (PhD), Phaaphaasii Olaanoo Eustathius fi Zena Markos ta'uun beekameera. Labsii kanas jabeessanii …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 25, 2022, 4:34 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Hattuun yeroo hattu utuu hin ta'in yeroo hirmaannaa wal lolti.
Bilxiginnaan Gidduutt jeequmsi guddaan ka’ejira.
Lolli Bilxiginnaa gidduutti ka'ee jiru kunis:-
1ffaa. Lola garee ijaarsa pirojektii Impaayera Itoophiyaa fi garee hannaa fi Saamichaa gidduu jiru.
1. Gareen hannaafi saamichaa Kaabinoota mootummaa maqaa Shaneetiin nama haluu/haaloo bahuu, Shanee dahoo godhachuun qaamni nageenyaas kontiroobaandii waarra daldaluu Shimallis Abdiisaa, Fiqaaduu Tasammaa, Awwal Abdii, Araarsaa Mardaasaa, Girmaa Galaan, Dachaasaa Bitimaa, Dammallash G.Mikaa'el, Yohaannis Mitikkuu fa'a fi Garee ijaarsa pirojektii Impaayera Itoophiyaa fi Oronummaa waggaa kuma tokkoof cabsuun sirna nafxanyaa leellisu Koloneel Abiyyi Ahimed, Taayyee Danda'aa, Hangaasaa Ibiraahim fa'a giddutti lola ka'een Saadasa 06/2015 …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 17, 2022, 9:02 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Sababa Maaliif Cabne
Yeroo diinni Oromiyaa qabachuuf weerara baanee fi erga Oromiyaan harqoota diinaa jalatti kufteetii kaasee Oromoon bilisummaa isaaf qabsoo adda kutee hin beeku. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti Oromoon baayyee tahee diina haga isaa hin geenyeen injifatamuun sababaalee mataa isaa qaba. Mootummaan giddugaleessaa Oromoo tokko dhibuu fi naannoleen bakkaa bakkatti Abbootii Gadaalee fi Moototaan naannootti buluu fi walquunnamtiin laafaa tahuun, akkasumas mootummaan giddu galeessaa dhibuun diinaaf ni aanja'e. Diinni tokko tokkoon nu cabsuun haala mijeesseef. Dhuma jaarraa 19 keessa (1889 fi isa booda) Walloon qofaa lolee cabe, Leeqaan qofaatti cabe, Tuulamni qofaatti cabe, Arsii fi Baaleen qofaatti cabe, Jimmaan …
Dabalii Ilaali
Published Nov. 4, 2022, 6:15 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Araarri Adda Bilisa-baasaa Uummata Tigiraay (ABUT) fi Bilxiginnaa (PP) gidduutti tahe utuu hin bulin cabee jira. Mootummaan ammallee xiyyara nama maleeyyiin rukuttaa magaalota kan akka Maycawu faa irratti gaggeesuutu dhagahame.
Obbo Geetachoo Reddaa faa waan gammadan hin fakkaatu araaricjarratti. Buquun isaa cabee ture. Waan mataa bowwoo qabu fakkaata ture yeroo qabxiilee walii galtee sana dubbisee harka rukutan. Obbo Geetachoon harka aluma tokko walitti sukkiume malee hin rukunne ture.
Kun kan mullisu dhiibbaa cimaan akka turee dha.
Walumaa gala ABUT waanta injifatamuu fudhatan fakkaata qabiyyee waliigaltee irraati.
Waanti nama dhibu akkamiin hooggantoota ABO bara 2018 nagaan qabsoofna jedhanii Finfinnee …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 22, 2022, 4:43 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
ODUU
Guyaa har’aa Mootummaan Itoophiyaa lixa shaggar Ona Meettaa Walqixxeetti lola WBO waliin godheen miidhaa isa irra gaheen mufatee ummata nagaa irratti haleellaa qilleensaa raawwatuun dhagahame
Akka maddeen naannicha irraa gabaasaa jiranitti gootichi irree fi gaachena saba Oromoo WBO Zoonii Kaaba Lixa Shaggar ona meettaa walqixxee keessatti lola jabaa humnoota mootummaa waliin taasisuun I njifannoo boonsaa galmeessuu isaa maddeen gabaasuu irratti argamu.
Waraanni Faashistii Mootummaa Lola kana irrattin injifatame Aariidhaan Humna Qilleensaa Xiyyaara nama malee(Drone)tiin Magaalaa Minaaree rukutuun lammilee hedduu irratti miidhaa akka qaqqabsiise gabaafamuu irratti argama.
Hordoftoota keenya dhimma kana irratti akka odeessi bal’aan nu gaheen kan isiniif dhiheessinu …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 8, 2022, 3:56 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
1
Gaazzixeessitoonni ONN lamaanii fi Kanneen isaan waliin himataman namoonni 17 kaleessa mana murtiitti dhihaatan.
Miseensotni Koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa labsitan jedhamuun galmee Qaasim Abdullaahii jalatti himataman namootni 17 fi gaazzexeessitoota ONN Dassuu Duulaa fi Biqilaa Amanuu kaleessa Onkoloolessa 07,2022 Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Calcaliitti dhihaataniiru.
Mirgi wabii isaan gaafatan hanga ammaatti kan hojii irra hin ooliniif yoo ta’u, dhaddacha kaleessa ooleen ragaan biraa dhihaatuun hubatameera. Ragaan dhihaates akka barbaadanitti ta’uu waan dadhabeef Abbaan Alangaa addaan kuteera.
Manni Murtii beellama biraa Akka Lakkoobsa Itophiyaatti ji’a itti aanu gaafa 24,2015tti qabuu maddeen ifoomsaniiru.
2
Godinaalee Oromiyaa bakkoota adda addaatii …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 8, 2022, 3:46 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Godina Shawaa bahaa aanaa Boosat ganda Qaawwaa jedhamutti waraanni mootummaa Onkoleessa 06, 2022 manneen maatii qonnaan bulaa 8 gubuun dhagahame. Ganda Qaawwaa iddoo addaa Haraa jedhamtutti sababa tokko malee mana qonnaan bulaarra naannayee ibidda itti qabsiisuun maatii warra kanaa mana malee hambise jedhu jiraattoonni naannichaa.
Qabeenyi maatii Qonnaan bultoota kanneenii manneen keessa jiru tokkollee osoo hin hafin gubamuun, maatii kanneen harka qullaatti hambifamuu maddeen keenya naannicha irraa gabaasaniiru.
Gandoota aanaa Boosat baay’ee keessatti waraanni mootummaa uummata nagaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jechuun manneen irratti gubaa, hidhaa, ajjeesaa jiraachuu irra deddeebiin gabafamaa tureera.
Sanyii Abboomaa tu barreesse.
Dabalii Ilaali
Published Oct. 8, 2022, 3:21 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Namoonni gareen qindaa’an Onkolooleessa 5, 2022 biiroo Koomishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) damee Gaambeellaatti argamuun hojjattoota dhaabbatichaatti dhaadachuun, qabeenya barbadeeessuun “dhaabbilee mirga namoomaa biroo magaalattii keessa jiranis gadhiisanii akka bahaniif akeekkachiisaniiru,” jedhe KMNI. Ibsa baaseen.
Gabaasa Fulbaana 28 baaseen sababa humnoota nageenyaa mootummaa fi waraanni riphee loltoota naannicha keessa socho’an [waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Adda Bilisummaa Gaambeellaa(ABG)] wajjiin godhameen lubbuun namootaa darbuusaa gabaasee ture. Erga haleellaan garee lamaan giddduutti godhame raawwatee booda Fulbaana 17 fi 18, 2022 “humnoonni nageenyaa mootummaa lammiileee nagaarratti miidhaa geessuusaanii” KMNI gabaasee ture.
KMNI ibsa Onkoloolessa 6, 2022 baaseen akka jedhetti, badiin kuni kan …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 8, 2022, 3:01 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Itoophiyaa keessatti namni dhuunfaan maallaqa birrii kuma 100 ol, dhaabbatni ammoo birrii kuma 200 ol baankiin ala kaawwachuun dhorkaa ta’uu Baankiin Biyyooleessaa Itoophiyaa beeksise. Akkasumas Warqee karaa seeraan alaa mana keessa keewwachuunis dhorkamuu dhabbatichi itti dabaluun ibseera.
Bulchaan Baankii Biyyooleessaa Yinnaagar Dassee (PhD)dhimma to’annoo jijjiirraa maallaqa seeraan alaa fi tarkaanfii bulchiinsaa irratti fudhatamu, akkasumas qaala’iinsa gatii ilaalchisee ibsa kennan irratti kan kana ibsan. Ibsa kana irratti Itoophiyaa keessatti riiformii diinagdee godhameen bu’aan argamaa jiraachu kan hime Yinnaagar, qaala’insa gatii fi sirna gabaa ammayyeessu irratti hanqinni jiraachuu ibse. Reformii diinagdee godhameen jijjiiramni jiraachu dhaabbatichi haa ibsu malee dhugaan jiru garuu ummanni biyyatti qaala’insa …
Dabalii Ilaali
Published Oct. 8, 2022, 2:48 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Mariin nageenyaa Mootummaa Itoophiyaa fi Humnoota Tigraay jidduutti Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamuuf ture dheereffamuufi kanneen jaarsummaa taahan keessaa tokko Uhuruu Keeniyaataan keessaa bahuun isaanii gabaafame.
Mariin gaaddisa Gamtaa Afrikaa - AU jalatti dhuma-torbee kanatti ni gaggeeffama jedhame sababoota 'lojistikiin' akka hin raawwanne maddi oduu Rooyitars maddeen dippilomaatii eeruun gabaaseera.
Rooyitars maddeen sadii maqaan hin dhahamne wabeeffachuun akka jedhetti, mariin kun sababoota lojistikiin hin qixaayin jiruun akka hafe gabaase.
Dabaluunis guyyaan haaraa mariin kun taa'amus amma yoonaatti akka hin baramne gabaaseera.
Gama kaaniin ammoo Pireezidantiin Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaataa marii nageenyaa karoorfamee ture kanarratti hirmaachuu akka hin dandeenye himuun isaanii gabaafameera.
Aab …
Dabalii Ilaali
Published Aug. 25, 2022, 7:08 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Oduu tarkaanfii WBO zoonii GG Hagayya 19, 2022
Irreef gaachanni Ummata Oromoo WBOn zoonii GG tarkaanfii iddoo garagaraatti fudhateen injifannoo gonfatee jira.
Ona Kuyyuu ganda Uuyyee Cabareetti tarkaanfii humna diinaa irraatti fudhatameen 30 ol du'aan yoo adabu hedduu madeessun qawwee Akm 20 ol qabsoof galii godhee jira.
Ona Dagam ganda Yaayyaa Harootti tarkaanfii yeroo wal fakkaatatti fudhateen 15 battalatti yoo ajjeesu hedduu madoon adabuun qawwee Akm 14 hiikun qabsoof galii godhee jira.
Sirna dubaatti hafee ummata keenya balleessuf hongeessuf karoorfate kana dhabamsiisuf wareegama barbaachisu kamuu kafallee ummata keenya bilisa baasun dirqama filaannoo hin qabne ta'uu ajajaan zoonichaa jaal Abdii Dhugaa …
Dabalii Ilaali
Published July 29, 2022, 6:17 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
HDn ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Dura Taa’aan KFO Prof. Maraaraa Guddinaa Hayyat Regency Hotel magaalaa Finfinneetti argamutti argamuun Mootummaa Ameeriikaatti jiila bakka bu’oota dipoomaasii gaanfa Afriikaa kan ta’an waliin Marii geggeessan.
==================================
Hayyu Dureen ABO fi Dura Ta’aan KFO Profeesser Mararaa Guddinaa guyyaa Har’aa kana waaree booda sa’aa 4 irraa hanga sa’aa 5:30tti, bu’uura bellama imbaasiin biyya Ameeriikaa magaalaa Finfinnee qindeesseen "Hayyat Regency Hotel" itti argamuun mootummaa Ameeriikaatti bakka bu’aa addaa dhimma diploomaasii gaanfa Afriikaa kan ta’an kan yeroo ammaa jiila isaanii waliin Itoophiyaa daawwatan jiran Mr. Mike Hammer waliin dhimma biyyattii fi ajandaa garaagaraa irratti marii bal’aa …
Dabalii Ilaali
Published July 16, 2022, 5:12 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Tarkaanfii Adoolessa 15,2022 ganama barii eegaleen godina lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu fi Qilxu Kaarraa gidduu gandaa Rigaa Sachii jedhamtu irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen 35 ajjeesee 15 madeessee jira.
Gama meeshaatiin qawwee 30, konkolaataa 3f lama fi rasaasa bireenii 1000 irraa booji'uun galii taasisanii jiru.
Magaalaa Gimbii keessattis mooraa lama kanneen akka mooraa tolchaa daandii guddaa keessaa ari'anii baasuun qawwee AKM 50 dugda ishee irraa hiikanii jiru.
Waraanni bilxiginnaa magaalaa Gimbii mooraa Caancoo fi hoteela Charuutti walitti qabamtee kan jirtu yoo ta'u waraanni ishee 112 du'anii 76 madaa'uu odeessi maddeen waraanaa keessaa nu qaqqabe ni ifoomsa.
Magaalaa Gimbiin alatti onoota …
Dabalii Ilaali
Published June 15, 2022, 9:48 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalota Lixa Oromiyaatti argaman kan akka Dambi Doolloo, Gimbii, Najjoo, Mandii, Inaangoo, Boojji, fi Anfilloo, akkasumas magaalaa Gaambeella seenuun waraana PP irratti tarkaanfii ciccimaa fudhachuu oduun achirraa bahu ni ibsa. Sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo dirree hundaatti jabaatee itti fufee jiraachuutu dhagahama. Sochii WBO miidiyaan alaa illee gabaasan: as xuqaa ilaalaa.
Oduu biraatiin Lixa Hararghee, aanaa Habrootti torbee kana qeerroo fi qarreewwan Oromoo humnaan walitti qabaa jiran;
kaleessa konkolaataa 8, harra konkolaataa 6 kalee fi arra qofa konkolaataa 14 fe'an.
Magaalaa fi baadiyyaa aanaa Habroo :
Galamso, Hardiim, Weenne, Kudha jaha fi kanneen biroo. Magaalaa …
Dabalii Ilaali
Published June 8, 2022, 4:30 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Cuunfaa Oduu Injifannoo WBO Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Bahaa
Cibraa Odaa Adoolaa
Guyyaa Waxabajjii 6, 2022
Abdii fi wonteen ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Bahaa keessaa socho'u Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Daraara iddoo addaa Hara Galmaatti lola cimaa woraana PP irratti gaggeessee fi humna birmannaa aanaa irraa dhuftu dabalatee tarkaanfii cimtuu yeroo dheeraf fudhateen loltu PP 12 battalumatti du'aan yoo gaggeessu 8 ammoo madeessuun ari'ee bakka irraa dhuftetti galchee jira.
Akkasumas cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadara magaalaa Waadaraa halkan seenuun tarkaanfii fudhateen loltu PP 6 battalatti yoo ajjeesu 4 ol madeesse jira. …
Dabalii Ilaali
Published May 28, 2022, 7:29 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
WBOn Oromoo maran hidhachiisa jechaa jira warri Oromoo hiikkachiisuu barbaadu abdii haa kutu. WBOn Cibraa Odaa Bulluqi marsaa 10ffaa eebbise.
Caamsaa 2022
Baha Wallaggaa, Oromiyaa
Dabalii Ilaali
Published April 23, 2022, 4:55 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Oduu BBC n gabaase akka ibsutti Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoo jedhaman daangaa Oromiyaa seenuun Baha Wallaggaa, Anaa Limmuu Galiilaatti magaa argamtu Fiixee Boqqoo jedhamutu gaafa Amajjii 24, 2022 abiddaan barbadeessuu tu dhagahamee. Finxaaleyyiin Amhaaraa kun hidhannoo gurguddaan seenuun alaabaa Miniliki ykn Ginbot 7 ulee mataaf i harkatti marachuun sirbaa ture magalaa kana halkan sa'a 11tti kan seenan. Achiis dhukaasa banuun erga jiraattota godaansisanii booda qabeenyaa uummataa kan dandahan saamuun kaan gubuun magaalattii barbadeessan. Gochaa hammeenyaa kana kan raawwatanis haga sa'a 3 (sa'a naannoo /9PM) itti ture.
Lammiilee yeroo gochi kun raawwate achi jiraachuu ibsan qabeenyi kan saanii fi kan investeroota biroo …
Dabalii Ilaali
Published April 19, 2022, 4:48 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Lammiilee Oromoo Walloo irratti duguuggaan sanyii humnoota badiinsaa naannoo Amaaraa fi naannoo Affaar akkasumas tiksitoota garboomfataan deemaa jiru haalaan nama surura. Yakki akkasii kun oolee buluu malachi seera jalaa namni bahuu dandahu hin jiru. Mohammad Gaddafi waggaa 34 ol gaafa bulche lammiilee biyyasaatii akkuma waadaa ture gaaf tokko garuu du'a hin taane du'e. Warri harra lammiilee Oromoo irratti yakka dhala namaa irratti hin raawwanne raawwataa jiran boru seeratti dhihaachuuf jiru.
Suuraa fi suur-sagalee FNN gahan miira duuka buutota keenyaaf jecha asirratti hin maxxansinu. Ha ta'uuti dhala namaatu kana dhala naamaa irratti raawwata jedhanii yaaduun nama dhiba. Warri ollaa Oromiyaa ammas …
Dabalii Ilaali
Published April 14, 2022, 8:36 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Marii keenya harraa keessatti haalla duulli WBO fi Oromiyaa irratti deemaa jiru, haala hidhamtootni siyaasaa Oromoo keessa jiran, Guyyaa Gootota Oromoo fi lola TDF fi PP gidduu ilaalchisee marii qabna. Nu waliin turaa.
Dabalii Ilaali
Published Feb. 11, 2022, 12:05 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Gurraandhala 9/2022
Abdii fi Gaachanni Uummata Oromoo WBOn Zooni Kibbaa Cibraa Soddom Booroo Lola Guyyaa 9ffaa Diina tiksitoota Impaayera Itoophiyaa kanneen godinoota gargaraa irraa walitti funaanuun Cibraa Soddom Booroo balleessina jettee duulaaf bobbaate kokkee qabee gootummaan dura dhaabbatee lola walirraa hin cinne taasisuun godina Gujii Bahaa diina magaala Nageelle Boorana irraa karaa Dhaka Qallaa qabattee sochoote irratti lola guyyaa 9ffaa taasiseen bakka addaa #Adaammaa_Rigattuu jedhamutti diqaalota Minilik waltiguure waraana bilxiginnaa 23 ajjeesuun 30 madoo taasisuun tortorsee dhukkeesseera.
Haaluma kanaan Gurraandhala 8, 2022 halkan keesa sa'aati 02:30 irraa kaase hanga sa'aati 03:00tti godina Gujii Bahaa magaala Nageelle Boorana iddoo addaa #Keella_Dooloo …
Dabalii Ilaali
Published Feb. 5, 2022, 12:54 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Sagantaa kana keessatti seenaa Artist Nuhoo Goobanaa hiriyyaa isaarraa dhageenya. Jaal Jamaal Ibroo artist Nuhoo waliin guddatan. Yeroo baayyees waliin dabarsan. Seenaa Nuhoo isa dhugaa dhagahuuf hamma dhumaatti caqasaa
Dabalii Ilaali
Published Jan. 15, 2022, 9:10 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
KONYAA WALLAGA LIXAA
Guyyaa 01 /15/2022
ONA MANDII
Bakka addaa Maqa Harawwee jedhamutti humna dabalata Orali 1 FI 3F 2 akka isheen fiigaa jirtutti WBOn daaraa godhee jira.
ZOONII KIBBAA: CIBRAA ODAA ADOOLAA
Leencichi bosona irreef gaachanni ummata Oromoo WBOn zoonii Kibbaa konyaa Gujii Baha Cibraan Odaa Adoolaa torban kana injifannoolee addaa galmeessa turun isaa ni dhagahame.
Gaafa guyyaa 01/11/2021 aanaa Gooroo Doolaa ganda Gooroo Daraaraa Boruu barraqaan ka'ee leencichi haxxee hidhuun iddoo addaa Sodduu Raaba jedhamun beekamutti weerartuu patrol kudhanii afur gara Adoolaa deemaa jirtu irratti dhukaasa baanen 7 ajjeessun 8 madeese jira. Itti fufuun aanaa Wadaraa ganda Gudubaa …
Dabalii Ilaali
Published Jan. 8, 2022, 1:01 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Ammajjii 5/2022-6/1/2022!
Irreef Gaachanni Sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo Zooni Kibbaa Cibraa Soddom Booroo Godina Gujii Bahaa Magaala Nageelle Booranaa irratti diina sakattaaf magaala keesa baate irratti haxxee diinatti hidheen Roobii Ammajjii 5/2022 Ganama sa'aati 12:00 irraa kaase hanga galgala sa'aati 12:30tti lola deddeebi'aa taasiseen waraana weerartuu PPn humna dabalataa jette kadhattee fidde dabalate irraa nama 57 ajjeesuun nama 143 oli yo madeessu, madoon PP tun ambulaansi 11 fi paatrooli waraana afuriin(4) walumaa gala konkolaata 15 guutte irraan qaqaariyaa hospittaala guddicha magaala Nageelle Booranaa seenuu qabatamatti maddeen keenya irraa qulqulleeffanneerra.
Ittuma fufuun Guyyuma Ammajjii 5/2022 naanno sa'aati 08:00tiitti madoo riiferii ampulaansi …
Dabalii Ilaali
Published Jan. 8, 2022, 12:42 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Ajjeechaa Jumlaa Godina Shawaa Dhihaa, Ona Gindabaratitti Ummata Oromoo Irratti Gaggeeffame Gadi Jabeessinee Balaaleffanna.
Ibsa ABO- Amajjii 7, 2022
ABOn ajjeechaan Godina Shawaa dhihaa, Ona Gindabarati Siivilii Oromoo irratti raawwate gadi jabeessee balaaleffata. Akka maddee keenya qabatamaarraa hubannetti gaafa Amajjii 1, 2022 Godina Shawaa dhihaa, Ona Gindabarati keessatti duguuggaan sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwatee jira. Waraanni Paaartii Bilxiginnaa Dr Abiy Ahmediin durfamu bakka kanarraa quunnamtii kutuudhan dhukaasaa ummata siviliirratti banee namoota 39 ajjeesee jira. Ajjeechaan kunis bakka sadiitti qindaawee raawwate. Isaanis:
1. Ganda Gurraa Jarjartuu Oromoota Sivilii 17 bakka tokkotti fixan.
2. Ganda Faajjii Oromoota Sivilii 15 bakka tokkotti ajjeesan. …
Dabalii Ilaali
Published Jan. 4, 2022, 3:39 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Haleellaa Diroonii fi Humna Qileensaa kutaalee
Oromiyaa addaa addaa keessatti raawwateen namoota nagaa hedduu ajjeesee kaan
ammoo madeessee jira.
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)- Amajjii 1, 2022
Paartiin Bilxiginnaa Oromiyaa fi guutummaa biyyattii keessatti waraana babal’isuu jabeessee itti fufee
jira. Yeroo ammaa kanatti kutaaleen Oromiyaa waraana irraa walaba ta’an hin jiran. Haaluma kanaan
mootummaan bakkoota gaaraaagaraatti diroonii fi xayyaaraan haleellaa raawwachuudhaan namoota
nagaa baay’inaan ajjeesaa jira. Humnoonni paartiin Bilxiginnaa hidhachiisee bobbaasee fi deggertoonni
isaanii loltoonni Ertiriyaa uummata nagaa qe’ee irraa buqqaasuu fi mana jireenyaa isaanii gubuu itti
fufanii jiru. Kun ammoo haala yaaddessaa irra ga’ee jira.
Guyoota …
Dabalii Ilaali
Published Jan. 2, 2022, 9:58 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Amajjii 2 2022
Irreef gaachanni Uummata Oromoo WBOn Zoonii Giddu Galeessa Oromiyaa Kaaba Lixa Shaggar Ona Hidhabuu Abooteetti guyyaa kaleessaa Amajjii 1, 2022 tarkaanfii humna diinaa waraana faashistii koloneel Abiy Ahmad uummata Oromoo dararuuf deemtu irraatti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira. Lola kana irratti haleellaa jajjabduu Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhateen humni diinaa baayyinaan 103 ol tahan du'aan yoo adabaman waraana faashistii PP 117 ol madoo dandammii hin qabneen adabuun of duuba deebisee jiraachuu gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ibsee jira. Guyyaa har'aa Amajjii 2 ganamarraa ka'uun naannoo lollii itti taheetti madoo fi reeffa ishii guuraa ooluu ishee oduun nu dhaqabe ni …
Dabalii Ilaali
Published Jan. 1, 2022, 8:16 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Dhaamsa Bara Haaraa fi Amajjii 1 Guyyaa WBO Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Mudde 31, 2021
Ø Miseensota ABO-WBO kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo dirqama duraa godhattanii falmaa hadhaawaa irra jirtan;
Ø Waraana Bilisummaa Oromoo Hawwii Saba guddaa dhugoomsuuf wareega qaalii baasaa jirtan;
Ø Qeerroo fi Qarree Oromoo, Sirnaa fi Diina Oromoo irratti warraaqsa gaggeessuun, mirga uummata keenyaaf falmaa
hadhaawaa fi boonsaa cichoominaan gaggeessaa jirtan;
Ø Uummata Oromoo, hojjettoota, barsiistota, daldaltoota, ogeeyyii fayyaa fi qonnaa, hojii tajaajila sabaa irratti
hirmaattanii jirtan marti, kan sirna gabrummaa hadheeffachuun haqaa fi of-irratti hirkannoon qabsoo bilisummaa
Oromoo galmaan gahuuf hojjettan;
Ø Akkasumas tumsitootaa fi deggartoota qabsoo cunqurfamtoota …
Dabalii Ilaali
Published Dec. 31, 2021, 10:43 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Irreef gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kaaba Lixa Shaggar giddu galeessa Oromiyaa aanaa Meettaa Walqixxeetti tarkaanfii laalessaa waraana PP irraatti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessuun magaalaa Minaaree guututti to'aannoo isaa jala galfateera. Kanumaan wal qabatee meeshaalee waraanaa fi hidhannoo diinaa danuu diina madoo fi du'aan adabuun irraa hiikee galii qabsoof oolcheera. Suuraa fi odeessa dabalataa sababa hanqina networkn waan nun dhaqqabneef akkuuma nugaheen isiiniin geenya.
Odeessa kan biraatiin waamicha Obbolummaa dhaga'uun kanneen Qabsoo Bilisummaa Oromootti dabalaman Moora diina diiguun akkuma itti fufetti jiraa.
Muddee 30/2021!
Kushuu Waabaa miseensa milishaa magaala Nageelle Booranaa irraa AKM 1 fi rasaasa 236 fudhatee gara WBO …
Dabalii Ilaali
Published Dec. 30, 2021, 7:24 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Irreef fi Gaachannii Ummata Oromoo WBOn zoonii gidduu galeessaa Kaaba Shaggar aanaa Darraatti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP Ummata Oromoo gooluuf yaatu irratti fudhateen magaalaa Ceekaa jedhamtutti 11 booji'uun kaampii diinaa dhuunfachuun meeshaa fi hidhannoo danuu diinarraa hiikkatee jira. Gama meeshaatiin AkM 19 fi Qawwee SKS fi kanneen biroo 19 Boombii 6 diina irraa hiikuun galii qabsoof oolcheera.
Aanichuma ganda Baabbuu Dirreetti lolaa guyyaa kana taasiseen humnoota diinaa 45 ajjeesuun 13 booji'uun 47 madoon adabeera. Gama meeshaatiin qawwee AkM 59 SKS fi kanneen biroo 35 diinarraa hiikuun galii qabsoof oolcheera.
Bifuuma wal fakkaatuun, ganda Jiruu Daadaatti tarkaanfii humna diinaa irraatti …
Dabalii Ilaali
Published Dec. 27, 2021, 7:24 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Bobbaa WBO balleessuuf maqaa Duula Minilik jedhun mootummaan pp Oromiyaa irratti bante guyyoota 15 ol lakkoofisisee jira. Irree fi gaachani ummata Oromoo WBOn Baha Oromiyaa konyaa Harargee Lixaa tarkaanfii laaleessaa gaafa Muddee 23, 2021 fudhateen gabroofataa PP daaraa botoroo taasiisee jira. Kanaan kan baragde, PPn Mudde 25, 2021 WBOn Ciroo qabachuuf, yoo Ciroon qabamte nuu dhumate, jechuun humna guddaa fi meeshaa gurguddaa moortara, dishqaa, BKM fi B7 guurrattee itti bobbaate. Dullaa kana ofirraa ittisuun WBOn Baha Oromiyaa konyaa Hararee Lixaatti guyyaa marroo lammaafaaf injifannoo cululuqaan goolabe.
Anaa Mi'eessoo ardaa Dibaalaa irraa guyyaa harraa Mudde 26, 2021 lola sa'aatii 9:00Am …
Dabalii Ilaali
Published Dec. 24, 2021, 11:16 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Oduu Injifannoo Cibraa Soddom Booroo
Mudde 20-21/2021
Abdiif Gaachanni Sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo Cibraan Soddom Booroo lukkeele fi Uuradhoote Godina Boorana bakkoota gargaraa irraa walitti funaanamte labuu galaana irraan Cibraa Soddom Boorootti duuluuf karaa Malkaa Halluu dhufte irratti galaana taakku dhowwuun aduu guyyaa sa'aati saddet irratti galaanuma gamatti osoo isheen bishaan dhugaa jirtuu tarkaanfi haleellaa cimaa fudhateen iddoo addaa Malkaa Halluu jedhamutti diina irra nama 2 ijjeese 3 madeessuun galaana dhuguu dhowwee dheebichaan gaggeesseera. Madoon isaaniis Areerotti yaalama kan jirtu ta'uu maddeen keenya ifoomsaniiru. Haaluma kanaan Malkuma Halluutti Mudde 21 ganama keesaa sa'aatii 01:30 hanga sa'aati 02:30 irratti tarkaanfi …
Dabalii Ilaali
Published Dec. 19, 2021, 5:54 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
DUULA IMALA GARA Finfinnee
Oduu Injifannoo WBO Zoonii Kibbaa
Irreef gaachanni ummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa konyaa Gujii Bahaaaa keessa socho'u Cibraan Odaa Adoola tarkaanfii duula imala gara Finfinnee cimee itti fufee jira.
Guyyaa 17/12/2021 godina Gujii Bahaa aanaa Waadaraa keessatti tarkaanfii woraana garboonfataa PP irratti fudhateen loltuu PP 4 battalatti yoo ajjeesu 8 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Haaluma kanaan Cibraan Odaa Adoolaa guyyaa 18/12/2021 aanaa Gooroo Doolaa keessatti waarana PP kan aanaa gooroo doolaa irraa kaatee gara ganda Qaraaroo Sochootu karatti rukutuun loltuu PP 7 battalatti ajjeesuun 11 madeessee facaasuudhan gara aanaatti deebisee jira.
Ammasi itti …
Dabalii Ilaali
Published Dec. 13, 2021, 8:07 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Injifannoo WBO Giddu Gala Oromiyaa Baha Shagari
==================================
Guyya 11 / 12 / 2921
Irree fi gaachanni Uummata Oromoo WBO GGO baha Shagari guyyaa 11 / 12 / 20 21 tarkaanfii waraanaa gabroofataa PP irratti aanaa Fantaalle ganda Haroo Qarsaa tti galgala keessa sa'aa 7:00pm - 10 :oopm lola haleellaa fudhateen loltuu pp 43 ol ajjeesee, hedduu madoo taasiisuun ganama guyya 12 / 12 / 2021 konkolaata oraalii fi petrol hedduun hospital Adamaatti gurachaa ooltee, ganduma kana bakka Karee, Midhaqisaa, lafa Gireenye Mixii, bakka Oo'ilee fi bakka Qaxxaamuree fi Basaqa kkf kan biroo meeshaa guddaan akkanumatti baaragiddoon lolaa ooltee.
Dabalii Ilaali
Published Dec. 10, 2021, 8:46 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Qabsoo Bilisummaa Oromoo Ololaan Cabsuun Gonkumaa Hin Dandahamu!
(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)
Qabsoon Bilisummaa Oromoo akeekaa fi galee mataa isaa qaba. Osoo akeekii fi galiin qabsoo bilisummaa Oromoo manii isaa hin rukutiin baaburri qabsoo bilisummaa Oromoo akka hin dhaabbannes beekamaa dha. Akeekaa fi galii kun akka bakkaan gahuufis murteessaan irree Oromoo dha malee irree fi olola halagaa miti. Oromoon hariiroo fi tumsaa halagaa waliin yeroo tolfatu kan toftaa fi tarsiimoo tolfata malee akka qabsichi irratti hirkatu hin taane. Yeroo ammaa kana ammoo qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa guddaa irra gahee waan jiruuf jabinaa fi laafinnni qabsichaa irree …
Dabalii Ilaali
Published Dec. 7, 2021, 10:06 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Mootummaan Abbaa Irree Abiy Ahmed erga aangootti dhufee ti sirna fiwudaalaa deebisuuf hirriba malee hojjechaa jira. Sana milkeessuufis uummata Oromoo jimilaan fixaa jira. Xiyyaara nama malee balaliitu Diroonii jedhamtu biyyoota akka UAE, Turkkii, Iraan, fi Chaaynaa irraa bituun uummata Oromoo qe'ee isaa keessatti jumilaan fixaa jira. Sirnasaa kana tikfachuu fi milkeessuufis qeerroo fi qarree Oromoo waraana isaan hin ilaallannetti humnaan guuraa jira. Sirna garbummaa kana mormuun haawwaasni Oromoo biyya alaa jiraatan Gaafa Muddee (December) 9, 2021 hiriira guddaa gaggeessuuf qophiirra jiru. Qophii kana ilaalee marii qabnaa nu waliin turaa.
Facebook irratti ilaaluuf as xuqaa.
Dabalii Ilaali
Published Nov. 20, 2021, 6:19 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Topic: FNN Fundraising Meeting
Time: Nov 20, 2021 11:00 AM Pacific Time (US and Canada) | 2PM DC | 8PM Stockholm| 6AM Melbourne Australia
Meeting ID: 653 809 8370
Passcode: rF3dHN
One tap mobile
+12532158782,,6538098370#,,,,*598400# US (Tacoma)
+13462487799,,6538098370#,,,,*598400# US (Houston)
Dial by your location
+1 253 215 8782 US (Tacoma)
+1 346 248 7799 US (Houston)
+1 669 900 6833 US (San Jose)
+1 929 436 2866 US (New York)
+1 301 715 8592 US (Washington DC)
+1 312 626 6799 US (Chicago)
Meeting ID: 653 809 8370
Passcode: 598400
Dabalii Ilaali
Published Nov. 4, 2021, 10:18 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Mootummaan Abbaa irree Itiyoophiyaa Abiy Ahmed magaala Harxummaa, Wallo dirooniin rukutuun nama 50 ajjeesee, 10 madeesuu akkasumas waraanni isaa baqatanii bahuu fi Gaarren naannoos gubachaa jiraachuutu dhagame. Facebook keenyarratti ilaalaa.
Dabalii Ilaali
Published Oct. 16, 2021, 7:28 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Finfinne News Network bara Onk 20, 2020 ture sirnaan galmaa'ee kan dhaabbate. Waggaa darbe keessa bu'aa ba'ii hedduu keessa baanee gufuu nu mudatan irras aannee milkiin waggaa tokko guutnee jirra.
Waggaa keenya ayyaaneffachuuf Sanbata Duraa Onkoloolessa 16, 2021 sagantaa qabna. Sagantaa keenyarratti argamuun FNN Tumsaa.
Jirbiin wal gargaartee arba hiiti. Ni injifanna. Tattaaffii keenyaan irra aanna. Kottaa qabsoo keenyaaf sagalee taanaa.
Finfinne News Network
Finfinne News Network was incorporated on October 20, 2020. We have overcome a lot of challenges and achieved a lot in the last year. It was the year we started delivering what we …
Dabalii Ilaali
Published Sept. 4, 2021, 5:58 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Hidhamtootni Oromoo high profile tahan rakkoo hamaa keessa jiraachuunsaanii beekame. Haala kanaan Jaal Abdii Raggaasaa mooraa waraanaatti hidhuun nyaata dhowwataa jiraachuunsaanii beekame. Maatii Jaal Abdii yeroo nyaata geessaniifitti daabboo tokko duwwaa seensisuun nyaata maatiirraa dhaqu deebisaa jiraachuun beekame.
Haaluma walfakkaatuun hidhamtootni hooggana ABO ta'aniif hojjettooti miidiyaarraa hidhamanis mana hidhaa Buraayyuu, Galaanii fi Tulluu Daalattiittti argaman haala hamaarra jiraachuunsaanii beekame. Tulluu Daalattiitti warri hidhaman irra guddaan isaanii dubartoota Oromoo tahuun beekameera.
Dubartootni Oromoo Tulluu Daalattiitti hidhamanii jiran homnoota mootummaatiin gudeedamuun mana hidhaa keessatti dahaa jiraachuun himame.
Haalli qabiinsa hidhamtoota Oromoo seera mirga dhalanamaa Mootummaa Waltahaniin labsame akka hamaatti kan cabse tahuun …
Dabalii Ilaali
Published Aug. 22, 2021, 11:44 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Ibsa Hooggantooti Olaanoo WBO Jaal Marroo Dirribaa fi Jaal Gammachuu Abooyee guyyaa harraa laatan video kanarraa hordofaa.
Dabalii Ilaali
Published Aug. 13, 2021, 7:09 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
OROMO LIBERATION FRONT
ADDA BILISUMMAA OROMOO
IBSA GADDAA- DU’AAN BOQOCHUU OBBO ABDULJABBAAR HUSEEN
(Ibsa ABO – Hagayya 12, 2021)
Obbo Abduljabbaar Huseen du’aan boqochuu isaa yeroo dhageenyu gadda guddaatu nutti dhgahame.
Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa kan ture Obbo Abdujabbaar Huseen Hagayya 11, 2021 magaalaa Adaamaa keessatti lubbuun isaa darbite.
Obbo Abduljabbaar Huseen quuqama saba isaaf qabu fi ogummaa isaatiin hidhamtoota siyaasaa yeroo dheeraaf gargaaraa ture. Itti dabalees akka seerri hin dabne fi namni akka seera malee hin hidhamne, hin …
Dabalii Ilaali
Published July 14, 2021, 8:17 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Natoo Finfinne News Network
July 17, from 2pm EST
Finfinne News Network has been established to be a voice for the voiceless Oromo people. The press is called the fourth branch of the government. The majority in Ethiopia, the Oromo people, have been denied all means of mass communication. The media outlets that have tried to reach the Oromo people have been silenced and their offices shut down by the dictatorial regime in Ethiopia. In the last few months, we started broadcasting to Oromia via satellites and the ruling party has either forced the satellite providers to drop …
Dabalii Ilaali
Published June 29, 2021, 12:04 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Ajjeechaa Hacaaluu Ilaalchisee:
Ibsa Gadda Oromoota Biyya Jarmanii, Adoolessa 1, 2020
Qabsaa‘an ni kufa! Qabsoon itti fufa!
Nuti, ilmaan Oromoo biyya Jarmanii jiraannu walummaa galatti, yeroo ajjechaa sukanneessaa obboleessaa keenya artisti Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame dhageenye, gadda fi aarii daangaa hin qabne kan nuti dhaga’ame tahuu ibsina.
Gocha sukanneessaa goota keenya irratti raawwatame, sagalee cimaan balaaleffanna. Maatii isaa, firoota fi hiriyoota isaa, walummaa galatti uummata Oromoof, jajjabina hawwiina...
Artist Hacaaluun hin duune; yoomiyyuu onnee dhalataa Oromoo keessa, bara baraan jiraata. Hojiin Haacaaluu galmee seenaa Oromoo keessatti bakka olaanaa qabaa, ni jiraata. Haacaaluun har’a nu waliin hin jiru. Umurii isaa …
Dabalii Ilaali
Published March 18, 2021, 6:40 p.m. by FNN in
Afaan Oromo
Gara: Oromoo Quuqama sabaaf qabu hundaaf
To : All Oromos who support the peace and stability of Oromos
WAAMICH TINNISA WBO 2021 MARSAA 2FFAA (GLOBAL WBO SUPPORT 2021 2nd ROUND)
Kabajamtoota, beektotaa ,hayyoottan , Ogeeyyota fi Saba Oromoo hundaaf:
Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) fi WBO utubuu keessatti gaheen isin gummachaa turtanii fi ammas itti jirtan bakka ol’aanaa
qaba. Kanaaf kabajaa fi galatin oromoon fi Tumsi WBO Hegeree Oromiyaa damee DMV isiniif qabu dachaa dha.
Yeroo ammaa kanatti diinotni keenya hammenyaan faalamanii Oromoo fi Oromummaa balleessuuf kallattii hundaan Oromoo irratti
lola bananii jiru. Diinotni keenya akkuma bara jaarraa 19ffaa sana …
Dabalii Ilaali
Published Feb. 4, 2021, 5:44 a.m. by FNN in
Afaan Oromo
Finfinne News Network waliin dhaabbachuun sagaleen Oromoo akka dhagahamu gochuu keessatti qooda fudhadhaa.
Gaafa Guraandhala 6, 2021 kara Zoom wal argina. Link Facebook keenyarraa argattu.
Galatoomaa
#GurmuuSagalewwanQabsoo
Dabalii Ilaali
Published Jan. 18, 2021, 12:02 a.m. by Daniel in
Afaan Oromo
Naatoo Deggersa FNN hirmaadhaa, gargaaraa.
#GurmuuSagalewwanQabsoo
Dabalii Ilaali
Published Jan. 8, 2021, 3:55 a.m. by Daniel in
Afaan Oromo
Akka ibsa Oromia Support Group (OSG)n ragaa qabatamaa wabeeffachuun baasetti mootummaan abbaa irree Abiy Ahmed duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun beekame. Akka ibsa bara haaraa 2021 OSGn baasetti erga Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa duraanii Abiy Ahmed injifannoo qabsoo Qeerroo fi Qarree Oromoo saamuun aangootti dhufeetii lammileen meesha maleeyyii tahan 1342 humna tikaa mootummaa Itiyoophiyaatiin haala gara jabinaan guuteen ajjeefamaniiru.
"In this report, another 208 killings by government forces are recorded, making the total,
despite poor access to information, of over 1,342 killings of civilians by Ethiopian
government forces since October 2018."
Irra guddaan miidhaan kan irra gahaa jiru Oromoo tahuu OSGn …
Dabalii Ilaali
Published Jan. 1, 2021, 10:59 p.m. by Daniel in
Afaan Oromo
Miseensota ABO
Hogganootaa fi Miseensota akkasumas deggertoota ABO kanneen mana hidhaa jirtaniif
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Ummata Oromoo Bal’aa
Deggertoota QBO
Firoottan QBOf
Hunda dura baga bara haaraa 2021 nagaan geenye jechaa hawwii qabu maqaa hogganoota ABO, miseensota,hogganootaa fi miseensota ABO mana hidhaa jiraniin isinii dabarsa. Barri haaraan kun ummata Oromoof keessa isaatti bara nagaa fi tasgabbii, bara milkii fi injifannoo, bara haqii fi dhugaan ummata Oromoo bakka argatee ummanni keenya dararaa jalaa bahu, bara sabni keenya mataan ol jedhu akka nuuf tahu hawwii qabu dabarsa.
Barri tokko yeroo darbu, barri ittaanee dhufu abdii fi yaaddoo walcina qabatee …
Dabalii Ilaali