FNN | LIXA OROMIYAA KEESSATTI HIDHATTOONNI FAANNOO DEEBI’ANII OFGURMEESSAA JIRU JEDHAME

Published Oct. 21, 2026, 2:51 p.m. by FNN Staff

43



Godina Lixa Oromiyaa aanaalee haleellaan hidhattoota Faannoo itti heddummaatu keessatti, humni hidhattoota Faannoo bakkoota hedduutti deebisee ofgurmeessaa jiraachuun himameera.

 

Jiraattonni naannawichaa maddoota odeeffannoo kennan, keessumaa gandoota qubattoonni itti heddummaatan keessatti hidhattoonni kunneen uummata ifatti walitti qabanii mariisisuu akka jalqaban ibsaniiru. Haalli kunis nageenya uummataa irratti yaaddoo uumuu isaa eeraniiru.

 

Jiraattonni kunneen akka jedhanitti, hidhattoonni dabalataa naannoo Amaaraa irraa gara Lixa Oromiyaa dhufaa jiraachuun himameera. Kanaaf, naannawaa daangaa irratti eegumsi nageenyaa akka cimu, akkasumas sochiin hidhattootaa sirnaan akka hordofamu gaafataniiru.

 

Kana malees, namoonni hidhattoota finxaaleyyii ta’anii hawaasa keessa jiraattota fakkaatanii makamanii socho’an jiraachuu danda’an irratti qorannoon bal’aan akka gaggeeffamu gaafatan. Namoota shakkaman eenyummaa fi sochii isaanii seeraan qorachuun, yoo yakki jiraate, tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamu jechuun yaada isaanii ibsaniiru.

 

Dabalataanis, namoota meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii jiran irraa meeshaalee waraanaa hiikuun dhimma nageenyaa keessatti murteessaa ta’uu kaasaniiru. Akka jiraattonni jedhanitti, meeshaaleen waraanaa seeraan alaa to’annoo jala ooluu dhabuu fi sochiin hidhattootaa to’atamuu dhabuu naannawicha keessatti rakkoo nageenyaa hammeessuu danda’a.

 

Jiraattonni tarkaanfiin qindaa’aan, eegumsi daangaa cimaan, akkasumas seerri haala walqixa ta’een hojii irra oolu yoo hin jiraanne, naannawicha keessatti nageenyi waaraan mirkanaa’uu akka hin dandeenye dubbataniiru.

 

Kanaaf, qaamoleen dhimmi nageenyaa ilaallatu sochii hidhattootaa hordofuu, meeshaalee waraanaa seeraan alaa to’achuu, akkasumas uummata nagaa balaa irraa eeguuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo akka fudhatan waamicha dhiyeessaniiru.

 

FNN – Finfinne News Network


Similar posts:

JD VAANS FILANNOO ISRAA’EL KEESSATTI SEENEUU HIN BARBAADAN: DEEGGARSA NEETANIYAAHUU IRRATTI YAADA ISANII IBSAAN

Yemane G. Meskel: “Paartiin PP Ergaa Dulloome Irra Deddeebi’ee Dhageessisaa Jira”

Ibsa Gaddaa

WALLAGGA BAHAA: BUQQAATONNI KUMAATAMAAN LAKKAA’AMAN BOSONA ALII KEESSATTI BEELLI HAMAAN MUDDATE.