Ibsa Gaddaa

Published Sept. 7, 2026, 3:53 p.m. by FNN Staff

84



IBSA GADDAA

 

FNN

Du’aan boqochuu weellistuu beekamtuu, jaalatamtuu fi kabajamtuu; falmattuu haqaa, qabsooftuu bilisummaa Oromoo, akkasumas abukaatoo mirga namoomaa, Artisti Ilfineesh Qannoo ilaalchisee gadda guddaa fi ulfaataa saba Oromoo irra gahe ibsina.

 

Ilfineesh Qannoo, gootittii, haadha seenaa, sabboontuu fi falmattuu dhugaa, qaanqee Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi guca aartii Oromoo, akkasumas mallattoo tokkummaa fi jaalala Oromummaa turte. Ilfineesh Qannoo dhabuun saba Oromoo fi dhaloota har’aa fi boruu irraa qooda seenaa guddaa dhabamsiiseera.

 

Ilfineesh Qannoo, umurii ishee guutuu ganamaa hanga galgalaa saba isheef jiraachaa, mirga fi bilisummaa Oromoo fi dhugaa saba ishee tiif falmachaa, dammaqinaa fi warraaqsa keessa dabarsite. Qabsoo, aartii fi jireenya ishee keessatti seenaa dhaloota hedduu keessatti yaadatamu hojjechuun, dhaamsa fi kaayyoo dhaloota dhufuuf dabarsitee darbite.

 

Duuti heera uumamaa waan ta’eef, namni kamiyyuu irraa miliquu hin danda’u. Haa ta’u malee, namni saba isaaf jiraate, seenaa keessatti hojii fi dhaamsa isaa dhaale dhalootaan hin du’u. Ilfineesh Qannoo illee hojii, qabsoo, aartii, sabboonummaa fi dhaamsa isheen dhalootatti dabarsite keessatti bara baraan ni jiraatti.

 

Kaayyoo fi hojii gootittiin tun nu dhaalchiste imaanaa dhalootaa akka ta’u hubachiisaa, hojii fi dhaamsa ishee dhalootaaf dabarsuun dirqama keenya akka ta’e amanna.

 

FNN, maatii, firoottan, hiriyoota, jaallan, akkasumas namoota ishee jaalatan hundaaf, addatti immoo saba Oromoo bal’aaf, gadda ulfaataa kana keessatti jajjabina fi obsaa hawwina.

 

Ilfineesh Qannoo — hojii fi seenaa keetiin bara baraan ni jiraatta.

 

Rabbiin lubbuu ishee haa rahmatu.

Maatii fi saba Oromoo hundaaf jajjabina haa kennu.

 

FNN – Finfinne News Network


Similar posts:

WALLAGGA BAHAA: BUQQAATONNI KUMAATAMAAN LAKKAA’AMAN BOSONA ALII KEESSATTI BEELLI HAMAAN MUDDATE.

MARII BIYYAALLESSAA FI GAAFFII UUMMATA OROMOO.

GABAASA HAALA NAGEENYAA GODINA WALLAGGAA.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Abee Dongoroo keessatti humni finxaalessi Faannoo guddaan walitti qabamee jiraachuu odeessi maddeen dhaqqabe ni mul’isa.