WALLAGGA BAHAA: BUQQAATONNI KUMAATAMAAN LAKKAA’AMAN BOSONA ALII KEESSATTI BEELLI HAMAAN MUDDATE.

Published Aug. 31, 2026, 2:52 p.m. by FNN Staff

101



Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Giddaa Ayyaanaa — Bosona “Alii” jedhamu keessatti guyyoota 15 darbaniif buqqaatonni kumaatamaan lakkaa’aman rakkoo beelaa hamaa keessa akka jiran jiraattonni himaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti, aanaalee Godina Wallagga Bahaa garaagaraa keessatti humnoonni ofiin “Faannoo Amaaraa” jedhan haleellaa uummata irratti raawwachaa jiran irraa kan ka’e, dubartoota butuu, ajjeesuu fi gocha gara garaa raawwachuun uummata buqqisaa jiru.

Jiraattonni Aanaa Giddaa Ayyaanaa, “Ajjeechaa fi haleellaa irraa baqannee bakka qubannaa kana geenyee, rakkoo beelaatiin dhumaarra geenye,” jechuun rakkoo isaan mudate ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, daandiiwwan gara naannoo sanaatti geessan cufamuu, akkasumas gabaa fi gandoonni naannoo sanaa dhiyeenya jiran tibbana guutumaan guutuutti cufamuu irraa kan ka’e, haadholii, daa’immanii fi maanguddoonni hedduun gargaarsa namoomaa tokko malee hafaniiru.

Jiraattonni rakkoon kun yoo hatattamaan furmaata hin arganne, balaa lubbuu namaa irratti geessisuun akka hammaatu akeekkachiisaniiru.

“Gargaarsi hatattamaa yoo hin kennamne, guyyoota itti aanan keessatti lubbuu namoota hedduu dhabuun balaa guddaadha,” jechuun jiraattonni mootummaa fi qaamolee gargaarsa namoomaa irraa deeggarsa hatattamaa gaafatan.

Qellam Wallaggaattis Haleellaan Haaraan Gabaafame

Gama biraatiin, Godina Qellam Wallaggaa, Aanaa Hawwii Ganda 17 keessatti, ganama har’aa sa’aatii 11 irraa eegalee gandoota hidhattoonni keessa jiraatan irratti haleellaan haaraan banamuu gabaafameera.

Hanga gabaasni kun qophaa’etti, haleellaa kanaan miidhaa lubbuu namaa fi qabeenyaa irra gahe ilaalchisee odeeffannoon mirkanaa’e hin argamne.

Haa ta’u malee, jiraattonni naannichaa haala nageenyaa irratti yaaddoo guddaa keessa jiraachuu isaanii ibsaniiru.


Similar posts:

MARII BIYYAALLESSAA FI GAAFFII UUMMATA OROMOO.

GABAASA HAALA NAGEENYAA GODINA WALLAGGAA.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Abee Dongoroo keessatti humni finxaalessi Faannoo guddaan walitti qabamee jiraachuu odeessi maddeen dhaqqabe ni mul’isa.

Tigray: Reeffi Loltoota TPLF 15 Laga Satiit Keessatti Argamuu Gabaafame; Walitti Bu'iinsi Daangaa Hammaachaa Jira