WALITTI BU’IINSA MOOYYAALEE: LAMMIILEEN ITOOPHIYAA KUMA 36 OL KEENIYAATTI BAQATAN; KOMISHININ MIRGA NAMOOMAA GARGAARSA HATATTAMAA GAAFATE
Published Oct. 27, 2026, 3:11 p.m. by FNN Staff
Walitti bu’iinsa magaalaa Mooyyaalee fi naannawa ishee keessatti uumameen, lammiileen Itoophiyaa tilmaamaan kuma 36 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uun gara Keeniyaatti baqachuu isaanii, Ejensiin Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) dameen Keeniyaa beeksise.
Akka UNHCR ibsetti, namoonni kunneen nyaata, bishaan qulqulluu, bakka jireenyaa, tajaajila qulqullinaa fi kunuunsa fayyaa dabalatee gargaarsa namoomaa hatattamaa barbaadu.
Ibsa ejensichi baaseen, baqattoota keessaa hedduun dubartootaa fi daa’imman yoo ta’an, isaan keessaa gariin firoota isaanii fi hawaasa naannoo isaan keessummeesse bira qubataniiru. Kaan immoo iddoowwan yeroo muraasaaf dahoo ta’aniitti bakka jireenyaa barbaadaa jiru.
UNHCR, Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM), Dhaabbanni Daa’immanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF), Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) fi Dhaabbanni Fannoo Diimaa Keeniyaa, qaamolee mootummaa Keeniyaa fi michoota gargaarsa namoomaa waliin ta’uun, deeggarsa namoomaa qindeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Gama biraatiin, Komishiniin Mirga Namoomaa Biyyaalessaa Keeniyaa (KNCHR) namoonni tilmaamaan kuma 40 ta’an Mooyyaalee keessatti dahoo barbaaddatanii argamuu isaanii ibseera.
Isaan keessaa namoonni kuma 15 ol ta’an iddoowwan yeroo muraasaaf qophaa’an saddeet keessatti qubsiifamaniiru. Namoonni kuma 20 ol ta’an immoo firoota isaanii fi hiriyoota isaanii bira jiraachaa akka jiran komishinichi beeksiseera.
KNCHR, deebiin hatattamaa, qindoomina qabu fi mirga namoomaa irratti hundaa’e kennamuu akka qabu gaafateera. Akkasumas, roobni cimaan baqattoota balaa haala qilleensaa, rakkoo qulqullinaa fi weerara dhukkuboota daddarbootaaf saaxiluu akka danda’u akeekkachiiseera.
Komishinichi tajaajilli kunuunsa fayyaa haadholii fi fayyaa walhormaataa dursa hatattamaa argachuu akka qabu ibsuun, dubartoonni afur naannoo sana keessatti iddoowwan lama irratti da’uu isaanii gabaaseera.
Qaamoleen dhimmi ilaallatu kunuunsa fayyaa hatattamaa, nyaata, bishaan qulqulluu, bakka jireenyaa haala qilleensaa dandamatuu fi tajaajila eegumsaa akka kennan KNCHR cimsee gaafateera. Akkasumas, baqattoonni kabajaa fi ulfina namoomaan akka keessummeeffaman, mirgoonni isaanii immoo akka kabajaman waamicha dhiyeesseera.
Dabalataanis, aanga’oonni mootummaa daangaa gama lamaan jiran sochii namoota daangaa ce’anii nageenyaan bulchuuf, akkasumas sababoota bu’uuraa buqqa’iinsa kanaa furuuf waliin hojjechuu akka qaban komishinichi waamicha dhiyeesseera.
Qaamoleen nageenyaa tartiiba uummataa eegsisuuf tarkaanfii fudhatan seera qabeessa, madaalawaa fi loogii irraa bilisa ta’uu akka qabuus KNCHR hubachiiseera.
Akka komishinichi ibsetti, daangaa gama lamaanitti tasgabbiin jiraachuu gabaafame kun gargaarsa namoomaa qindoominaan dhiyeessuuf, buqqaatotaa fi hawaasa isaan keessummeessu eeguuf, akkasumas dhiphina namoonni kun keessa jiran hir’isuuf carraa uuma.
Buqqa’iinsi kun walitti bu’iinsa Mooyyaalee keessatti torban tokkoof ture hordofee kan uumame yoo ta’u, magaalaan Mooyyaalee daangaa naannolee Oromiyaa fi Somaalee Itoophiyaa gidduutti argamti.
Waldhabdeen kun falmii alaabaa irratti uumameen hammaachaa dhufuun, Onkololeessa 18, shamarreen umuriin ishee waggaa 13 ta’e Diqqoo Jaataan Aagaa waljijjiirraa dhukaasaa gama lamaan gidduutti uumame keessatti ajjeefamtee booda, walitti bu’iinsi itti fufeera.
Walitti bu’iinsi kun booda gara walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa naannolee lamaan gidduutti babal’achuun, Oromiyaa kibbaa keessatti aanaalee torbatti ga’uu isaa gabaasni ni mul’isa.
Jiraattonni naannichaa lubbuun namootaa darbuu, namoonni madaa’uu, manneen gubachuu fi namoonni hedduun qe’ee isaanii irraa buqqa’uu gabaasaniiru.
Dabalataan, walitti bu’iinsi kun geejjiba irratti gufuu uumuu isaatiin, jiraattonni hedduun daangaa ce’anii gara Keeniyaatti baqachuu akka dirqaman taasiseera.
Similar posts:
MOYYAALEE KEESSATTI HAALLI NAGEENYAA YAADDEESSAA TA'UU HORDOFE; AJJEECHAA DIQQOO JAATANII FI ALAABAA NAANNOO SOMAALEE DAANGAA OROMIYAA SEENUUN DHAABBATERRATTI HAALONNI JIRAN YAADDOO UUMAAN
FNN | LIXA OROMIYAA KEESSATTI HIDHATTOONNI FAANNOO DEEBI’ANII OFGURMEESSAA JIRU JEDHAME
JD VAANS FILANNOO ISRAA’EL KEESSATTI SEENEUU HIN BARBAADAN: DEEGGARSA NEETANIYAAHUU IRRATTI YAADA ISANII IBSAAN
Yemane G. Meskel: “Paartiin PP Ergaa Dulloome Irra Deddeebi’ee Dhageessisaa Jira”