Dimookiraatawaa Koongoo Keessatti Namoonni Iboolaan Qabaman 11,000 Ol Darban; 5,387 Du’an
Published Nov. 11, 2026, 5:19 p.m. by FNN Staff
Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii Iboolaan qabamanii 11,042 gaheera. Hanga ammaattis namoonni yoo xiqqaate 5,387 lubbuun isaanii darbeera.
Lakkoofsi kun kan ifoomfame Kibxata darbe yoo ta’u, yeroo abbootiin taayitaa fayyaa biyyattii weerara Iboolaa seenaa biyyattii keessatti isa guddaa fi lubbuu namaa hedduu galaafate to’achuuf carraaqqii cimaa taasisaa jiraniidha.
Weerarri vaayirasii kun gosa Iboolaa baay’ee hin baratamne, Bundibugyo jedhamuun beekamu irraa kan dhufe ta’uun ibsameera.
Weerarri kun, weerara Afrikaa Dhihaa bara 2014–2016 keessatti mudateen booda, galmee seenaa keessatti weerara Iboolaa isa guddaa fi lubbuu namaa hedduu galaafate keessaa isa lammaffaa ta’eera. Weerara bara sanaa keessatti namoonni 28,600 ol vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, namoonni 11,000 ol lubbuun isaanii darbeera.
Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti bulchiinsota 26 jiran keessaa saddeet weerara vaayirasichaan miidhamaniiru. Du’a namoota vaayirasichaan qabamanii keessaa hedduun dhaabbilee tajaajila fayyaa alatti kan mudatan ta’uun ibsameera.
Harkifannaan vaayirasicha adda baasuu, walitti bu’iinsi naannichatti jiruufi hanqinni tajaajila fayyaa weerarri kun saffisaan akka babal’atuuf sababoota ta’aniiru.
Gosa vaayirasii Bundibugyo kanaaf talaalliin yookaan yaaliin addaa hanga ammaatti hin jiru. Gosti vaayirasichaa kun namoota inni qabee keessaa gara walakkaa lubbuu galaafachuu danda’a.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jalqaba baatii kanaa yaaliiwwan kilinikaa talaallii Iboolaa haaraa lamaa raggaasisuun jalqabuu isaa beeksiseera. Bu’aan yaaliiwwan kanaas jalqaba bara 2027tti akka eegamu ibsameera.
Yeroo ammaa Afrikaa Bahaa, Afrikaa Giddugaleessaa fi Afrikaa Dhihaa keessatti namoonni vaayirasichaan qabaman mul’achaa jiru. Kunis weerarri Iboolaa kun ardii Afrikaa keessatti bal’inaan babal’achaa jiraachuu agarsiisa.
Similar posts:
Walitti bu’iinsa Mooyyaaleen namoonni gara Keeniyaatti baqatan kuma 50 ga’an — UN
Naannawa Shirkaatti Namoota Reeffa Awwaalanii fi Madaa’an Yaalchiisaa Turan 50 Ol Poolisiin Qabaman Jedhame
WALITTI BU’IINSA MOOYYAALEE: LAMMIILEEN ITOOPHIYAA KUMA 36 OL KEENIYAATTI BAQATAN; KOMISHININ MIRGA NAMOOMAA GARGAARSA HATATTAMAA GAAFATE
MOYYAALEE KEESSATTI HAALLI NAGEENYAA YAADDEESSAA TA'UU HORDOFE; AJJEECHAA DIQQOO JAATANII FI ALAABAA NAANNOO SOMAALEE DAANGAA OROMIYAA SEENUUN DHAABBATERRATTI HAALONNI JIRAN YAADDOO UUMAAN
0 comments
There are no comments yet.