Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.
Published Dec. 25, 2025, 12:26 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
.Naayijeeriyaa keessatti boombii of balleessanii baduu raawwateen yoo xiqqaate namoonni shan du’uu fi 35 madaa’uu maddeen nageennaa beeysisaniiru.
Haleellaan kun kan raawwatame masjiida kaaba baha Naayijeeriyaa keessatti wayita hordoftootni amantichaa salaataaf walitti qabamanitti yoo ta’u, dhohiinsi kun gamoo masjiida irratti miidhaa guddaa geessiseera.
Namoonni 5 bakkuma sanatti du'uun isaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, namoonni 35 ammoo miidhaan irra ga'ee gara hospitaalaatti geeffamaniiru.
Haa ta'u malee, namoonni haleellaa kanaan miidhaman tokko tokko haala yaaddessaa keessa waan jiraniif lakkoofsi namoota du'anii akka dabalu eegama.
Gabaasni jalqabaa akka agarsiisutti haleellaan kun kan raawwatame nama of ajjeese yoo ta'u, hanga ammaatti namni haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.
Haa ta’u malee, naannoo sanatti walitti bu’iinsaa fi haleellaa walfakkaataa raawwachuudhaan kan beekamu Bookoo Haram shakkamaa ijoo ta’uun himama.
Humnoonni nageennaa Naayijeeriyaa yeroo ammaa naannoo sana to’achuun qorannoo dabalataa gaggeessaa akka jiran miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Ameerikaa, Katar, Turkii fi Masriin nagaa Gaazaa irratti mari’ataniiru.