Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Published April 25, 2026, 2:29 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Gareen ABUT kan Dabratsiyoon Gabramikaa'eeliin durfamuu fi dheereffamuu yeroo aangoo bulchiinsa yeroo mormee mootummaan waraana kaaba Itoophiyaa dura Tigraay ture akka deebi'u murteesse murteen koo deeggarsa qaba jedhee miseensota isaa magaalota garaagaraatti walgahii waamee mariisisaa ture jedhame.
Mootummaan federaalaa kan yeroo aangoo bulchiinsa yeroo Tigraay dheeresse raayyaa ittisa biyyaa baay'inaan daangaa naannoo Tigraayitti qubachiisaa jiraachuniis gabaafame.
Gareen ABUT kan mootummaa Tigraay to'achuuf yaalaa jiru immoo mootummaa Eertiraa waliin gamtaa Tsimdoo jedhamu tolfatee loltoota isaa waraanaaf qopheessaa, bakkoota garaagaraa naannoo Tigraay keessa qubsiisaa jiraachuu maddeen naannichaa ifoomsanii jiru.
Walgahii Kaabinee pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay Jeneraal Taaddasaa Warradaa waaman irratti miseensonni kaabinee marti argamuus maddeen dhimmichatti dhiyoo gabaasanii jiru.
Walgahii kana irratti dhimmoota garaagaraa irratti mariin haa taasifamuyyuu malee dhimmi ijoon irratti maryatamaa ture garaagartee garee jeneraal Taaddasaa Warradaa fi garee Dabratsiyoon Gabramikaa'eel gidduutti uumame irratti jedhan maddeen.
Jeneraal Taaddasaan adeemsi garee Dabratsiyoonfaa Tigraay balaa hamaaf saaxilaa jechuun irra deddeebiin dubbatan jedhan.
Bulchiinsa yeroo diiguuf yaaluun gaaga'ama hamaa qabatee akka dhufu akka akeekkachiisan dhageenye. Tigraay dirree waraanaa ta'uuf deemtis jedhani akeekkachiisan.
Caasaan bulchiinsa isaanii dhimma kanatti akka hin hirmaanne hubachiisuu isaaniis maddeen himaniiru.
Walgahii kana irra miseensonni kaabinee bulchiinsa yeroo garuu kan garee Dabratsiyoonfaa deeggaran kanneen akka pirezidaantii itti aanaa bulchiinsa yeroo Tigraay obbo Amaanu'eel Asaffaafaa turan.
Obbo Amaanu'eel walgahii kaabinee sana dura guyyaa tokko dursanii walgahii gareen Dabratsiyoon faa bulchiinsa yeroo diiguuf murteessan deeggaruuf Maqaleetti waaman irratti Dabratsiyoon waliin “Ambaashaa” wayita muran mul'atu.
Walgahii buclhiinsa yeroo diiguu murteesse magaalaa Aksumitti taa'ame keessas turan.
Gareen Dabratsiyoonfaa immoo akkuma gaafa obbo Getaachaw Raddaa buusuuf jedhan magaalota garaagaraatti walgahii deeggarsaa waaman guyyoottan darban walgahii deeggarsa murtee isaanii deeggaru walfakkaataatti jiru.
Mootummaan federaalaa yeroo bulchiinsa yeroo Tigraay waggaa 1f dheeresse gama isaatiin filannoo biyyaalessaatiif qophaa'aa jira.
Naannoo Tigraayitti filannoon hin adeemsifamu.
Gareen ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa'eel faatiin hoogganamu immoo boordii filannootiin beekkamtiin isaa deebisee erga haqamee bubbulee jira.
Beekkamtiin isaa boordii filannootiin kan jalaa haqame gareen kun mootummaa Tigraay waraana Kaaba Itoophiyaatiin duraa deebisuuf murteessee sochiitti jira.
Bakkoota garaagaraa naannoo Tigraayitti walgahii deeggersaa waammataa jira.
Lafa irratti immoo humna waraanaa isaa kurfeeffataa jiraachuu dhageenye.
Mootummaa Eertiraa waliin Tsimdoo jedhee gamtaa tolfatee walkeessa deemu jedhan.
Gareewwan humna finxaalessa Faannoo keessaa gartokkee waliinis gamtaan jiraachuutu himama.
Gareen ABUT jalqaba mootummaa Tigraay deebisee qabachuu akka tarsimootti qabate.
Itti aansee lafoota gama lixaa amma naannoo Amaaraatiin qabame humnaan deebifachuu akeekkate.
Sana booda daangaa Sudaan waliin walqunnamsiisu banatee meeshaa waraanaa akka fedhetti galfachuuf akeeka qaba jedhu xinxaaltonni.
Abdulfattaah Alburhaan waliin michummaa qabus jedhu taajjabdoonni.
Karaa Eertiraatiin meeshaa waraanaa guddaa galchuu waanti dadhabaniif waa lamaafi jedhu taajjabdoonni.
1ffaan Eertiraan ofii isheetiifuu qoqqobbii jala jirti. Kan lammataa immoo michummaan garee ABUT kanaa fi mootummaa Eertiraa gidduu jiru michummaa tarsimaawaa otoo hin taane michummaa toftaa diina waloon qaban irratti duuluti. Kanaafuu mootummaan Eertiraa garee kana irraa amantaa guutuu hin qabu. Kanaaf hanga funyaanii hidhachiisuu hin fedhuu jedhu xinxaaltonni.
Kanaaf daangaa lixaa bansiifachuuf gareen ABUT akka malee fedhaa jedhan.
Gareen ABUT yoo milkaa'eefii mootummaa Tigraay qabatee, lafoota naannoo Amaaraatiin qabaman gadhiisifatee daangaa lixaa Sudaan waliin walitti baasu bansiifate tarkaanfiin itti aanu humna cimsatee Finfinneetti deebi'uuf loluu akka ta'e taajjabdoonni himu.
Yoo sun milkaa'uu baate immoo Tigraay foxxoqsanii deemuuf akka filmaata lammataatti qabachuu keessa beektonni OMNtti himan.
Mootummaan federaalaa gama isaatiin garee kana to'achuuf humna guddaa daangaa naannoo Tigraayitti qubachiisee akka jiru dhageenye.
Raayyaa ittisa biyyaa qofa otoo hin taane gama lixaatiin humna guddaa “Yetekeze Zab” jedhamu kan naannoo Amaaraatii walitti qabame lafoota Waqaayit, Xagadee/Tsagadee, Xallamti/Tsallamti faa keessa qubachiisee jira.
Dabalataanis loltoota kuma dhibbootaan mooraawwan leenjii loltummaa raayyaa ittisa biyyaatti leenjisaa jira.
Kana qofaan kan hin dhaabbanne mootummaan federaalaa keessattuu naannoo Oromiyaa aanaalee maratti buufata leenjii qopheessee loltoota heddumminaan sadarkaa aanaatti bifa kanaan dura hin baramneen leenjisaa jira. Jiraattonni aanaalee garaagaraa maddeen dubbise, naannawaa isaanitti leenjiin toftaa loltummaa jabaan kennamaa jira jedhan. Sagaleen dhukaasa yeroo leenjii naannawaa isaanii dirree waraanaa fakkeessuu himan.
Humnootiin siyaasaa naannoo Amaaraa ABUT hadheeffatanii jibbanis mootummaa federaalaa waliin hiriiruu filatan.
Gareewwan siyaasaa Tigraay kan garee ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa'eeliin hoogganamuun dhiibamanis hedduun mootummaa federaalaa waliin hidhata tolfachuutu dubbatama.
Akka kanaan mootummaan federaalaa bara aangoo bulchiinsa yeroo Tigraay waggaa tokkoon dheeressee kutaalee biyyattii hafanitti filannoo filachuuf jedha.
Gareen ABUT immoo mootummaa Tigraay qabachuuf sochiitti jira.
Similar posts:
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse