Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan
Published April 25, 2026, 2:08 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Naannoo Beenishaangul Gumuz, magaalaa Godina Matakkal kan taate Gilgal Balas keessatti haleellaa hidhattoonni bananiin namoonni torba ajjeefamuu jiraattonniifi miseensi paarlaamaa naannawa kanaa bakka bu'an maddeenitti himan.
Akka namoonni ijaan argan jedhanitti hidhattoonni kunnneen ''mana hidhaa magaalattii keessatti argamu cabsanii seenuuf wayita yaalan,'' dhukaasa banan.
Jiraattonni fi miseensi paarlaamaa Dr. Mabraatuu Alamuu, hidhattoonni kunneen Jimaata, Ebla 24, 2026 naannoo sa'atii 11tti dhukaasa banuu maddeenitti himan.
Dr. Mabraatuun hidhattoonni magaalaa Gilgal Balas marsuun dhukaasa akka banan ibsan.
Galmi isaanii guddaan mana hidhaa magaalattii keessatti argamu to'achuu akka tures himan.
Jiraattonnis mana hidhaa irratti haleellaan raawwachuu ibsaniiru.
Jiraataan tokko ''seenuuf kan yaalan hidhattoota Gumuz turan. Miseensota isaanii mana hidhaa sana keessaa baasuuf yaalan,'' jedhe.
Jiraataan biraanis haleellaan ''hidhattoota Gumuziin banamuu'' hime.
Dr. Mabraatuu Alamuu gamasaaniin ''hidhattoonni kunneen warra karaa nagaan deebi'uutti walii hin galle, karaa nagaan hin deebinu warra jedhan keessaa akka ta'an odeeffannoon na ga'eera. Hidhattoonni kaan waliinis walgurmeessanii akka dhufan odeeffannoo qaba,'' jedhan.
Jiraataan tokko hidhattoonni poolisoota mana hidhaa eegan waliin walitti dhukaasaa akka turanii fi boodarra poolisii, milishaa fi poolisoonni federaalaa tarkaanfii fudhachuu hime.
Dhukaasa kanaan hojjettoonni qeeraa naannawa sanatti dhihoo turan ''torba ajjeefamuu'' jiraattonni fi miseensi paarlaamaa ibsaniiru.
Jiraataan tokko ammoo lakkoofsi namoota ajjeefamanii ''shan akka ta'e'' dubbate.
Manni hidhaa fi qeeraan (iddoon qalmaa) magaalattii walitti dhihaatanii argamuu kan ibse jiraataan tokko ''hojjettoonni qalmaaf qeeraa sana keessa turan torba dhukaasa banameen ajjeefamaniiru,'' jedhe.
Dr. Mabraatuunis ''dhukaasa guddaatu ture. Kana keessatti hojjettoonni qeeraa miidhamaniiru. Homaa quba hin qaban, halkaniin ba'anii bakka hojii wayita deeman baayyee miidhamaniiru. Hojjettoonni qeeraa torba ajjeefamuu odeeffannoo argadheera,'' jedhan.
Gama hidhattootaan namoonni lama ajjeefamuus ibsaniiru.
Jiraataan haala ture ijaan arge ''gidduudhaa wayita dhiibbaan irratti cimu gara duubaatti deebi'an. Hidhattoonni lama naannoo istaadiyeemiitti kufan. Milishaan tokkos rukutameera,'' jechuun namoonni biroo sadis ajjeefamuu ibse.
Hidhattoonni mana hidhaarratti dhukaasa banan kunneen hidhamtoota mana hidhaatii baasuu akka hin dandeenye jiraattonni fi miseensi paarlaamaa ibsaniiru.
''Hin milkoofne. Poolisoonni mana hidhichaa eegan baayyee falmatan. Karoora hidhattootaa jalaa fashalsaniiru,'' jechuun odeeffannoo namoota naannoorraa argatan eeruun ibsan.
Haleellaa bara 2011 irraa eegalee raawwatuun goolamaa turtee dhiheenya kana birqabaan tasgabbii hanga tokko argattee kan turteedha.
Similar posts:
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse