Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Published July 10, 2026, 2:55 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Gareen lammilee Afrikaa Kibbaa farra godantootaa ta'an Kamisa kaleessaa lammilee biyya alaa manneen isaanii magaalaa #Johaanisbarig keessaa humnaan gadi baasuun poolisiitti dabarsanii kennaniiru; kunis hiriira mormii jabaachaa dhufe kan hawaasa keessatti sodaa uumee fi hariiroo biyyoota tokko tokko waliin jiru taatee qore ta’uu gabaafamaa jira.
Kutaa Magaalaa guddicha Johaanisbarig kan ta'e Aleksaandiraa keessatti, Odu_ gabaasaan Rooyitariis hiriirtonni ulaawwan cabsuun gara manneen godantoonni seeraan alaa keessa dhokatu jedhanii amananitti yeroo gadi seenan argeera jechuun ragaa ijaa arge ibseera.
Isaanis namoota to'atanii gara konkolaataa poolisiitti geessaniiru, isaan keessaas dubartii fi daaimni xiqqaan lammummaa Maalaawwii qaban keessatti argamu jedhe Odu Gabaasaan dhaabbatichaa kun. Namni biraa hiriirtota kanaan qabame tokko, biyyattii keessa seeraan kan jiru waraqaa galmee sirnaas kan qabu ta'uu Rooyitarsitti dubbateera.
Lammummaa Zimbaabuwee kan qabu Tootaal Mhilangaa (Total Mhlanga), eeyyama addaa Zimbaabuwee (ZEP)— kan jedhamu kan lammilee Zimbaabuweef kennamu akka qabu hime. Tootaal “ani eyyama ZEP nama qabuudha” jedhe, eyyeamni kunis lammileen Zimbaabuwee hedduun Afriikaa Kibbaa keessa akka jiraataniifi hojjetan kan taasisuudha.
Gama biraan Sooweetoo keessattis hiriirri farra godaantotaa kan gaggeeffame yoo tahu, hiriirtonni shimalaa fi alaabaa qabachuun manaa manarra deemuun godaantota galmee hin qabne jedhan barbaaduuf itti turan. Hiriirawwan kamisaa kunneen hedduun asxaawwan barreeffamaa “hiriira nagaa” jedhu kan maxxanfatan yoo tahan, achiis hojiin godaantota manaa manarra deemanii adamsuun barbaachuu kan keessatti raawwatame ture jechuun Rooyitarsi gabaaseera.
Similar posts:
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan
Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame
ODUU TORBAN KANAA.
Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.