Oduulee dhiittaa mootummaan PP uummta Oromoo irraan ga'aa jiruu fi kanneen biroo.

Published Oct. 16, 2025, 8:44 p.m. by FNN Staff

462



ODUU FNN

Hidhattoonni mootummaa PP Wallagga Bahaa keessatti qonnaan bulaa tokko ajjeesuu fi qabeenya saamuun barame.

Godina Wallagga Bahaa ona Haroo Limmuu keessatti hidhattoonni mootumma pp namoota nagaa maqaa qabata wbotii ajjeessuun kan yeroo kamii caalaa jabaatee kan itti fufe ta’uu jiraattonni maddeeniif ibsan.

Bifuma Kanaan milishaan PP mana nama miidhame kanaa seenuun itti dhukaasee erga ajjeesee booda mana isaas abiddaan barbadeessuu jiraattonnii maddeeniif himanii jiru, meeshaalee manaa fi qabeenya hunda barbadeessuu fi Loon 19 fi harroota lama ooffatanii gara kaampii waraanaa magaalaa onichaatti geeffachuus itti dabaluun maddeeniif himanii jiru.

Akka jiraattonni maddeeniif himanitti, namni du’e kun, Waraana Bilisummaa Oromoos ta’e qaama siyaasaa kamiinuu walitti dhufeenya kan hin qabne fi hojii qonnaatirratti bobba’ee jireenya dhuunfaa isaa jiraachaa akka ture himanii jiru.

Humnoonni mootumma PP ajjeechaa seeraan ala, dararaa, fi saamicha bal’aa ta’e maqaa hidhata wbo waliin qabdaatiin guutuu oromiyaa keessatti dararaa hamaa gaggessaa akka jirus kan beekkamuudha.

 

''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

Sa'ud Arabiyaan lammiilee Itoophiyaa murtii du'aa itti murteessite du'aan adabuu itti fufte.

Lammiilee Itoophiyaa 47 mana hidhaa bulchiinsa Naajiraan Sijnaal Ammii hidhaa jiran kan adabbiin du'aa itti murtaa'e keessaa yeroowwan garaagaraatti 40n isaanii irratti adabbii du'aa raawwachuu maddeen ibsanii jiru.

Akka Maddeen yaada isaanii kennanitti kanneen hafan 7 keessaa kaleessa nama lama baasuun murtii du'aa irratti raawwachuu himan.

Kanneen adabbiin du'aa irratti raawwatame Mahaammad Ahimad dhalataa Awwadaay, Ramadaan Abduu dhalataa Warra Jaarsoo Laga Mixee ta'uu himaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa duuti itti murtaa'e hedduun imala seeraan alaatiin karaa Yamaniitiin gara Sa'ud Arabiyaa wayita seenan dallaalotaan baala sammuu namaa adoochu baachifamanii otoo deemanii waliin qabaman.

Hedduun isaanii waanuma baatanii akka hin beekne kan himan maddeen, erga mana murtii dhaqanii achitti baala sammuu namaa adoochu ta'uu akka baran himan.

Mana murtiitti falmanii haqa ofii akka hin kabajsiifne biyya sanaaf haaraa ta'uu fi afaan Arabaa wallaaluun danqaa guddaa akka itti ta'e warri yaada kennan dubbatu.

 

''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

Mootummaan Itiyoophiyaa yaada kennuudhaaf gaaffii dhiyaateef deebii hin kennine.

Mariin Itiyoophiyaan liqeessitootasii waliin taasifte bu’aa male hafe, warri liqeessan "tarkaanfii seeraatti deemuu feena" jedhu.

Itiyoophiyaan haala kaffaltii liqaa isiirra jiru fooyyeffachuuf liqeessitoota waliin

Kiibxata darbe mariin gaggeessite walii galtee malee xummuramuun beekkame.

Akka Rooyitarsi gabaasetti, kanaafis ka’umsa kan ta’e sekterri faayinaansii biyyattii amansiisaa ta’uu dhabuu ta’uu eere.

Bara 2023 liqeessitootaaf kaffaltii taasisuu wayita qabdurra dabartee kan turte Itoophiyaan, walii galtee Gamtaa biyyoota 20tiin furmaata yeroo gabaabaan yeroon kaffaltii dheerateefii ture.

Wayita liqeessitoonni kun akkas jedhanitti, mootummaan garuu “walii galteen fooyya’aa ta’e argamaa jira” jechuun ibsee, wal dubbiin abbootii boondii kanaa waliiniis itti fufa jechuun gabaasi Rooyitarsi ibseera.

Oduun kun ibsa rhe wabeeffachuun akka gabaasetti,  abbootiin boondii liqii isaanii keessa 15 %  gad buusuu fi  meeshaa yoo liqaan kuni hin deebine bakka bu’uu (Value Recovery Instrument) jedhamu hojiirra oolchuu kan dabalatu yoo ta’u, kunis mala dameen al-ergii Itiyoophiyaa waggoota dhufan keessatti ga’umsa cimaa yoo agarsiise liqaa akka deebisuu dandeesisuuf yaadame ta’uu ibseera.

Haa ta’u malee, koreen abbootii boondii, kanneen akka  Morgaan Stanley Investment Management, Frankliin Templeton, VR Capital fi Farallon Capital dabalate , mariin kun addaan cituu isaatiifi baay'ee mufachuu isaa ibsaniru.

Itiyoophiyaatti Yuurooboondiin Doolaara biiliyoona 1 Kiibxata darbe gadi bu’uu ibsan, kunis jalqaba bara 2021 irraa eegalee sadarkaa olaanaatti dhihoo ta’us, doolaara tokkoo naannoo saantima 95tti daldalamaa jiraachuu ifoomsan.

Dhabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) guddina argame kana simachuun gama lachuu marii akka itti fufan jajjabeessee jira.

Garuu xiinxaltoonni akka jedhanitti, rakkoon kun daangaawwan bu’uura waloo bara 2020tti Chaayinaa diinagdee Afrikaaf liqeessituu guddaa taate dabalatee liqeessitoota aadaa fi guddataa jiran jidduutti tattaaffii liqaa hir’isuu qindeessuuf jalqabame kan mul’isuudha.

“Bu’uurri Waliigalaa (Common Framework) dandeettii abbootiin dhuunfaa liqa haquu irratti akka hirmaatan taasisu hin qabu,” jedhan daayreektarri imaammataa garee duula filannoo  Tiim Joons, kan Laandan keessatti argamu ‘Debt Justice’.

Dhimmi Itiyoophiyaas walxaxaa  ta’e kuni kan irraa madde, tilmaama diinagdee IMF irratti walii galtee dhabuu, abbootiin boondii daballii gatii warqee fi bunaa dabalu fa’a, shaqaxawwan ijoo lama kanneen meeshaalee al-ergii gurguddoo ta’an kuni ta’u hin qabu jechaan mormaniru.

Mootummaan bara baajataa 2024/25tti galii al-ergii doolaara biiliyoona 8.3 galmeessee kan ture yoo ta’u, kunis tilmaama IMF doolaara biiliyoona 6.37 irraa baay’ee ol’aanaadha.

Adeemsi irra deebiin saganteessuu liqaa harkifama jiru,'' jedhan xiinxalaan diinagdee Itiyoophiyaa UK keessa jiraatan Abdulmenan Mohaammad. “Mootummaan Itiyoophiyaa abbootii boondii haala addaatiin ilaaluu qaba” jedhaniru.

'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''              ''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

 

Hojjettoonni gargaarsaa namoomaa lama naannoo Amaaraa magaalaa Gondarii butamuun gabaafame.

Ji’a Adoolessaa keessa naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti hojjettoonni gargaarsaa namoomaa lama, gareewwan hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen butamuu isaanii gabaasni ba’e ni mul’isa. Godina Wolloo Kibbaatti kaampii buqqaatota Mekane Selam jedhamu haalli nageenyaa rakkisaa fi walitti bu’iinsa naannichatti uumameen gargaarsi namoomaa dhaqqabamaa akka hin jirre gabaasni kun ni mul’isa.

Gabaasni kun ji’a ji’aan naannoo Amaaraa dabalatee naannolee shan kan hammate yoo ta’u, yeroo ammaa naannoo adda addaatti haalli nageenyaa yaddeessaa deemuus ibsee jira. Walitti bu’iinsi naannichatti uumame bu’uuraalee geejjibaa irratti dhiibbaa hamaa geessisuu isaa gabaasni kun ni hubachiisa. akkasumas uggura konkolaachiftoota konkolaattota fe’umsaa fi konkolaattoota qaxxamuraa irratti xiyyeeffate itti fufee jiraachuu isaa ibsee jira.

Ji’a Adoolessaa keessa naannoo magaalaa Goondaritti gareewwan hidhatee eenyummaan isaanii hin beekamneen hojjettoota gargaarsaa lama butamuun isaanii haala nageenyaa daandii Debarq fi Gondar gidduu jiru irratti mul’achaa jiru ta’uu gabaasni kun ni mul’isa. Daandiin Debarq-Gondoraa hojiiwwan gargaarsa namoomaa fi namoota nagaatif “balaa guddaa” qaba jedha gabaasni kun, haala amma hojjettoota gargaarsaa butamanii osoo hin ibsin.

Naannoo Amaaraatti uggurri konkolaachiftootaa daldala, dhiyeessii, akkasumas sochii meeshaalee fi namoota naannichaa jeeqe ta’uu gabaasni kun hubachiisee jira. Itti dabaluunis sababa walitti bu’iinsa naannichatti uumameen, daandiin yeroo baay’ee cufamuu, hanqina meeshaalee bu’uuraatiin gatiin ifatti dabaluu isaa ibseera.

Sababa walitti bu'iinsaa fi haala nageenyaa rakkisaa ta'een kaampii buqqaatota Mekane Selam godina Wolloo kibbaa ji'a darbe, akkuma ji'a Hagayyaa keessa ture dhaqqabamaa hin turre. Gabaasni kun akka hubachiisutti, kaampii buqqaatota Jaaraa godina Wolloo kaabaa keessatti haalli nageenyaa ol’aanaa ta’uu ibseera.

Sababa kanaan barattoonni naannoo mana barumsaa dhaquuf rakkatu, jiraattonni gabaa dhaquuf, muka ibiddaa fiduuf rakkatu. akkasumas sodaan hawaasa naannootiin “xiyyeeffannoo” ta’uu sababa loltoonni baay’inaan naannoo kaampii buqqaatotaatti argaman irraa kan ka’e akka jiru ibseera.

Gabaasichi itti dabaluun akka ibsetti, itoophiyaaa keessa naannolee hedduu keessatti gochi kana fakkaatu irra deddeebiin raawwatamaa jiraachuu ibsuun, keessumattuu haalii nageenyaa naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Tigraayi fi naannolee kanneen akka Affaar keessatti haalli yaaddessan dabalaa dhufuuu ibsee jira. Dhimmoonni nageenyaa mootummaarra furmaata argachuun osoo irra jiraatuu mootummaan callisuun haala jireenya hawwasaaf yaaddoo ta’uuniis kan beekkamuudha.

 

''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

Wayita reenfi Odingaa seenu namoonni nageenya waan booressaniif buufati xiyyaaraa hojii dhaabe

keeniyyaatti Yeroo reeffi MM duraanii Rayilaa Odingaa buufata xiyyaaraa idiladdunyaa Joomoo Keeniyaataa ga’utti yaaddoo nageenyaaf jecha buufatichi hojii dhaabuu beeksise.

Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Keeniyaa reenfi MM duraanii Rayilaa Odingaa Indiyaa irraa gara biyyaa wayita deebi'u yaaddoo mudaterraa kan ka'e yeroof tajaajila buufata xyyaaraa idiladdunyaa Joomoo Keeniyaataa dhaabuu ibseera.

KCAA ibsa kenneen namoonni gadda Rayilaa Odingaaf ba'an kumaan lakkaa'aman naannawa istaadiyeemii keessa socho'uun dhorkame cabsanii seenuu eeruun, Kanaanis istaadiyeemiin humnoota nageenyaan cufamuu beeksise. Dirreen kubbaa miillaa fi buufati xiyyaaraa nageenya hojjettootaa fi imaltootaa eeguuf yeroof cufamuu ibse.

Lammiileen biyyattii fi imaltoonni hanga beeksisi ba'utti gara buufata xiyyaaraa kana imaluu akka dhaabanis akeekkachiisi darbeera.

KCAA akka jedhutti nageenyummaan istaadiyeemii erga mirkanaa'ee booda tajaajilli buufata xiyyaaraa bakkatti ni deebi'as jedhee jira.

  Wayita reenfi Odingaa seenu namoonni nageenya waan booressaniif buufati xiyyaaraa hojii dhaabe

Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Keeniyaa reenfi MM duraanii Rayilaa Odingaa Indiyaa irraa gara biyyaa wayita deebi'u yaaddoo mudaterraa kan ka'e yeroof tajaajila buufata xyyaaraa idiladdunyaa Joomoo Keeniyaataa dhaabuu ibseera.

 


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.