Mariin Itoophiyaan liqeessitootashee waliin taasifte bu’aa male hafe, warri liqeessan "tarkaanfii seeraatti deemuu feena" jedhu
Published Oct. 15, 2025, 2:28 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Kibxata kaleessaa Itoophiyaan haala kaffaltii liqaa isheerra jiru fooyyeffachuuf liqeessitoota waliin mariin gaggeessite walii galtee malee xumurameera. Rooyitarsi akka gabaasetti, kanaafis ka’umsa kan ta’e sekterri faayinaansii biyyattii amansiisaa ta’uu dhabuu ta’uu eere.
Bara 2023 liqeessitootaaf kaffaltii taasisuu wayita qabdurra dabartee kan turte Itoophiyaan, walii galtee Gamtaa biyyoota 20tiin furmaata yeroo gabaabaan yeroon kaffaltii dheerateefii ture. Wayita liqeessitoonni kun akkas jedhanitti, mootummaan garuu “walii galteen fooyya’aa ta’e argamaa jira” jechuun ibsee, wal dubbiin abbootii boondii kanaa waliiniis eger itti fufa jechuun gabaasi Rooyitarsi ibseera.
Oduun kun ibsa rhe wabeeffachuun akka gabaasetti, abbootiin boondii liqii isaanii keessa 15 % gad buusuu fi meeshaa yoo liqaan kuni hin deebine bakka bu’uu (Value Recovery Instrument) jedhamu hojiirra oolchuu kan dabalatu yoo ta’u, kunis mala dameen al-ergii Itiyoophiyaa waggoota dhufan keessatti ga’umsa cimaa yoo agarsiise liqaa akka deebisuu dandeesisuuf yaadame ta’uu ibseera.
Haa ta’u malee, koreen abbootii boondii, kanneen akka Morgaan Stanley Investment Management, Frankliin Templeton, VR Capital fi Farallon Capital dabalate , mariin kun addaan cituu isaatiifi baayyee mufachuu isaa ibsaniru.
Itoophiyaatti Yuurooboondiin Doolaara biiliyoona 1 Kibxata darbe gadi bu’uu ibsan, kunis jalqaba bara 2021 irraa eegalee sadarkaa olaanaatti dhihoo ta’us, doolaara tokkoo naannoo saantima 95tti daldalamaa jiraachuu ifoomsan.
Dhabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) guddina argame kana simachuun gama lachuu marii akka itti fufan jajjabeessee jira. Garuu xiinxaltoonni akka jedhanitti, rakkoon kun daangaawwan bu’uura waloo bara 2020tti Chaayinaa dinagdee Afrikaaf liqeessituu guddaa taate dabalatee liqeessitoota aadaa fi guddachaa jiran gidduutti tattaaffii liqaa hir’isuu qindeessuuf jalqabame kan mul’isudha.
“Bu’uurri Waliigalaa (Common Framework) dandeettii abbootiin dhuunfaa liqa haquu irratti akka hirmaatan taasisu hin qabu,” jedhan daayreektarri imaammataa garee duula filannoo Tiim Joons, kan Laandan keessatti argamu ‘Debt Justice’.
Dhimmi Ityoophiyaas walxaxaa ta’e kuni kan irraa madde, tilmaama diinagdee IMF irratti walii galtee dhabuu, abbootiin boondii daballii gatii warqee fi bunaa dabalu fa’a, shaqaxawwan ijoo lama kanneen meeshaalee al-ergii gurguddoo ta’an kuni ta’u hin qabu jechaan mormaniru. Mootummaan bara baajataa 2024/25tti galii al-ergii doolaara biiliyoona 8.3 galmeessee kan ture yoo ta’u, kunis tilmaama IMF doolaara biiliyoona 6.37 irraa baay’ee ol’aanaadha.
''Adeemsi irra deebiin saganteessuu liqaa harkifama jiru,'' jedhan xiinxalaan diinagdee Itiyoophiyaa UK keessa jiraatan Abdulmenan Mohaammad. “Mootummaan Itoophiyaa abbootii boondii haala addaatiin ilaaluu qaba.” Jedhaniru.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.