Ethiopia keessatti konkolaachiftoonni 40 ol ajjeeffaman.
Published Sept. 6, 2025, 3:23 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Ethiopia keessatti woggoota lamaan darban konkolaachiftoonni konkolaataa fe'umsaa 40 yoo ajjeefaman, 200 ol ammoo madaa'utu gabaafame.
Waggaa lamaan darban keessa qofa konkolaachiftoonni konkolaattota fe'umsaa daangaa ce'an 40 yoo ajjeefaman, kanneen 200 ol ta'an ammoo madaa'uusaanii Waldaan Konkolaachistootaa tokko biyyatti ibse.
Waldaan Konkolaachiftoota Daangaa Qaxxaamuraa Itoophiyaa naannolee biyyattii walitti bu'iinsaan miidhaman keessatti haleellaan konkolaattota fe'umsaa fi konkolaachiftootasaaniirratti raawwatamu dabalaa deemuun miidhaan haganaa qaqqabuu ibse.
Waldichi akka jedhetti, kanaan dura konkolaachiftoonni butamanii gadhiisuuf maallaqa guddaa gaafatamaa kan turan yoo ta'u, yeroo dhiyoo asitti garuu konkolaachiftoonni"konkolaataasaanii keessatti ajjeefamaa akka jiran ibse.
Haleellaan kunis irra caalaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti kan raawwatamu yoo ta'u, bakka humnoonni mootummaa gareewwan hidhatan waliin wal lolaa jiran keessatti ta'uu hubachiise waldichi.
Tibbuma darbe kana keessa naannoo Amaaraa magaalaa Addis Zaman keessatti konkolaattota humnoota tikaa mootummaatiin dabaalamanii deeman irratti dhukaasa banameen konkolaachisaan tokko lubbuun isaa darbuu ibsuun rakkoo kanan wal qabatees konkolaachiftoonni hedduun hojii gadi dhiisaa jiraachuu waldichi ibsee jira.
Similar posts:
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa kiiramuu keessatti weerara Finxaaleyyii Amaaraa bananiin jiraattotni baadiyyaa beelladoota isaanii ooffatanii godaanaa jiru.
Hayyuu Oromoo gameessa Piroofeesar Mohaammad Hasaniif beekkamtiin kennamuuf jedha.
Safaariikoom babal'ina hojii Itoophiyaa fi keeniyaa keessaaf dolaara miiliyoona 300 liqeeffachuuf akka jiru barame.
Oduu torban kanaa haala Oromiyaa fi Addunyaa .