Hayyuu Oromoo gameessa Piroofeesar Mohaammad Hasaniif beekkamtiin kennamuuf jedha.

Published Nov. 21, 2025, 12:58 p.m. by FNN Staff

199



ODUU FNN

Hawaasni Oromoo biyya Ameerikaa Joorjiyaa Atlaantaa jiraataan sagantaa beekkamtii Hayyuu Oromoo gameessa Piroofeesar Mohaammad Hasaniif kennuuf qophii xummuruu beeksisan. akka karoora sagantaa kanaatti Sadaasa 29 bara 2025 raawwachuuf akka qophiitti jiranis beekkamee jira.

Piroofeesar Mohaammad Hasan hayyuun  gameessi Oromoo oolmaa guddaa uummata Oromoof ooluu seenaan  isaanii kan dubbatu yoo tra'u, hayyuun seenaa kun seenaa uummata Oromoo addunyaatti beeksisuu keessatti qooda ol aanaa kan qabaniidha.

Qabsoo Oromoo keessattis akkasuma gumaacha olaanaa kan gumaachaniifi hojii guddaa hojachuun isaanii kan beekkamuudha. 

Hayyuun gumaacha isaaniitiin maqaa guddaa horatan kun beekkamtiin kennamuuf qophii jabaan taasifamaa jiraachuu Koreen Qindeessituu sagantichaa ifoomsanii jiru.


Similar posts:

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa kiiramuu keessatti weerara Finxaaleyyii Amaaraa bananiin jiraattotni baadiyyaa beelladoota isaanii ooffatanii godaanaa jiru.

Safaariikoom babal'ina hojii Itoophiyaa fi keeniyaa keessaaf dolaara miiliyoona 300 liqeeffachuuf akka jiru barame.

Oduu torban kanaa haala Oromiyaa fi Addunyaa .

Ministirri Muummee Masrii Mostaafaa Madbuuliin laga Abbayyaa ''dhimma jiraachuu malee araarama hin qabne'' jechuun ibsaniiru, Itiyoophiyaa waliin waldhabdeen haaromfame keessatti Masriin laga daangaa ce'u irratti hirkattummaa guddaa qabaachuu ishee c