Safaariikoom babal'ina hojii Itoophiyaa fi keeniyaa keessaaf dolaara miiliyoona 300 liqeeffachuuf akka jiru barame.

Published Nov. 21, 2025, 12:49 p.m. by FNN Staff

257



Safaariikoom baball'ina hojii Itoophiyaa fi keeniyaa keessaaf doolaara miliyoona 300 liqeeffachuufi; Obbo Ermiyaas Isheetuus  Dura Taa’aa Boordii Gorsaa Safaarikoom Itoophiyaa taasisuun muuduun beekkame.

Dhaabbanni Safaariikoom Abbaa Taayitaa Kaappitaala Gabaa Keeniyaarraa baballina bu’uraalee misoomaa Itoophiyaa fi Keeniyaa keessatti taasisuuf liqaa shiilingii biiliyoona 40 yookaan Doolaara Miiliyoona 300 ol akka argatu mirkanaa’uufiin gabaafame. 

Miidiyaaleen Keeniyaa kamisa kaleessa, Barreessaan Abbaa Taayitaa Kaappitaala Gabaa Keeniyaa Liindaa Meesaa Waambaanii, Safaariikoom akka boondiiwwan kanaaf oolan fayyadamuuf dhaabbatichi eyyamuu dubbachuu gabaasan. Sagantaan kun gabayaa boondii dhaabbilee daldalaa keeniyaa kan cimsudhaa jedhanii, dhiyeenyas bifuma wal fakkaatuun Dhaabbanni Iisti Afrikaan Biriiwerii haala kanaan shilingii biiliyoona 16.7 argachuu yaadachiisan. 

Dhaabbanni Safaariikoom giddu gala daataa isaa Itoophiyaa jiru guddisuuf, darbees neetworkii tajaajila kennuu kan dhaloota afrraffaa fi dhaloota shanaffaa gabbisuuf shiilingii biiliyoona 18 haga biiliyoona 21 baasii gochuuf karoorfatee jira. Tajaajilli Daataa kan galii guddaa Safaariikoom irraa argataa jiru akka ta’es ibsame. 

Gaazexaan Keeniyaa Biiznas Dayilii akka ifoomsetti Safaariikoom bara hojii 2026tti baasii shilingii biiliyoona 72 haga biiliyoona 78 ni baasa jedhameetu eegama erga jedheen booda, kana keessaa shilingii biiliyoona 54 haga biiliyoona 57 Keeniyaatti akka ta’us ibsameera. 

Gama biraatiin Dhaabbanni Safaariikoom Teelekoomunikeeshinsi Itoophiyaa, Obbo Ermiyaas Isheetuu, Dura Taa’aa Boordii Gorsaa Dhaabbatichaa taasisuun muudeera. Bitootessa 2025 gara Boordii dhaabbatichaa kan seenan Obbo Ermiyaas Sadaasa 10 irraa kaasuudhaan muudama kana argatanii jiran. 

Hoji Raawwachiisaan Safaariikoom, Piitar Indeenguwaa, muuxannoon Obbo Ermiyaas gama to'annoo maallaqaa fi bulchiinsaa irratti qaban dhaabbaticha jijjiiruuf kan fayyadu ta’uu ibsanii, kunis carraa gaggeessummaa lammileen Itoophiyaa dhaabbaticha keessatti qaban kan dhugeessu jedhan.


Similar posts:

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa kiiramuu keessatti weerara Finxaaleyyii Amaaraa bananiin jiraattotni baadiyyaa beelladoota isaanii ooffatanii godaanaa jiru.

Hayyuu Oromoo gameessa Piroofeesar Mohaammad Hasaniif beekkamtiin kennamuuf jedha.

Oduu torban kanaa haala Oromiyaa fi Addunyaa .

Ministirri Muummee Masrii Mostaafaa Madbuuliin laga Abbayyaa ''dhimma jiraachuu malee araarama hin qabne'' jechuun ibsaniiru, Itiyoophiyaa waliin waldhabdeen haaromfame keessatti Masriin laga daangaa ce'u irratti hirkattummaa guddaa qabaachuu ishee c