Oduu torban kanaa haala Oromiyaa fi Addunyaa .
Published Nov. 17, 2025, 6:12 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godina Harargee lixaa ona Ancaaritti humnoonni mootummaa dargaggoota 8 lubbuu dabarsuun barame.
Murni mootumma PP kan naasuu namaa hin qabne kutaalee Oromiyaa mara keessatti uummata nagaa jumlaan ajjeesuu, mana hidhaatti guuruun murtii tokko malee yeroo dheeraaf dararuu, Qabeenya qonnaan bultootaa saamuun kan beekkamu yoo ta’u, Godina Harargee lixaa Ona Ancaaritti maqaa hidhata WBO waliin qabdu jedhuun dargaggoota 8 bakka tokkotti rashanuun barame.
Maqaan namoota ajjeeffamaniis ammaaf kan nu qaqqabae,
- Abdurahman Mohammad Aliyyii
- Dursaa Umar Sheekhaa
- Najiib Husseen
- Muktaar Ahmad Nuuree
- Gurmeessaa Mohammad Zeeynii
- Naasir Haamidoo
- Iliyaas Ahmad Ammayyuu
8.Jaafar Shaafii Abraahimfaa kanneen jedhaman ta’uun baramee jira.
Bifuma wal fakkaatuun Godina Lixa Harargee Ona Odaa Bultum keessatti loltoonni mootummaa qonnaan bultoota jumlaan ukkaamsanii mana hidhaatti guuruun murtii tokko malee yeroo dheeraaf hiraarsaa jiraachuun barame.
Ona Odaa Bultum araddaa 33'ffaa keessatti namoota hedduu hidhuun hiraarsaa kan jiru yoo ta'u, isaan keessaa kan ammaaf maqaa arganne,Abdullaaxii Huseen Bokkuu dabalatee namootni hedduun murtii tokko malee ji'a lamaa oliif mana sirreessaa keessatti hirarfamaa akka jiran jiraattonni maddeeniif ifoomsanii jiru.Jiraattonni maddeeniif yaada kennan akka jedhanitti, dargaggoota kanneen qaamolee mootummaatu mana isaaniitii qabee jedhan. Namoonni kunneen badii qabaatanii osoo hin taane maqaa qabata wbo qabdu jedhuun akka hidhamanii dararamaa jiran jiraattoonni maddeeniif ifoomsanii jiru.
Gochi wal fakkaataan akkasii itti fufee kan jiru yoo ta’u, Godina Arsii Bahaa Ona Zuwaay Dugdaa keessattis nama maqaan isaa Shaamaashaa Shaalee Jiloo jedhamu mana isaa keessaa fuudhuun osoo gaaffii tokko hin gaafatin rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattonni maddeeniif himan. Namni kun abbaa ilma tokkoo yoo ta'u, siyaasa kam keessayyuu harka kan hin qabne fi jireenya isaa fooyyeeffachuuf jecha humnaa hojjachuun kan maatii isaa jiraachisu ta'uu fi hawaasa isaa keessatti ilaalcha gaarii qabaachuun namoota hedduu biratti jaallatamaa kan ture, akkasumas yakka isa ajjeesisu tokkollee kan hin qabne ta’uu jiraattonni maggeeniif himanii jiru.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Barattoonni yuunivarsiitiiwan garaagaraa mormii dhageessisaa oolaan.
Qajeelfama mootummaan baase kan barattoonni yuunivarsiitii barnoota isaanii waggaa 3ffaa xumuranii waggaa tokkoof tajaajila barsiisummaa akka kennan dirqisiisu bara barnootaa 2019tti hojiirra ooluun walqabatee barattoonni yunvarsitii guutuu biyyattii jiran guyaa har’aa hirira mormii gaggeessa oolaan.
Ergaawwan kunis waggaan turtii barattootaa yuunversitii dabaluu, haala qabiinsa barattootaa, hanqina tajaajila barnootaa fi jireenya kampasii irratti hunda'uun mormii isaanii hiriira gaggeessuun dhageessifachaa oolaan.
Waggaan Barnootaa Yuunversitii Dheerachuu Barattoonni hedduun turtiin yeroo barnootaa Yuunversitii akkaataa karoora barnootaa dura ture irraa dheerachuu isaa hordofuun barattoonni Yuunversitii biyyattii gara garaa keessa jiran irraa mormii guddaan Ministeera Barnootaa fi Bulchiinsa PP irratti dhosanii jiru.
Kaffaltiin cost share jedhamu, dachaan dabalaa jiraachuu isaa barattoonni himuun, dabaliinsa maallaqa kanaaf iftoomina dhabuu fi tarkaanfii daballii yeroodhaa yerootti ariitiin dabalaa dhufuun barattoota baay'ee yaaddessaa akka jirutu himame.
Kaffaltiin yeroo hunda dabalaa deema. Maatiin keenya harka qalleessa waan tahaniif haala kamiin akka barnoota keenya xumurru yaadda'aa baranna. Kanaaf amma immoo yaaddoon keenya itti nuuf dabalamee jedhan.
Rakkoon ijoo barattoonni kaasan keessaa inni guddaan nyaata kampasii irratti xiyyeeffata. Barattoonni qulqullinni nyaataa gadi bu'aa jiraachuu fi safartuun nyaataa kan qulqullina hin qabne ta'uu ibsan.
Yeroo biyyattiin yaaddoo nageenyaa keessa galtee kallatti hundaan nagaa dhabuun muddamaa jirtu kanatti barataan lubbuu isaatiif wabii waan hin qabneef magaalaa keessaa lafa hin beeknetti erguun sirrii mitis jedhan.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Namoonni dhuunfaa doktoorummaa kabajaa argatan ittiin waamamuun dhoorkaa ta’uu ministirri barnootaa beeksise.
Ammaan booda namoonni dhuunfaa Yuunivarsiitirraa Doktorummaan kabajaa kennameef akka mata dureetti ittiin waamamuun dhoorkaa ta’uu ministirri barnootaa beeksisee jira.
Ministirri barnootaa dubbii kana kan dubbate sadaasa 15/2025 konfiraansii barnootaa Magaalaa Finfinneetti taa'amerratti yoo tahu, Konfiraansii kanaan, Sababoota barattoonni qormaata kutaa 12ffaa dabran xiqqaa ta’eef qorannoon addaan baafamuu akka qabuus dubbatee jira.
Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa namoonni dhuunfaa doktoorummaa kabajaa argatan ''akka mata dureetti fayyadamuu'' akka hin dandeenye ibsuudhaan,badhaasni kabajaa Dhaabbileen barnoota oolanoo kennaa turan rakkoo akka qaban ibseeti jira.
Ministirichi kana kan ibsan Koreen Dhaabbii Dhimmoota Misooma Qabeenya Namaa, Hojii fi Teeknooloojii Mana Marii Bakka Bu'oota Ummataa gamaaggama raawwii hojii damee barnootaa kurmaana jalqabaa taasisaan yoo tahu, dhaabbileen barnoota ol’aanoo hojimaata walfakkaatu hordofuun barbaachisaa akka tahees akeekkachiiseeti jira.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Afrikaan weerara koleeraa waggoota 25 keessatti isa hamaa ta'e keessummeessaa jirti
Jiddu-galli To’annoo fi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa (CDC) akka jedhutti Afrikaan weerara koleeraa jaarraa afurtama keessatti isa hamaa ta’e muudataa jirti.
Jiddugalichi akka jedhetti namoonni kuma 300tti dhiyaatan vaayirasichaan qabamaniiru, gara kuma 7tti kan dhiyaatan ammoo du’aniiru, kunis kan bara darberraa %30 dabaleera.
Dhibeen kun dhiheenna kana Angoolaa fi Burundii keessatti baay’achaa dhufuu isaa CDCn beeksiseera, sababiin isaas weerarri vaayirasichaa wiirtuu weerarri kun itti mul’ate Koongoo keessatti to’annoo jala ooleera.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Meksikootti poolisiin 100 ta’an hiriira mormii keessatti miidhamaniiru.
Meksikootti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman mootummaan Pireezidaantii Kilaawudiyaa Sheenbaam mormuun hiriira bahan.
Walitti bu’iinsa hiriira kana keessatti uumameen poolisii 100 dabalatee namoonni 120 miidhamaniiru.
Akka Sheenbaam jettutti hiriirri magaalota biroo keessattis gaggeeffame kana namoota siyaasaa mootummaa ishee mormaniitti maallaqaan deeggaran.
Hiriirri dargaggoota Gen Z qophaa’e kun, deeggarsa lammiilee biyyattii argateera, keessattuu kanneen ajjeechaa namoota aangoo irra jiranii morman.
Torbe darbe kantiibaan magaalaa Urupaan Kaarlos Manzoo kan kaarteelii qoricha sammuu namaa hadoochu daldalan irratti tarkaanfiin cimaan akka fudhatamu waamicha dhiyeessuun beekamu ajjeefamee ture.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Iraan Hulaa murteessaa ittiin boba'aan darbu hulaa Hormuzitti doonii fe'umsaa to’atte.
Koreen Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan (IRGC) Jimaata ganama hulaa Hormuzitti doonii boba'aa to’achuu mirkaneesseera.
Dooniin alaabaa Odoola Maarshaal qabu kun Yunaayitid Arab Emireet (UAE) irraa gara Singaapoor deemaa ture.
Doonichi ''fe'umsa hayyama hin qabne baachuudhaan seera cabse'' jedha IRGC'n. Ta’us seera kami akka cabse bal'inaan hin ibsine.
Doonii kun boba’aa fe’atee akka ture gabaasni ni argisiisa.
Iraan yeroo garaagara taankerootaafi dooniiwwan fe’umsaa Galoo Galaana Pershiyaa keessaa fi naannoo isii imalan to’ataa turte.
Hulaan kun daandii doonii addunyaa ijoo kan boba’aa fi gaazii uumamaa ittiin darbuudha.
Iraan waggootaaf qoqqobbii warra lixaa fi tarkaanfiiwwan biroo isaan irra ka’aniif haaloo ba’uuf Hulaa Hormuz (Strait of Hormuz) cufuuf doorsisaa turte.
Wal haleellaan misaa'elaa Israa'eliifi Iraan jidduutti gaggeeffame hordofee Iraan ni cufti jedhamee yaaddoon akka ture ni yaadatama.
Jikinni boba'aa addunyaa kanaa harka shan keessaa tokko kan ta'u karaa hulaa qarqara galaanaa dhiphoo bal'ina kilomeetira 40 qabuu kana keessaan darba.
Iraan hulaa kana cufuuf yaaduu dandeessi jedhan ajajaan humna galaanaa biyyatti.
Similar posts:
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa kiiramuu keessatti weerara Finxaaleyyii Amaaraa bananiin jiraattotni baadiyyaa beelladoota isaanii ooffatanii godaanaa jiru.
Hayyuu Oromoo gameessa Piroofeesar Mohaammad Hasaniif beekkamtiin kennamuuf jedha.
Safaariikoom babal'ina hojii Itoophiyaa fi keeniyaa keessaaf dolaara miiliyoona 300 liqeeffachuuf akka jiru barame.
Ministirri Muummee Masrii Mostaafaa Madbuuliin laga Abbayyaa ''dhimma jiraachuu malee araarama hin qabne'' jechuun ibsaniiru, Itiyoophiyaa waliin waldhabdeen haaromfame keessatti Masriin laga daangaa ce'u irratti hirkattummaa guddaa qabaachuu ishee c