Poolisiin naannoo Somaalee daangaa darbee dhufee magaalaa Dirree Dhawaatii akkuma fedhetti namoota hidhaa jedhan jiraattonni.
Published Sept. 24, 2025, 11:50 a.m. by FNN Staff
Jiraattonni yaada isaanii kennan akka jedhanitti, poolisiin naannoo Somaalee tibbana magaalaa Dirree Dhawaatii namoota hedduu butuu himuun haalli kun baay'ee ulfaata jedhan.
Barsiisaa tokko butanii erga fudhatanii booddee lubbuu dabarsuu kan himan jiraattonni, namoota biroo hedduu butanii gara naannoo Somaalee geessanii jedhan.
Yeroo poolisiin naannoo Somaalee daangaa darbee kana hunda raawwatu, poolisiin magaalattii, poolisiin federaalaa fi raayyaan ittisa biyyaa magaalaa sana buufatanii jiran maaliif jedhaniituu akka hin gaafanne jiraattonni himatu.
Uummanni yoo gaaffii gaafate ajajni nuuf hin kennamnee jechuun deebii akka kennaniifis dubbataniiru.
Poolisiin naannoo Somaalee tibba darbe magaalaa Dirree Dhawaa seenee haleellaa raawwateen dubartiin ulfi lubbuun darbuu kan yaadatamu yoo ta'u, Haqni dubartii kanaa awwaalamee, qaamni haleellaa kana raawwate gaafatamaa otoo hin ta'in hanga yoonaa jira jechuun jiraattonni komatu.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.