Balaa tiraafikaa Naannawa Daseetti mudateen namootni 12 du’an, 49 miidhaan irra gahe

Published Sept. 24, 2025, 12:36 p.m. by FNN Staff

494



ODUU FNN

Balaa tiraafikaa Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaa, Ona naannawaa Daseetti mudateen namootni 12 du’uun himame. 

Ajajaan Qajeelcha Poolisii Onichaa Komaandar Sa’iid Mohaammad, konkolaataan geejjiba ummataa Makaana Salaam irraa ka’ee deemaa ture Ona Naannawa Dasee bakka addaa Daabaa Maglabiyaa jedhamu tti garagalee miidhaan namootarra gahuu mirkaneessan. 

Balaa kanaanis namootni 12 battala yoo du’an, 49 balaa cimaa fi salphaan irra gahuus dabalanii dubbataniiru. Balaa kanaan warri miidhaan irra gahe yaala argataa akka jiran ka dubbatan Komaandar Sa’iid, ka’umsi isaas qoratamaa akka jirus ibsuu isaanii maddeen gabaasanii jiru.


Similar posts:

Itoophiyaatti daa’imman hanqina midhaan nyaataa cimaaf saaxilaman kuma 100 ol yaaluu UNICEF gabaase

Albaaniyaatti himatamaan dhaddacharratti abbaa murtii ajjeese.

Godina wallagga Bahaa Ona Guutoo Giddaa Bulchiinsa Magaalaa Luugootti, Finxaaleyyiin Amaaraa daa’ima ganna 5 ajjeesuun barame.

Hojjettoonni fayyaa mormii Eegaluuf Jedhame.