Hojjettoonni fayyaa mormii Eegaluuf Jedhame.
Published Sept. 14, 2025, 1:15 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Hojjettoonni fayyaa Fulbaana 5 irraa eegalee mormii gaggeessuuf akka jiran barame.
Amnesty International akka gabaasetti Kaffaltiin fooyya’aa fi haalli jireenyaa fooyya’aa ta’e ammallee gaaffilee hojjettoonni fayyaa kaasan keessaa tokko ta’uus beeksisee jira.
Mootummaan gaaffilee kanaan dura hojjettoonni fayyaa kaasan kanneen akka haala hojii fooyya’aa uumuu, mindaa gatii madaalawaa, inshuraansii fayyaa, tajaajila mana jireennaa fi geejjibaa uumuuf deebii kennuu cinaatti dhiisee hojjettoota fayyaa hidhaa turuun kan beekkamuudha.
Kana malees,Mootummaan Waldaa Hojjettoota Fayyaa Ogeessota Itiyoophiyaa diiguu yaadachuun, mootummaan deebii sirrii kennuuf fedhii dhabuun himatamaa turuuniis ni beekkama.
Kanaan wal qabateeti mormiin marsaa lammaffaas akka adeemsifamu kan dirqamne jedhan Barsiisonni yaada isaanii kennan.
Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, Gaazexeessitoonni Raadiyoo Sheger 5 waa’ee mormii hojjettoota fayyaa dhufu dubbatan hidhamuunis waadaa mootummaan dhiheenya kana mindaa fi faayidaa biroo fooyyessuuf gale irratti shakkii keessa nu galchee jedhan.
Nuti humnaa fi ogummaa keenya osoo hin qusatin uummata keenya tajaajilaa bakka jirrutti, gaaffii mirgaa waan gaafanne qofaaf nu hidhuu fi nu dararuun tuffii Mootummaan nuuf qabu kan agarsiisudha jedhan.
Kunimmoo amaluma Mootummaa kanaa waan ta’eef ammas gaaffii keenya gaafachuuf duubatti hin jennu jedhan.
Similar posts:
Itoophiyaatti daa’imman hanqina midhaan nyaataa cimaaf saaxilaman kuma 100 ol yaaluu UNICEF gabaase
Albaaniyaatti himatamaan dhaddacharratti abbaa murtii ajjeese.
Balaa tiraafikaa Naannawa Daseetti mudateen namootni 12 du’an, 49 miidhaan irra gahe
Godina wallagga Bahaa Ona Guutoo Giddaa Bulchiinsa Magaalaa Luugootti, Finxaaleyyiin Amaaraa daa’ima ganna 5 ajjeesuun barame.