Godina wallagga Bahaa Ona Guutoo Giddaa Bulchiinsa Magaalaa Luugootti, Finxaaleyyiin Amaaraa daa’ima ganna 5 ajjeesuun barame.
Published Sept. 19, 2025, 8:54 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godina wallagga Bahaa Ona Guutoo Giddaa Bulchiinsa Magaalaa Luugootti, Finxaaleyyiin Amaaraa daa’ima ganna 5 ajjeesuun barame.
Humnoonni Finxaaleyyii kun irra deddeebiidhaan daangaa ce’anii ummata kumaatamaan lakkaa’amu buqqisuu, ajjeessuu, saamufii dararaa hedduu irraan ga’aa turuun kan beekkamuudha.
Haaluma Kanaan guyyaa wiixataa Fulbaana 15/2025 Godina wallagga Bahaa Ona Guutoo Giddaa Bulchiinsa Magaalaa Luugootti, Finxaaleyyiin Amaaraa daa’ima ganna 5 maqaan isaa Milkiyaas Habtaamuu Sanbatoo Jedhamu ajjesuun barame.
Daa’ima kana manuma maatii kessatti galgala keessaa toora sa’aa tookkootti rasaasa ittii roobsanii ajjeesuu maatiin dubbatanii jiru.
Bulchitoota gandaa dabalatee caasaan Mootumma galgala keessa toora sa’aa tokkootti mana nyaataa kiyyaa fayyadamuu yeroo isaan dhuffanitti ani dadhabeen gadi ciisee ture. mucaankoo bilbila na harkaa fuudhee ittiin taphataa osoo jiruu humnoota Kanaan kanuma rasaasni itti roobsamen argee jedha abbaan mucaa.
Similar posts:
Itoophiyaatti daa’imman hanqina midhaan nyaataa cimaaf saaxilaman kuma 100 ol yaaluu UNICEF gabaase
Albaaniyaatti himatamaan dhaddacharratti abbaa murtii ajjeese.
Balaa tiraafikaa Naannawa Daseetti mudateen namootni 12 du’an, 49 miidhaan irra gahe
Hojjettoonni fayyaa mormii Eegaluuf Jedhame.