Albaaniyaatti himatamaan dhaddacharratti abbaa murtii ajjeese.

Published Oct. 7, 2025, 12:43 p.m. by FNN Staff

367



ODUU FNN

Albaaniyaatti himatamaan dhaddacharratti abbaa murtiitti dhukaasuun ajjjeese. 

Abbaan murtii Astriit Kalajaa mana murtii magaalaa guddoo biyyattii keessa argamutti itti dhukaafamee osoo gara hospitaalaa geeffamuu lubbuun darbe. 

Abbaan murtii kun oliyyannoo wal-dhibdee qabeennaarratti fudhatame osoo dhaggeeffataa jiraniiti kan itti dhukaafame. 

Dhaddacharra warra turan keessaa abbaafi ilmi itti dhukaafamus lubbuun oolaniiru. 

Poolisiin nama waggaa 30 to'annoo jala oolchuu beeysiseera. 

Ministirri Muummee biyyattii Edii Raamaa maatii abbaa murtii kanaaf jajjabina dhaameera. Yakka mana murteerratti raawwate kanaaf murteen ol'aanaan akka kennamu hime. 

Mooraa manneen murtii keessatti eegumsi nageennaa akka cimu, hidhannoo meeshaa waraanaa seeraa alaarrattis adabbiin akka jabaatu dhaameera.


Similar posts:

Itoophiyaatti daa’imman hanqina midhaan nyaataa cimaaf saaxilaman kuma 100 ol yaaluu UNICEF gabaase

Balaa tiraafikaa Naannawa Daseetti mudateen namootni 12 du’an, 49 miidhaan irra gahe

Godina wallagga Bahaa Ona Guutoo Giddaa Bulchiinsa Magaalaa Luugootti, Finxaaleyyiin Amaaraa daa’ima ganna 5 ajjeesuun barame.

Hojjettoonni fayyaa mormii Eegaluuf Jedhame.