Namoonni nagaa mana hidhaa magaalaa Holotaatti dararamaa jiraachuun barame

Published Sept. 19, 2025, 2:38 p.m. by FNN Staff

565



ODUU FNN

Shaggar dhiyaa Magaalaa Hoolataatti namoonni hedduun maqaa hidhata WBO qabdu jedhamuun qajeelcha poolisii magaalichaa keessatti hidhamanii dararamaa jiraachuu maatiin hidhamtootaa maddeenitti himan.

Namoota kanneen keessattis  dubartoonni abbaan warraa kee bosona jira jedhamuun hidhamanii dararamaa jiran heddun jiraachuus baramee jira. Namoonni kunneen ji'a afuriifii isaa ol achi keessatti rakkachaa kan jiraniifii nyaatallee nama geessuuf kan hin qabne dha jedhame.

Namoonni kun jiraattota ona Ada'aa Bargaa, Meettaa Roobii, Meettaa Walqixxee fi Abuunaa Gindibarat irraa bakka maatiin illee hin gaaffannetti warra rakkifamaa jiran ta’uus baramee jira.

Maqaan namoota muraasaa bifa kanaan dararamaa jiranii 

1. Dajanee Dabalaa 
2. Daani'eel Dabalaa 
3. Taamiruu Dhaabaa
4. Eebbisaa Kabbadaa 
5. Tuchoo Kumaa
6. Caalaa Turaa
7. Doqosaa Dheeressaa
8. Birhaanuu Katamaa
9. Tukkuu Baayyisaa
10. Manoo Ejjetaa
11. Abbabaa Caalchisaa
12. Dhaabaa Gabbisaa 
13. Girmaa Asheetuu
14. Girmaa Kabbee
15. Eeliyaas Qalbeessaa
16. Galaanaa Naggasaa 
17. Wayyeessaa Baayyisaa
*Dabballee 
1. Tolasaa
2. Yaadasaa Guutaa
3. Safisaa Kabbabaa
4. Taaddasaa Sanbataa 
5. Dabuu Leelloo
6. Taaddee Baayyee
7. Labataa kabbabaa
8. Kabbabaa Taaddasaa
9. Tufaa Kafanaa
10. Warquu Tuujubaa
11. Urgeessaa Arafaa
12. Didhaa Baqqalaa
13. Dheeressaa Lammeessaa
14. Dheeressaa Fufaa
15. Dastaa Tolasaa
16. Isaayyas Aberraa
17. Dabalaa Fayyisaa
18. Katamaa Anbassaa
19. Baayyisaa Sobbooqaa 
20. Rabbirraa Toleeraa
21.  Amaanu'el Taarikuu
22. Baayyisaa Dirribaa 
23. Tolasaa Waaqee kanneen jedhaman warra maqaan isaanii nu gahe dha.

 

 

 

 

 


Similar posts:

Komishiniin Gamtaa #Awurooppaa waliigaltee daldalaa Israa'el waliin qabu dhabuuf yaada dhiyeesse

Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Xummurame.

Humnaan qabsoon godhamu Ameerikaa fi Deenmaark jidduutti hammaataa dhufe.

Kibba baha Suudaanitti haleellaa dirooniitiin namoonni 27 ajjeefaman.