Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Xummurame.
Published Sept. 9, 2025, 3:34 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Xummurame.
Ministeera duraanii mallazenawidhaan wagga 14 dura ijaarsi isaa kan eegalee, Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi, har’a Fulbaana 9/2025, eebbifameera.
Sirna eebba Hidha guddichaa kanarratti Ministira muummee Abiy Ahmad, Dippiloomatonni fi hoggantoonni biyyoota garaagaraa, Hoji-gaggeessaan Projektichaa Injinar Kiflee Horoo dabalatee hawwasni biyyatti bakka argamanitti sirni eebbichaa raawwatamuun baramee jira.
Eebba pirojaktii kanaa irratti gagegessawwan biyyoottan ollaa, Prezidantii Keeniyaa Wiiliyaam Samooyi Ruuttoo, Prezdantii Jabuutii Ismaa’el Oomar Giillee, fi Prezidantii Sudaan Kibbaa Saalvaakir irratti argamuuniis beekkamee jira.
Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi kunis walii galaan bishaan Meetir Kuubii Biiliyoona 74 kan qabatuu fi humna elektirikaa Meegaa Waatii 5150 kan maddisiisuudhas jedhame.
Kanaanis wal qabatee midiyaaleen addunyaa hedduun gabaasaa ooluu fi jiraattonni biyya keesssas karaarratti hirira ba’uun gammachuu ibsachuun isaanii baramee jira.
Similar posts:
Namoonni nagaa mana hidhaa magaalaa Holotaatti dararamaa jiraachuun barame
Komishiniin Gamtaa #Awurooppaa waliigaltee daldalaa Israa'el waliin qabu dhabuuf yaada dhiyeesse
Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.
Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.