Komishiniin Gamtaa #Awurooppaa waliigaltee daldalaa Israa'el waliin qabu dhabuuf yaada dhiyeesse

Published Sept. 19, 2025, 7:01 a.m. by FNN Staff

320



ODUU FNN

Komishiniin gamtaa Awurooppaa yaada daldala bilisaa Israa’el waliin dhaabuu fi ministeerota Israa’el lama irrattis qoqqobbii  kaa’uuf yaada dhiheessera, kunis  tarkaanfiiwwan hariiroo Israa’elii fi Gamtaa Awurooppaa irratti madaallii guddaa kan bakka bu’u ta'uun ibsame.

 

Pirezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuulaa voon deer Leyeen Roobii darbe yaada kan Mana Maree Gamtaa Awurooppaatti erga dhiyeessan booda, ''Taateewwan suukaneessaan guyyaa guyyaan Gaazaatti raawwatamaa jiran dhaabbachuu qabu,'' jedhaniru.

 

Itti dabaluunis "dhukaasa hatattamaan dhaabuu fi gargaarsi namoomaa danqaa tokko malee Gaazaa dhaqqabuu, booji'amtoota Hamaasii kan qabaman hunda haala duree tokko male gadhiifamuu akka qaban dhaameera"

 

Tarkaanfiin kun kan fudhatame humnoonni Israa’el magaalaa Gaazaa irratti haleellaa lafoo erga jalqabanii guyyaa tokko booda yoo ta’uu fi qorannoon Gamtaan Mootummootaa gaggeesse Israa’el duguuggaa sanyiitiin yakkamaa ta’uu ishee erga mirkaneessee boodadha.


Similar posts:

Namoonni nagaa mana hidhaa magaalaa Holotaatti dararamaa jiraachuun barame

Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Xummurame.

Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.

Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.