Finfinneetti Lafti Sigigaachuun Namoonni Hedduun Buqqa’uun Barame.
Published Sept. 18, 2025, 1:19 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Magaalaa Finfinnee naannoo kondominiyeemii Mikiiliilaandi jedhamutti sababa sigiga lafaa muudateen namoonni 150 qa’ee isaanni irraa akka fagaatan taasifamuu hojii gaggeessaan olaanaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Inginar Wandimuu Seetaa ibsan.
Balaan sigiga lafaa kun dallaa kondominiyeemii Mikiiliilaandii Bilookii 13ffaa, akkasumas dallaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi giddu galeessaa Mikiiliilaandi irrattis miidhaa geessisiuu hojii gaggeessaan olaanaa kun ibsaniru. Haaluma wal fakkaatuun balaan kuni ona 14 mana amantaa tokko keessatti kan argamu mana barumsaa daa’immanii tokko keessatti mana fincaanii irrattis miidhaa walfakkaataa qaqqabsisuun ibsamee jira.
Miidhaan dhaqqabe mallattoon akka agarsisetti jalqaba walakeessa ji’a Hagayyaatti akka jalqabe yaadachisuun yeroo sanatti daandii kondominiyeemii duubaa irratti babbaqaquun mul'achuu akka jalqabe hubachiiseera. ''Sigiga lafaa kuni kan jalqaba ji’a hagayyaa ta’us , boodarra garuu keessumaa walakkeessa Hagayyaa irraa eegalee biyyeen baayyee laaftuu fi bishaan baay'ee yeroo kuusuu gadi bu'uuf balaa kanaaf akka saaxilame” jechuun ibseera
Kuni yoo laalamu jiraatoota bilookii 123 yoo ta’u, abbaan warra achi keessa jiratan kan baayinan gara 4,272 tti siqan balaa kanaaf saaxilamuu eeranii, kun hundi biishaan roobaa kan gamoo kan irraa dhufu gara lagaatti seenuun ka’umsa akka ture ibsaniru.
Haa ta’u malee, boolli lolaa naannoo manneen jireenyaa kondominiyeemii balfa gosa adda addaatiin waan cufamaniif bishaan gara lagaatti hin yaa’u; achitti qofa dhangala'an jedhan. Guyyoota darban kan keessa naannoo Kondominiyeemii Mikiiliilaandi Blook 13 tti balaa kana ittisuuf jecha miseensonni maatii 150 ol mana isaanii keessaa baafamuu isaanii ibsaniiru.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.