Sochiin waldaalee siiviilii hawaasaa Itoophiyaa dhiphachuunsaa gabaafame.

Published Sept. 17, 2025, 1:16 p.m. by FNN Staff

474



ODUU FNN

Sochiin waldaalee siiviilii hawaasaa Itoophiyaa dhiphachuusaa biyyoottan 42 Gamtaa Mootummootaaf ibsa ergan

Hiyumaan Raayits gama isaatiin ibsa isaan labsiin ragga’uuf dhiyaate kun mootummaa federaalaaf aboo daangaa hin qabne kan dhaabbilee mitimootummaa ittiin to’atu kennaaf jechuun miseensotni paarlaamaa biyyattii labsii fooyya’e kana akka didanii kuffisan gaafateera.

Dhaabbileen kabaja mirga namoomaaf falman kun lameenuu mootummaan Itoophiyaa akka fooyya’iinsa labsii kana dhaabu, qaamoleen idila addunyaa akka dhiibbaa taasisanis gaafataniiru.
Biyyoonni ibsa waloo baasan kunneen “lakkoofsi sarbama mirga namoomaa fi dhiittaa qooda fudhattoota mootummaa fi miti-mootummaan  raawwatamuun sodaachuu itti fufaniiru,” jechuun Waajjirri Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa gabaasa bara 2024 baaseen galmeesse. Dabalataanis, gabaasa Barreessaa Muummicha Daa’immanii fi Waldhabdee Hidhannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bara 2025 baase caqasuudhaan, “ajjeechaa fi qaama hir’isuu daa’immanii, miidhaa saalaa daa’imman irratti raawwatamuu fi daa’imman butamuu dabalatee sarbamoonni cimaan daa’imman irratti raawwatamu baay’ee dabaluu isaatiin” yaaddoo guddaa akka qaban ibsaniiru.

“Mootummaan Itiyoophiyaa fi qooda fudhattoonni biroo hundi Amaaraa, Oromiyaa, Tigraay dabalatee naannoo walitti bu’iinsaa keessatti sarbiinsa fi dhiittaa mirga namoomaa itti fufee jiru dhaabuuf tarkaanfii qabatamaa akka fudhatan waamicha goona,” jechuun ibsichi itti dabalee ibse.

 “Ajjeechaa fi miidhaan namoota nagaa, darara haala hamaa, dirqiin dhabamsiisuu, sababa malee qabuu fi hidhuu, fi haleellaan bu’uuraalee lammummaa irratti raawwatamu, akkasumas qoccolloo guddaa saalaa fi koorniyaa irratti hundaa’e qooda fudhattoota adda addaatiin raawwatamu hatattamaan akka dhaabbatu gaafateera.” Biyyoonni kun aangawoonni mirga namoomaa guutuu biyyattiitti akka kabachiisan, haqaa fi itti gaafatamummaa akka mirkaneessanii fi “mala miidhamaa fi namoota lubbuun hafan giddu galeessa godhate” akka fudhatan dhiibbaa godhaniiru.
Biyyoottan kunneen ibsa isaaniitiin raawwii hojii haqaa biyyattii lafarra harkifachuu isaas qeeqaniiru. “Yakkawwan yeroo yeroon raawwataman ilaalchisuun gara haqaatti fiduun warreen jidduu kanatti miidhameef qofa boqonnaa fiduu qofaa utuu hin taane, nageenya waarawaa fi araara biyyattii keessatti buusuuf baayyee barbaachisaa dha” jechuun ibsa isaanii keessatti eeran.

Biyyoottan kunneen, mootummaan Itoophiyaa qaamolee kabaja mirga namoomaa kanaaf falmanii fi Gamtaa Mootummootaa waliinillee akka qindoominaan hojjatu gaafatanii, warreen walitti bu’iinsa kana fuulduratti oofuu fedhanis kanarraa of qusatuun gara marii nageenyaattii haa dhufan jechuun akeekkachiisan.


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.