Lakkoofsi barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatanii waggaa waggaan gadi bu'aa jiraachuun barame.

Published Sept. 16, 2025, 2:13 p.m. by FNN Staff

472



ODUU FNN

Akka ragaan qabxii barattota bara 2017 guyyaa kaleessa Fulbaana 5/2018 baye agarsiisutti, lakkoofsi barattoota qormaata biyyaalessaa darban fooyya’iinsa agarsiisus, lakkoofsi barattoota qormaata kana fudhatan garmalee gadi bu’aa jiraachuun beekkamee jira.

 

Bara 2017tti lakkoofsi barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan 581,905 yoo ta’u, kana keessaa 48,929 (dhibbeentaa 8.4) qofatu darbe. Lakkoofsi kun kan waggoota darbanii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu baay’ee gadi bu’aadhas jedhame. Fakkeenyaaf bara 2014 barattoonni 896,520 qormaata fudhataniiru. Lakkoofsi barattoota qormaata fudhatanii hir’achuun barattoota kutaa 12ffaa qofa irratti kan daangeffame akka hin taanees ibsanii jiru.

 

Akka gabaasni Dhaabbata Gargaarsa Daa’immanii Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) ibsutti, akka biyyaatti daa’imman miliyoona sagal ol sababa walitti bu’iinsaa, buqqa’iinsaa fi balaa uumamaatiin barnoota ala ta’aniiru. Gabaasni kun; Manneen barnootaa kuma 6 ol cufamuu fi manneen barnootaa kuma 10 ol miidhamuu ykn guutummaatti barbadaa’uu himaniiru.

 

Kana malees naannoon daa’imman baay’inaan barnootaan ala ta’an naannoo Amaaraa yoo ta’u, daa’imman miliyoona 4.4  ni ta’u. Oromiyaa keessatti barattoonni miliyoona 3.2, Tigraayitti ammoo miliyoona 1.2 ta’an daree barnoota irraa fagaachuu beeksisee ture.


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.