Haleellaa Qaatar irratti Israa'eliin raawwatte hordofuun Turkiin Paatroolii Qilleensaa eegalte.
Published Sept. 14, 2025, 1:56 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Turkiin Haleellaa Israa'el Qaatar irratti raawwatte hordofuun Paatroolii Qilleensaa eegalte jiraachuu marsariitiin Middle East Eye beeksise.
Humni Qilleensaa Turkii haleellaa Israa’el Doha irratti raawwatte hordofuun buufataalee Diyarbakir fi Malatya irraa xiyyaarota waraanaa walduraa duubaan furgugsuunis barame.
Xiinxalaan humna ittisaa Turkii tokko akka jedhetti, Turkiin yoo daangaan qilleensaa ishii sarbame biyya Jeettii Ameerikaa F-35 qilleensa irra kuffiftu ta’uu dandeessi jechuun ibse.
Turkiin yoo barbaachisaa ta’e tarkaanfii cimaa fudhachuu akka dandeessu maddi Ankaaraatti dhihoo ta’e mirkaneessuun akkas jedhee jira;
Erga Waraana laafaa booda miseensa NATO kan jalqabaa xiyyaara Raashiyaa kuffifne turre! Yoo muddamni kun hammaates F-35 kuffisuun kan jalqabaa ta'uu dandeenya jechuun dhaadate.
Similar posts:
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa kiiramuu keessatti weerara Finxaaleyyii Amaaraa bananiin jiraattotni baadiyyaa beelladoota isaanii ooffatanii godaanaa jiru.
Hayyuu Oromoo gameessa Piroofeesar Mohaammad Hasaniif beekkamtiin kennamuuf jedha.
Safaariikoom babal'ina hojii Itoophiyaa fi keeniyaa keessaaf dolaara miiliyoona 300 liqeeffachuuf akka jiru barame.
Oduu torban kanaa haala Oromiyaa fi Addunyaa .