Godinaalee Oromiyaa keessatti humnoonni Mootummaa yakka sukkaneessaa raawwachaa jiruu jedhame.
Published Sept. 14, 2025, 2:41 p.m. by FNN Staff
ODUU FN
Godina Lixa Shaggar Onoota adda addaatti gudeeddin loltoota mootummaatiin, haawwan Oromoo fi daa’imman dabalatee shamarran irratti raawwatamaa jiru jabaachaa jiraachuu jiraattonni maddeen keenyatti himan.
Humnoonni Mootummaa naasuu namaaf hin qabne, Duudhaa fi safuu sabaa kan hin beekne, naamusa waraanummaan ala bahanii fedhii murna tokkoo kabachiisuuf bobba’an, haadha fi daa’imman xixinnoo irratti yakkoota farra namoomaa raawwachuun kan durii caalaa jabaatee kan itti fufee jiru ta’uun baramee jira.
Bifuma Kanaan godina Lixa Shaggar Onoota adda addaa keessatti gochoota sukkaneessoon gudeeddii raawwachaa jiran cimsanii itti fufuun uummanni rakkoo hamtuu keessa jiraachuu maddeen jiraattota dubbisan addeessanii jiru.
Haaluma kanaani Lixa_Shaggar Abuunaa Gindabarat ganda Qarree Biitee araddaa Galaaniitti waraanni Mootummaa abbaa irree yakkoota gudeeddii akka raawwatan himuun, taateewwan kun Fulbaana 12,2025 walakkeessa halkanii kan raawwatame jedhan.
Bifuma Kanaan maqaa maatii gochi sukkaneessan kun irratti raawwatame ammaaf arganne kan armaan gadii kana yoo ta’an.
. Mucaa Obbo Badhaadha Galataa shamarree ganna 14,
.Mucaa Obbo Tasfaayee Abarraa shamarree ganna 13
.Adde Shukkee Abdataa haadha ijoollee 5
.Haadha manaa Obbo Haftaamuu Amantee
.Haadha manaa Obbo Dhinsaa Didhaa
. Haadha manaa Obbo Taaddasaa Nagaasaa warra jedhamanirraatti gochi kun kan raawwatame yoo ta’u, halkanuma sana Mana Obbo Shaambee Abarraas cabsanii seenuun yaalii irratti raawwachuu maddeen keenya nuuf ibsanii jiru.
Haalli nuti keessa jirruu hamaa waan ta’eef uummanni sagalee walii taanee mootummaa kana ofirraa fonqolchuu qofa falli keenya jechuuniis
Similar posts:
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa kiiramuu keessatti weerara Finxaaleyyii Amaaraa bananiin jiraattotni baadiyyaa beelladoota isaanii ooffatanii godaanaa jiru.
Hayyuu Oromoo gameessa Piroofeesar Mohaammad Hasaniif beekkamtiin kennamuuf jedha.
Safaariikoom babal'ina hojii Itoophiyaa fi keeniyaa keessaaf dolaara miiliyoona 300 liqeeffachuuf akka jiru barame.
Oduu torban kanaa haala Oromiyaa fi Addunyaa .