Waraanni Biyyoolessaa Somaalee fi humnoonni naannolee wal ta’uun haleellaa Guddaa Al-Shabaab irraa isaan muudate qolatan

Published Sept. 13, 2025, 10:49 a.m. by FNN Staff

517



ODUU FNN

Waraanni Biyyaalessaa Somaaliyaa humnoota biyya keessaatiin deeggaramuun haleellaa guddaa al-Shabaab ona El-Dheer keessatti raawwatame ofirraa qolachuun hidhattoota 60 ol ajjeesuun, 50 ol madeessuu qondaaltonni mirkaneessan.
 
Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaaliyaa Ahimad Mohaalim Fiqii haleellaan kun osoo hin bari’in raawwatamuun  al-Shabaab irratti kasaaraa guddaa fiduu ibsaniiru. “Lakkoofsi  diinota du’anii 60 ni caala, haleellaa fashalaa’e kanaan namoonni 50 ol madaa’aniiru,” jechuun hidhattoonni hedduun lubbuun qabamuu isaanii  himuu SONNA gabaaseera. 
 
Namoota ajjeefaman keessaa hoggantoonni ol’aanoo Al-Shabaab lama, Daadullaa fi Sabiir kan  jedhaman isaan tokko ta’uu ibsi  ni mul’isa. Hidhattoonni kunneen du’aa isaanii hedduu duubatti hambisuu dheessuf dirqaman jedhan Fiqiin. 
 
Waraanni Biyyaalessaa Somaaliyaa fi humnoonni biyya keessaa   hidhattoota baqatan hordofuuf hanga kiiloo meetira 20 aanichaan alatti sochii itti fufaniiru.


Similar posts:

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa kiiramuu keessatti weerara Finxaaleyyii Amaaraa bananiin jiraattotni baadiyyaa beelladoota isaanii ooffatanii godaanaa jiru.

Hayyuu Oromoo gameessa Piroofeesar Mohaammad Hasaniif beekkamtiin kennamuuf jedha.

Safaariikoom babal'ina hojii Itoophiyaa fi keeniyaa keessaaf dolaara miiliyoona 300 liqeeffachuuf akka jiru barame.

Oduu torban kanaa haala Oromiyaa fi Addunyaa .