Burukiinaa Faasoon Afrikaanotaaf Viizaa bilisaa eeyyamuu Beeksifte.!
Published Sept. 12, 2025, 2:24 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Burukiinaa Faasoo Afrikaanota garas imalaniif kaffaltii malee akka Viizaa argatan beeksiste.
Biyyattiin viizaa bilisaa kan eyyemteef imala daawwattootaa si'eessuu fi sochiin shaqaxoota garaa garaas akka saffisuuf ta'uun beekkame.
Ministeerri Nageenyaa Burkinaa Faasoo Mahaammuuduu Sababaa, "Ammaa eegalee Lammii biyyoota Afrikaa, gara Burkinaa Faasoo dhufu irraa kaffaltiin tokkollee hin eegamu" jedhan.
Akka ibsa ministeerichaatti, daawwattoonni Afrikaa, galmee oonlaayiniitiin uunkaa barbaachisu qofa guutuu jedhame.
Kanaan duras, biyyoonni akka Gaanaa, Riwaandaafi Keeniyaa, imaltoota Afrikaaf viizaa bilisaa eyyamaniiru.
Fonqolcha mootummaan gara aangootti kan dhufan Pireezidaantiin umurii dargaggummaa keessa jiran Kaapteen Tiraa'ooreen sochii Paan Afrikaanizimii finiinsuun Afrikaanota biratti jaallatamaafi beekamtii guddaa hirataniiru.
Qeeqa isaan waa'ee koloniifi biyyoota Lixaa irratti dhiyeessan garuu pireezidaantii humnaan aangoo qabaterraa akka hin eegamne xiinxaltootni tokko tokko yoo kaasan, anga'oota biyyoota muraasaanis ija dalgaan ilaalamuu jalqabaniiru jedhame.
Similar posts:
Itoophiyaatti daa’imman hanqina midhaan nyaataa cimaaf saaxilaman kuma 100 ol yaaluu UNICEF gabaase
Albaaniyaatti himatamaan dhaddacharratti abbaa murtii ajjeese.
Balaa tiraafikaa Naannawa Daseetti mudateen namootni 12 du’an, 49 miidhaan irra gahe
Godina wallagga Bahaa Ona Guutoo Giddaa Bulchiinsa Magaalaa Luugootti, Finxaaleyyiin Amaaraa daa’ima ganna 5 ajjeesuun barame.