Mootummaan Poolaandi buufatalee xiyyaaraa cufe jedhame.
Published Sept. 10, 2025, 8:34 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Mootummaan Poolaandi buufatalee xiyyaaraa cufe jedhame.
Poolaand buufata xiyyaaraa isa guddaa biyyattii keessaa magaalaa Waarsootti argamu dabalatee buufataalee xiyyaaraa afur cufuu beeksifte.
Poolaand Buufataalee xiyyaaraa gurguddoo lamaan Poolaandi Chooppinii fi Buufata Xiyyaaraa Waarsoo Modliin jedhaman dabalatee buufataalee Xiyyaaraa afur cufuu beeksiftee jirti.
Kunis dirooniin Raashiyaa daangaa qilleensaa Poolaandi seenuu hordofee Poolaandi buufataalee xiyyaaraa isii cufuun oppireeshinii gaggeessaa jiraachuu ibsitee kan jirtu yoo ta’u,
Raashiyaan haleellaa diroonii hedduu naannoolee Yuukireen gara daangaatti dhiyaatanii jiran irratti gaggeessiteetti.
Kanas hordofee daangaan qilleensaa Poolaandi 'wantoota akka diroonii Raashiyaa irraa ergamaniin sarbamee kan jiru yoo ta’u, Buufata Xiyyaaraa Rizezów-Jasiyonka jedhamu kan daangaa Yuukireenitti dhiyoo jirus cufamuun beekkamee jira.
Poolandi fi NATOn waliin ta’anii oppireeshinii gageessaa jiraachunis hubatamee kan jiruu fi Ajajaan waraana biyyattii fuula X irratti akka beeysisetti humni waraanaa biyyattii ''wantoota daangaa qilleensaa seenan adda baasuun haleeluuf qophii akka ta’e beeksisee jira.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.