Masiriin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Xalayaa ergite.
Published Sept. 10, 2025, 9:36 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Masiriin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Xalayaa ergite.
Masiriin eebba ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa hordofuun, dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti Mana Maree Nageenyaaf xalayaa akeekachiisaa barreessuun barame.
Akka xalayaa kanaatti, Itoophiyaan tarkaanfii hidhaa kana ijaaruuf fudhatteen seera idila addunyaa sarbiteetti jechuun himatte.
Itoophiyaan Hidha Haaromsa Guddichaa kana ijaartee eebbisiisuun seeraan ala, murtee ofii ishee qofa murteessiteedha, kanaaf waan akka seeraatti fudhatamu miti jechuun xalayicha keessatti xuquunis hubatamee jira.
Lagni Naayil dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu Masiriiti jechuun kan ibsan yoo ta’u, Kanaafis Itoophiyaan waa’ee fayyadama bishaan kanaa irratti qofaa ishee akka murteessitu hin eyyamnuu jechuun ibsanii jiru.
Itti dabaluunis haala seerri idila addunyaa jedhuu fi chaartarri Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanii kaa’uun mirga jiraachuu ummata isaa kan mirkaneessu tarkaanfii kamuu ni fudhanna jedha xalayichi.
Masiriin dhimma hidha guddichaa kanarratti kana duras irra deddeebiin ibsa baasuu fi himannaa dhiyeessaa kan turte yoo taatu inni ammaa kunimmoo yeroo hidhichi dhumee eebbarra jirutti ta’uun isaa mootummaa itoophiyaaf yaaddoo uumuu malas jedhame.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.