Konfedereeshiniin Hojjetoota Itiyoophiyaa Dhaabbileen damee dhuunfaa irra caalaan isaanii mirga hojjettoonni gurmaa’uu dhoorgu jedha.

Published Dec. 4, 2025, 1:56 p.m. by FNN Staff

151



ODUU FNN

Dhaabbileen damee dhuunfaa biyya keenna Itiyoophiyaa irra caalaan isaanii hojjettoonni mirga gurmaa’uu isaanii akka hin fayyadamne dhoorgu jedhan Pireezidaantiin Konfedereeshinii Hojjetoota Itiyoophiyaa obbo Kassahun Folo. 

Dhaabbatichi mirgaa fi faayidaa hojjettootaa eeguuf kan hundeeffame ta’uu Pireezidaantichi hubachiisanii; damee dhuunfaa keessatti hubannoo dhabuun gufuu ta’uu ibsaniiru. 

Akka obbo Kassahun jedhanitti; Haala amma jiruun hojjettoonni dhaabbilee dhuunfaa keessatti hojjetan yeroo komii dhiyeessan ykn gurmaa’uuf yaalan hojii isaanii irraa ari’amu akkasuma sadarkaa isaanii gadi bu’u. 

Rakkoo kana furuuf hojjetaa jirra, garuu hojjechiistonni gamtaa garee sadii uumuuf fedhii hin qaban jedhan Pireezidaantichi. 

Haa ta'u malee haalli kun rakkoo dhaabbilee dhuunfaa mara keessatti mul'atu akka hin taane cimsanii dubbataniiru.


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.