Kutaalee Oromiyaa bakkoota hundumaatti maatii qabsaa'otaa qabanii mana hiraarsaa keessatti dararaa hamaa irraan ga'aa jiru jedhame.

Published Dec. 13, 2025, 4:56 p.m. by FNN Staff

262



ODUU FNN

Godina 𝗤𝗲𝗹𝗹𝗲𝗺 𝗪𝗮𝗹𝗹𝗮𝗴𝗴𝗮𝗮 keessatti maatii qabsaa'otaa baadiyyaarraa funaananii magaalaa Dambi Doolloofi magaalaawwan biroo keessatti hidhanii dararaa jiraachuun beekkame.

Sababa kanaan guyyaa guyyaatti namni nyaata deddeebisuuf waan hin jirreef beelaaf saxilamaa jiraachuus maatiin hidhamtootaa maddeeniif himanii jiru. kana malees maatiin qabsaa'otaa dhukkuba garaagaraaf saaxilamaa jiraachuu dubbatanii jiru. 

Kanaaf, geggeessitoonni godinaafi koreen qindeessituu aanaa maatii qabsaa'otaa hidhuufi dararuudhaan qabsoon Oromoo duuba deebi'uu akka hindandeenye beekuudhaan yeroo gabaabaa keessatti furmaata waaraa akka itti laataan jechuun dhaammatanii jiru.


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.