Guyyoota kudhan booda Itoophiyaatti nami Vaayirasii Marbargiin qabame ammas deebi'e mul'ate

Published Dec. 13, 2025, 4:22 p.m. by FNN Staff

204



ODUU FNN

Ministeerri Fayyaa Itiyoophiyaa Mudde 12, 2025 Vaayirasiin Maarbargi dabalataan nama tokko irratti argamuu beeksisee jira. 

Dhukkubsataan haaraan kun Hospitaala Waliigalaa Jinkaatti yaalamaa kan jiru yoo ta’u, vaayirasichi jalqaba naannoo Kibba Itoophiyaa magaalaa Jinkaatti Adoolessa 23, 2018 'tti galmaa’uun ni yaadatama.

Odeeffannoon Ministeera Fayyaarraa argame akka mul’isutti, walii galaan namoota Vaayirasii Marbargiin qabaman14 gaheera. Erga vaayirasichi argamee as qorannoon laabiraatoorii namoota 1,765 irratti gaggeeffameera.

Namoota vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e keessaa; namoonni 8 yoo du’an, 4, bayyanaataniiru ,  namoonni  2, immoo yaala argacha jirus jedhameera.

Ministeerri Fayyaa dhukkubicha to’achuuf hojii hordoffiifi ittisa dhibee cimsee itti fufuu isaa ibsee, hawaasni akka of eeggannoo olaanaa godhus hubachiifameera.


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.