Vaayirasiin Marbargiin namoonni du'an torba ga'an; Vaayirasichi Hawaasaattis mul'achuun himame.

Published Nov. 27, 2025, 2:43 p.m. by FNN Staff

163



ODUU FNN

Vaayirasiin Marbargi haga yoonatti lubbuu namoota torbaa galaafachuufi Magaalaa Hawaasaatti nama tokkorratti argamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ibse.
 
Ibsa Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaan haala yeroo vaayirasichaa irratti kennaniin, namni  haaraan  Hawaasaatti irratti argame kun magaalaa Jiinkaa irraa Hawaasatti  deebi’uu himan.
 
Dhukkubsataa kanaaf yaalin taasifamaa jiraachufi namoonni isa waliin tuttuqqii qaban adda ba’aa jiraachuu dubbatan. Naannolee vaayirasiin kun hanga yoonatti keessatti hin mul’annettis qophii duraa taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
 
Gabaasa haaraa vaayirasichaan walqabatee Ministeerri Fayyaa kaleessa baaseen, erga Marbargi muudatee qorannoon laaboraatoorii 78 taasifamuu himuun, as keessaa namoota12 irratti argamuu hubachiise.  Kanneen irratti argame keessaa 12 du’uus himame. Sadi immoo yaalii argachaa jiraachuu eeran.
 
Guyyaa kaleessaa qofa samuda torba qoratame keessaa namoota lama irratti argamuu Ministeerichi ibse.
 
Namoonni 349 tuttuqqii qabaachuu malu jedhamuun qoratamuunis yoo gabaafamu, as keessaa 119 bilisa jedhamuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
 
Ministeerri Fayyaa michoota idil-addunyaa kanneen akka Giddugala Too’annoofi Ittisa Dhibee (CDC), abbootii amantaa, barsiisotaafi ministeerota waliin ta’uun hojjachaa jiraaachuu hubachiise.
 
Dabaluunis, hubaannoo uumuniifi tarkaanfilee of-eeggannoo irratti xiyyeeffachuun dandeettii dhukkubicha ittisuu, adda baasufi yaaluu cimsachuu ibsan.


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.