Mootummaan Ertiraa gaaffii ulaa galaanaa argachuuf Itoophiyaan irra deddeebiin gaafachaa jirtu gocha walabummaa biyyattii sarbuuf yaalamaa jiru waan ta'eef cimseen balaaleffadha jette.
Published Nov. 25, 2025, 2:21 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa dhiheessuun hariiroo biyyoota lamaa kan laaffise yoo ta'u, booda keessa ifatti wal himachaa akkasumas walitti dhaadachaa jiraachuun kan beekkamuudha.
Itoophiyaan gaaffii kana karaa nagaan akka milkeessitu ibsituus, xiinxaltoonni haalichi walitti bu'iinsatti qajeelu mala jechuun irra deddeebiin dubbachaa turanii jiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Ertiraa ibsa bal'aa mata-duree: 'Eritrea Unyielding: Defending Sovereignty Against Ethiopia's Recycled Ambitions' jedhu jalatti Sadaasa 23, 2025 baaseen, Itoophiyaan fedhii ulaa Galaana Diimaa argachuuf qabdu tooftaa dippilomaasii haaraatiin itti jirtu walabummaa Ertiraa kan sarbudha jechuun, Ertiraan ulaa galaanaasheefi tokkummaa daangaashee akka eeggattu ibseera.
Aanga'oonni Itoophiyaa seeraafi waliigalteewwan hariiroo biyyoonni ollaa ittiin bulan dagataniiru kan jedhe ibsi ministeera dhimma alaa Ertiraa kun, ulaa galaanatti ba'uu argannaatiin bocaafi daangaa biyya walabaa suuta jijjiiruuf yaalu jechuun himateera.
Ibsi kun Itoophiyaan duula "ulaa galaanaa walabaa" argachuu jedhuun gootu fedhii ji'opolitikaa jiru keessatti akka dirqama ta'eetti fakkeessaa jirtu jechuun qeeqa.
Walitti dhufeenyi hawaasummaa fi aadaan walabummaa biyyaa bakka hin bu'u kan jedhe ibsi kun, Itoophiyaan" tokkummaa daangaa Ertiraa sarbuuf" ajandaa "gaaffii Affaar" fayyadamti jechuun balaaleffateera.
Itti dabaluudhaniis eenyummaa Affaar daangaa gamaafi gamanaarra jiran kaayyyoo siyaasaaf fayyadamuun ummata meeshaa ji'oopoolitikii taasisuudha," jedheera.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.