Komishiniin Siivil Sarviisii ​​fooyya’iinsi mindaa yeroo jedhametti gama hundaan maaliif hojiirra ooluu akka hin dandeenye akka ibsu gaafatame.

Published Nov. 25, 2025, 2:44 p.m. by FNN Staff

289



ODUU FNN

Fooyya’iinsi mindaa yeroosaatti naannoo hundatti hojiirra ooluu kan dadhabeef rakkoolee naannoleen uuman irraa kan ka’e ta'uu Komishiniin Siivil Sarviisii ​​ibseera. 

Komishiniin Siivil Sarviisii ​​gabaasa raawwii hojii ji'oota sadii tibbana koree dhaabbii dhimma Misooma humna namaa, hojii fi teeknooloojii mana maree bakka bu'oota uummataaf yeroo dhiheessee turetti gaaffii kana gaafatame. 

Gaaffii koree dhaabbii kanaa kan dhiyeessan Aadde Jemanesh W/Mikaa'el, fooyya'iinsi mindaa gaarii ta'uu ibsuun, kaffaltiin kun hanga walakkeessa baatii Waxabajjiitti akka kaffalamu ajajamus, naannoleen fooyya'iinsi mindaa hanga ammaatti hin arganne akka jiran himaniiru. 

Hojiin akka hin jeeqamneef yeroo sanatti fooyya’iinsi mindaa gama maraan maaliif hojiirra ooluu dadhabe? 

Gaaffilee ka'aniif deebii kan kennan Itti aanaan Komishinar Komishinii Siivil Sarviisii ​​Geetachoo Jember (Dr.) rakkoo kaffaltii mindaa irratti mul'ateef naannolee komatan. 

Deebii kennaniin, mootummaan federaalaa odeeffannoo kanaan duraa bu’uura godhachuun fooyya’iinsa mindaa kana duraan kan raawwate yoo ta’u, fooyya’iinsi kun odeeffannoo naannoleen kennan irratti hundaa’uun kan raawwatame ta’uu ibsaniiru. 

Naannoleen tokko tokko erga fooyya’iinsi taasifamee booda nutti xiqqaata jechuudhaan xalayaa fi qaamaan komii dhiyeessuu isaanii kan ibsan Itti aanaan Komishinaraa kun, Dhimma kanarratti pireezidaantota naannolee tokko tokko waliin haasofnerra. 

rakkoon kunis kan keenna osoo hin taane kan isaanii ta’uu  mirkaneeffanneerra jechuun dubbataniiru. 

Rakkoon kun bal’inaan Naannoo Kibbaa duraanii jala naannolee turan keessatti akka mul’ate yaadachuun hojjettoota Waxabajjii 2016 dura qacaramaniif fooyya’iinsa kana gooneerra jedhan. 

Hojjettoota sana booda qacaramanii jiran qaxaramuu Komishinichi akka isa hin ilaallane himuun, rakkoo amma muudate ofuma isaaniitiin furuu akka qaban itti aanaanaan Komishinaraa ibsaniiru. 

Komishiniin Siivil Sarviisii ​​Rakkoon kun kan anarraa dhufe osoo hin taane, kan naannolee waan ta'eef, mindaa isaanii akka kaffaluuf  hordoffii ni taasisa jechuun dubbateera.


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.