Xiyyaarri waraanaa Turkiyyee nama 20 qabatee deemaa ture, Joorjiyaa keessatti kufee caccabe.
Published Nov. 12, 2025, 11:57 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Xiyyaarri waraanaa fe’umsaa C-130 Azarbaajaan irraa gara Turkiyyeetti deebi’aa ture, kufee caccabuu isaa gabaafame.
Xiyyaaricha keessa hojjettoonni waraanaa 20 ol kan turan yoo ta’u, haga gabaasni kun qindaa'utti miidhaan irra gahe ifatti kan hin ibsamne tahuu isaati.
Mootummaan Turkiyyee garuu miseensonni hojjettoota xiyyaarichaa hundi du’uu isaanii mirkaneessee jira jedha Euronews.
Sababni balaa kanaa hanga ammaatti ifatti waan ibsame kan qabuu miti.
Xiyyaarri yeroo dheeraaf tajaajilarra turee fi yeroo dhumaaf bara 2020tti yaalamee haaromfame kun sababaa balaa kanaaf ta'uu mala jedhamee amanama.
Balaan daangaa Joorjiyaa fi Azarbaajaan irratti muudate kun Turkiyyeedhaaf rifachiisaa ta’ee akka dhufe TRT gabaaseera.
Kaatar, Ameerikaa, Jaappaan, Xaaliyaanii fi biyyoonni biroo mootummaa Turkiyyeetiif gadda itti dhagahame ibsaniiru.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.