Sochiiwwan filannoo bara 2018 eegalaman ilaalchisee adeemsi filannoo osoo hin jalqabin dura fooyya'iinsi bu’uuraa akka taasifamu Paartileen Mormitootaa gaafatan.

Published Nov. 12, 2025, 11:21 a.m. by FNN Staff

368



ODUU FNN

Paartileen mormitootaa Itoophiyaa keessatti filannoon bilisaa fi haqa qabeessi akka filatamu haal-duree uumuu ilaalchisee ibsa waloo baasaniin, sochii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa bara 2018f taasisaa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiran himaniiru.

“Adeemsa kana gama hojii fi itti gaafatamummaa boordiitiin hubannus, Itiyoophiyaa keessatti adeemsi dimokiraasii kamiyyuu yoo hin jiraanne; haalli hojiiwwan jalqabaman dandeessisan yoo hin jiraanne tattaaffiin hundi hiika akka hin qabne ifatti ibsuu barbaanna,” jedhan.

Filannoon Itiyoophiyaa kanaan dura gaggeeffame sirna abbaa irree seera qabeessa taasisuuf raawwii siyaasaa ta’uu ibsaniiru.

Filannoowwan darban kun adeemsa isaanii keessatti bilisummaa, haqa qabeessummaa fi hirmaannaa kan hin qabne ta’uu, bu’aan isaaniis ummata biratti amanamaa fi fudhatama kan hin qabne ta’uu himaniiru.

Kanarraa kan ka’e rakkoo siyaasaa biyyattii gadi fagoo furuu caalaa marsaa waldhabdee fi tasgabbii dhabuu hammeessuu itti fufuu ibsaniiru. 

“Dhugaan jiru filannoon mul’ata mirga dimokiraasii lammiilee waan ta’eef aangoo bulchitootaa kan mirkaneessu ta’uu hin qabu”. Kanaafuu, filannoon bara 2018 nagaa fi haala nageenya qabu keessatti akka adeemsifamu, kan darberraa adda ta’e ijaaruuf tarkaanfii dhugaa akka ta’u cimsinee gaafanna kan jedhan paartiileen mormitootaa; haala mijataa uumuun dhimma filannoof dhihaatu osoo hin taane haal-dureedha jedhan.

Kanaaf mootummaan Itoophiyaa dhimmoota bu’uuraa irratti tarkaanfii hatattamaa fi qabatamaa ta’e akka fudhatu jechuun gaafataniiru. 

Itoophiyaa keessatti filannoon bilisaa, haqa qabeessaa fi amanamaa ta’e gaggeeffamuu kan danda’u haal-dureen dimokiraasii bu’uuraa yoo guutame qofa akka ta’e eeranii, dhimma kana gamtaanis  ta’e dhuunfaan irra deddeebiin cimsanii akka dubbatan ibsaniiru. 

Kanaafuu, mariin siyaasaa bal’aan akka taasifamu, walitti bu’iinsi akka dhaabbatuu fi wabiin nageenyaa akka mirkanaa'u, haal-duree tokko malee dirreen siyaasaa akka banamu, haaromsi dhaabbilee fi seeraa bu’uuraa dimokiraasii akka taasifamu, caasaan mootummaa loogii malee akka ta’u mirkaneessuu, bilisummaan preesii akka mirkanaa'u akkasumas hirmaannaan taajjabdoota filannoo biyya keessaa fi idil-addunyaa akka mirkanaa'u gochuun dhinmoota murteessoo ta'uu ibsaniiru.

Waadaan kun jechoota duwwaa akka hin taanee fi haal-dureewwan filannoo haqa qabeessaaf mijatoo ta’an raawwatamuu qooda fudhattoonni idil-addunyaa walaba ta’an kanneen akka Gamtaa Afrikaa (AU), Gamtaa Awurooppaa (EU), fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) akka hordofan akkasumas hirmaattota filannoo ijoo - boordii filannoo, paartilee siyaasaa, taajjabdoota filannoo, miidiyaalee, fi dhaabbilee dimokiraasii gidduutti amantaa fi waliigalteen amanamaa ta’e ummataaf ifa ta’e mirkanaa'uu qaba jedhan.

Mootummaanis ta’e paartiin biyya bulchu haal-duree bu’uuraa kana guutuun qaamota hundaaf haala dorgommii bilisaa fi haqa qabeessa akka uumuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Filannoon haal-duree kana malee gaggeeffamu kamuu fayidaa akka hin qabaanne paartiileen mormitootaa ibsa isaanii walootoon himaniiru.


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.