Barsiisonnii fi hojjattoonni dhaabbilee garaagaraa sababa mindaan yeroon hin kaffalamneef rakkoo hamtuu keessa jiraachuu dubbatan.
Published Nov. 12, 2025, 1:46 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Barsiisonnii fi hojjattoonni dhaabbilee garaagaraa mindaan yeroon kafalamaafii akka hin jirree fi daballiin mindaas akka isaan bira hin geenye himan.
Barsiisonnii fi hojjattoonni dhaabbilee garagaraa maddeeniif yaada isaanii kennan rakkoo hamtuu keessa jiraachuu dubbatan.
Barsiisan maqaan isaa akka hin eeramne barbaade yaada isaa maddeeniif kennan akka jedhanitti ramaddii Fulbaanaa ta'uu himanii, hanga ammaa mindaan akka hin galle dubbatan.
Barsiisaan biroo yaada isaanii kennan immoo daballii mindaa fi kufaama ji'a Onkoloolessaa jedhame hin argiinee jedhan.
Barsiisaan godina Harargee Lixaa Ona Gumbii Bordodee gama isaaniitiin hanga ammatti mindaan nuuf hin seenne rakkannee waan nyaannu dhabuutti jirraa jedhan.
Barsiisaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Jimmaa Gannatii yaada isaanii kennan immoo, kuufamni mindaa ji'a Fulbaanaas tahe mindaan ji'a Onkololessaa hanga guyyaa har'atti nuuf hin galiin jira jedhan.
Hojjattoonni Biiroo Bishaan Oromiyaa immoo kanaan dura biirichi xalayaa magaalotaaf barreessee turuu himanii, mindaan hojjettootaaf akka dabalamu himee akka ture yaadachiisan.
Garuu hanga ammaatti wanti hojjetame akka hin jirre ibsan.
Hojjataan Korporeeshinii Injinariingii Oromiyaa yaada maddeeniif kennan immoo, bara 2017 waggaa guutuu mindaa isinii daballa jedhanii waadaa nuuf seenaa turan jedhan.
Baranas mindaan nuuf dabalamuu aangawoonni dhaabbatichaa nutti himan, Fulbaanaa jalqabee isiniif kafalama nuun jedhanii jedhu.
Ergasii mindaa dabalames hin agarre kan jedhan namni yaada nuuf kennan, Fulbaanaa fi Onkoloolessa mindaadhuma duraaniitu nuuf kafalamee jechuuun dubbatan.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.