Ameerikaan milkaa’ina Sooriyaaf waan dandeessu hundumaa akka taasiftu Pireezidaanti Doonaald Tiraamp ibsaniiru.

Published Nov. 12, 2025, 12:49 p.m. by FNN Staff

252



ODUU FNN

Tiraamp Ameerikaan milkaa’ina Sooriyaaf waan dandeessu maraa ni taasisti jedhan. 

Ameerikaan milkaa’ina Sooriyaaf waan dandeessu hundumaa akka taasiftu Pireezidaanti Doonaald Tiraamp ibsaniiru. 

Marii gita isaanii Sooriyaa Ahimad Al-shaaraa wajjin Waayit Haawusitti cufaatti taasisan booda, “Shaaraan gaggeessaa jabaadha” kan jedhan Tiraamp, Sooriyaa gara hojiitti deebisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. 

“Bakka rakkisaa irraa dhufe, nama jabaadha. Namatti tola. Pireezidaanticha wajjin nan hojjadha.” Jechuun Tiraamp guyyaa kaleessa ibsaniiru. 

Daawwannaa Shaaraan Waayit Haawusitti taasisan kun erga Sooriyaan of dandeessee wagga 80 keessatti isa jalqabaa ta’uun himameera. 

Ajajaan garee shororkeessaa ajjeechaaf adamsamaa turan, Waayit Haawusitti simannaan ho’aa taasifamuufis dhaga’amee hin beeku. 

Ameerikaan Qoqqobbii Sooriyaa irra bara bulchiinsaa Asaad keesse guyyoota 180’f kaasuu ishee kan beeysisteetti. 

Shaaraan ammoo gama isaaniin Garee ISIS dhabamsiisuuf qindoomina Daayesh keessatti hirmaannaa cimaa taasisuuf waadaa galaniiru. 

Hariiroo Israa’el wajjin qaban fooyyessuuf hojjachuunis galma Tiraamp keessaa kanneen ijoodha. 

Diinagdee biyya waraana wal waliinii waggoota 13 laamshoftee bayyanachiisuuf waadaan galame Kun dippiloomaasii idil-addunyaa keessatti boqonnaa gaarii ta’uu xiinxaltootni gama tokkoon kaasu jechuun Anadalo, BBC dabalatee miidiyaaleen kaan gabaasaniiru. 

Kaan ammoo waan Tiraamp itti bu’anii qajeelu jiraachuu ija shakkiin ilaalaa akka jiran, tattaaffii dippiloomaasii isaan waggaa darbe Israa’eliifi Gaazaa akkasumas Raashiyaafi Yuukireenitti taasisan irraa ka’uun xiinxalli isaan ka'an ni agarsiisa.

 


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.