godina Gujiitti hayyamni waldaalee albuuda oomishanii 49 haqamuun namoota kuma 49 ta'an hojii malee hambisuun komii kaase.
Published Nov. 10, 2025, 3:34 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
godina Gujiitti hayyamni waldaalee albuuda oomishanii 49 haqamuun namoota kuma 49 ta'an hojii malee hambisuun komii kaase.
Xalayaan Abbaa Taayitaa Misooma Albuuda Oromiyaatiin Hagayya 16 bara 2017 ALI barreeffame waldaaleen oomisha albuuda irratti sadarkaa IMX fi SSS'tiin gurmaa'anii hojjechaa jiran hayyamnisaanii waan haqameef torban lama keessatti qabeenya isaanii fudhatanii akka bahan ajaja.
Abbaan taayitichaa xalayaan hayyama waldaalee haqu barreessuun dura yeroo lama koree waldaalee albuudaa waliin marii gaggeessuu himu hoggantoonni waldaalee maricharratti hirmatan. Murteen dhumarratti waldaalee hojii dhaabsise garuu fallaa marii duraanii ta'uus dubbatu.
Hoggantoonni waldaalee albuudaa BBC'n dubbise, waldaaleen albuuda oomishan hojiirraa dhorkamuun jireenya hojjetootaa fi miseensota isaanii irratti dhiibbaa akka uume yoo himatan, itti gaafatamaan misooma albuudaa onichaa ammoo "karaa mootummaatiin deebii argata jedhanii mootummaa caqasaa jiru" jechuun komiin jedhame akka hin jirre dubbatu.
Waldaaleen oomisha albuudota Taantaalamii, Liitiyeemii fi albuuda biroo jedhamuun gurmaa'an kunneen qabiyyee albuuda lafa isaanii keessatti argamu irratti hundaa'uun albootuta akka Niteenii, Kuwaarz, Warqee, Beerlii fi Emeraald illee kan oomishan jiraachuu ibsu hoggantoonni waldaalee.
Lookoo Waajii, hogganaa waldaa albuuda 'Burqaa Eebbaa' jedhamuuti. Waldaan kun sadarkaa xiqqaa addaa [SSS] yoo ta'u miseensota 217 qaba. Isaan keessaa 37 dubartootadha.
Karaa seera qabeessaan albuudota oomishnee gabayaa giddugaleessaatiif akka dhiyeessinuuf mootummaan hayyama waggaa shanii nuu kennee jira. Hayyamichi duraan sadarkaa IXM'tiin bara 2011 nuu kennamee ture. Waggaa afur erga IMX'dhaan hojjennee duuba bara 2015 gara dhumaa gara SSS'tti guddanne. Waggaa shaniif nuu hayyamame keessaa waggaa lama hojjennee, waggaa sadiitu nu hafa" jechuun waa'ee waldaa albuuda isaanii ibsu.
Amma erga mootummaan xalayaadhaan akka hojii dhaaban ajajee as miseensonni waldichaa 217 fi hojjetoonni waldichaa hundi rakkoof saaxilamuu ibsu hogganaan waldichaa
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.