Feedereeshiniin Gaazexeessitootaa Idil – Addunyaa (IFJ) murtee Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Odu – Gabaastota Dooche Veelee yeroof hayyama hojii isaanii dhoggachuu cimsee balaaleffate.

Published Nov. 1, 2025, 4:29 p.m. by FNN Staff

372



ODUU FNN

Feedereeshiniin Gaazexeessitootaa Idil Addunyaa eyyami Odu – Gabaastota Dooche Veelee dhooggamuu balaaleffate.

Feedereeshiniin Gaazexeessitootaa Idil – Addunyaa (IFJ) murtee Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Odu – Gabaastota Dooche Veelee yeroof hayyama hojii isaanii dhoggachuu cimsee balaaleffate. Dhaabbatichi eyyamni gaazexeessitoota kunneenii dafee akka bakkatti deebi’us gaafatee jria.

Ibsa Onkoloolessa 31, 2025 baaseen dhaabbatichi, Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa, duudhaa oguma gaazexeessummaa sarbuun gaazexeessitoota kunneen himate jedhe.

Feedereeshinichi dabaluudhaan, taateen kun gaazexeessitoota Dooche Veelee sodaachisuu fi cadhisiisuuf kan fudhatame jechuun ibsee, kunis mirga lammileen biyyattii odeeffannoo dhugaa fi madaalamaa ta’e keessumaa kan walitti bu’iinsa naannoo Amaaraatti deemaa jiru illachisee argachuu qaban kan uggurudhas jedhe.


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.