Shawaa Lixaa onaa Noonnootti hidhattoonni Faannoo namoota nagaa hedduu ajjeesuu jiraattonni dubbatan.

Published Oct. 21, 2025, 2:38 p.m. by FNN Staff

185



ODUU FNN

Godina Shawaa Lixaa ona Noonnotti haleellaa hidhattoonni Faannoo gaggeessaniin namoonni nagaa 22 ol ajjeefamuu jiraattonni maddeeniif himan.

Haleellaan kun ona Noonnoo ganda Halloo Dinkii jedhamutti Dilbata, Onkoloolessa 19, galgala raawwachuu kan himan jiraattonni gandichaa, godinota Oromiyaa hidhattoonni Faannoo namoota nagaarratti irra deddeebiin ajjeechaa raawwachuun himataman keessaa Godinni Shawaa Lixaa, onni Noonnoo ishee tokkodha.

Jiraattonni maddeenitti akka himanitti, qaamoleen hidhatan, kan isaan Faannoodha jedhan onoota ollaa Godina Guraagee irraa dhufuun Dilbata galgala haala suukaneessaa ta’een namoota nagaarratti ajjeechaa raawwatanii deebi'an jedhan.

Jiraataan onichaa nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin dhahamne gaafatan haala ture maddeeniif akka himanitti, hidhattoonni kunneen onoota Godina Guraagee keessatti leenjii fudhatanii  dhufantu daa'imman dabalatee namoota nagaa bifa sukkaneessa ta’een haleelan jedhu.

Haleellaa Kanaan Kan mana keessatti dhumanis, kan alatti dhumanis waliigala gara namoota 22 ga'uus jiraattonni maddeeniif himanii jiru. Gocha kana kan raawwate hidhattoota Faannoo bosona keessa jiraniidha kan jedhan jirattonni kunniin, ajjeechaan kun halkan keessaa sa'aatii saditti akka raawwates maddeeniif himanii jiru.

Itti dabaluuniis ona kana keessatti hidhattoonni kun marsaa jahaffaaf namoota nagaa ajjeesuu jiraattonnii kun himanii jiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa bara 2016 lafa keessan seera qabeessa taasisuudhaaf heektara lama, lamatti taasisuu qabdu jedheen; jarri sana booda heektaara lama, lama kana hin fudhannu jedhanii buqqa'anii deeman," jechuun madda rakkoo kanaati kan jedhan jiraattonni ibsan.

Namoonni Dilbata ajjeefaman hundisaanii namoota nagaa ta'uu kan dubbatan jiraattonni kun, daa'imman xixiqqoo, jaarsoliifi dubartoonni akka keessatti argaman hima.

Kanaan dura ofiidhuma isaanitiif buqqa'anii biyya gadhiisanii deeman. Haalodhumasanarraa ka'uuni deddeebi'anii uummata Oromoorratti rakkoo uumaa kan jiran malee uummanni waan isaan miidhe hin qabu jechuun ibsu.

Waggoota muraasa darban keessatti ona Noonnoo bakkeewwan Oromiyaa hidhattoonni Faannoo kan mootummaan Finxaaleyyii Amaaraa jedhuun ajjeechaa namoota nagaarratti gaggeessan keessaa tokkoodha.

Kanaan duras ona kana keessatti halleellaa boombii mana cidhaarratti gaggeeffameen namoonni heddu du'uusaanii gabaasun keenya ni yaadatama.

/////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////

Balaa baaburaa muudateen namoonni 14 yoo du'an, 29 miidhaman

Balaa baabura Wiixata galgala sarara Dirre Dhawaafi Dawwallee irratti muudateen namoota kudha afur  lubbuun darbuun digdamii sagal miidhamuu, aanga'oonni naannichaa himan.

Balaan kun halkan keessaa sa’a 8:00 titti naannoo Somaalee ganda Shinillee keessatti muudachuu odeeffannoon TV naannichaa Dirree TV bunchiinsa aanaa caqasuun baase ni ibsa. Baaburri geejjiba ummataa imaltoota baatee  Dawwallee gara Dirre Dhawaa osoo deemaa jiruu balaa kun muudachuu eerame.

Suuraaleen tattaaffiin baraarsaa gaggeeffamaa  ture agarsiisanis,   sababni balaa kanaa bal’inaan hin ibsame.

Daandiin Dirre Dhawaa–Dawwallee qaama  sarara baaburaa seena qabeessa, Faransaayiin ijaarame, sarara dhiphoo magaalaa Dirre Dhawaa Itoophiyaa fi magaalaa daangaa Dawwallee gidduutti deemu keessaa tokko.

/////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////

Itoophiyaan liqaa Chaayinaa doolaara bil 5.38 'hamma yuwaaniin kaffaluuf marii'ataa jirti jedhame.

Itoophiyaan yeroo qaala’iinsa jireenyaa hamaa keessa jirtutti Adeemsa kanaaf fakkeenyummaa Keeniyaa kan hordofte yoo tahu, qaama tattaaffi qarshiin Chaayinaa sadarkaa idil-addunyaa akka qabaatu taasisuus akka tahe Biluumberg gabaasa Onkololeessa 19,2025 baaseen ibseera.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Obbo Iyyoob Takkaalinyi baatii darbe daawwannaaf yeroo Beejiing deeman dhimma kaffaltii liqaa kana gara yuwaanitti geeddaruu baankilee Chaayinaa lama waliin marii'achuu isaanii Biluumbarg himeera.

Jilli Ministira Maallaqaa Itoophiyaa Obbo Ahmad Shideen durfamu kora Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa US, Onkololeessa 17, 2025 Waashingitanitti taa'amerratti hirmaateen, Mariin kun yeroo murteessaa Itoophiyaan liqaa gurgurtaa boondii irraa argatte yeroo jedhametti deebisu didde jedhamuun muddama keessa jirtutti gaggeeffamuun caalmaatti biyyattif gaaga’ama hamaa keessa galchuun waan hin oolle ta’uu xiinxaltoonni ni dubbatu.

Tibbana liqeesitoonni ishee Itoophiyaa waliin waliigalteerra gahuu dhabuun tarkaanffii seera fudhana jedhanii kan turan yoo ta’u, dhimma liqaa chayinaa wal qabatee

Obbo Iyyoob, ''Chaayinaan ammatti michuu keenya ishee ijoo dha, hammi daldalaafi invastimantii biyyoota lamaanii guddachaa jira jedhanii yoo dhaadhessanis

Baankileen Chaayinaa People's Bank of China fi Export-Import China irraa dhimma kanarratti amma yoonaa wanti deebii kenname akka hin jirre beekkamee jira.

Itoophiyaan miseensa garee BRICS yoo taatu gareen biyyoota kanneen akka Raashiyaa, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa qabatee jiru dhimma ''hirkattummaa doolaaraa hir'suu,'' jedhu irratti marii'ataa turamee xummura malee hafe.

Onkololeessa 14, 2025, mariin liqaa Itoophiyaan osoo hin kaffaliin hafte irratti xiyyeeffachuun Ministeera Faayinaansii Itoophiyaa fi koree liqeessitootaa gidduutti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuramee yo ta’u, Itoophiyaan liqaa boondii Yuuroo miliyoona tokko tahu osoo hin kaffaliin haftee ture.

Ministeerri Faayinaansii Itoophiyaa mariin gaggeessaa ture ''sadarkaa gaarii irra gaheera'' jedhus koreen liqeesitootaa garuu ''waliigalteerra hin geenye jechuun Koreen kun Itoophiyaa ''seeraan gaafachuu'' akka malan himan hubatamee jira.

////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////

Paarlaamaan Jaappaan Ministira Muummee dubartii jalqabaa muude.

Saanaa’ee Taakaayichii Jaappaanitti Ministira Muummee ta’uun filamuun dubartii jalqabaa seenaa galmeessan ta'uun barame.

Saanaa’ee Taakaayichii Mana Maree gad-jallaa jedhamu keessatti sagalee 465 keessaa 237 argachuun, Mana Maree gararraa keessaa ammoo sagalee 125 argachuun Ministira Muummittii Jaappaan 104ffaa ta’uun filatamanii jiru.

Paartii Diimookiraasii Liberaalii (LDP) jedhamu bakka bu’uun dubartiin dorgoman Saanaa’ee paarlaamaaf sagalee barbaachisu 233 ol sagalee caalmaa argachuun imala Jaappaaniin gaggeessuu eegalaniiru.

Morkataa isaanii Yoshihidoo Noodaa inijifachuu kan danda’an yo ta'u, miseensota kaabinee isaanii yeroo gabaabaa keessatti beeysisu jedhamee eegama.

Ministirri Muummee Duraanii Shigeruu Ishibaa fi kaabineen isaanii aangoo kan gadhiisan yoo ta’u, Saanaa’een ammoo akka simataman Anadolu fi BBC’n gabaasaniiru.

 

 

 

 



 


Similar posts:

Mootummaan naannoo Somaalee Magaalaa Dirree Dhawaa teessoo mootummaa naannichaa taasisuuf qophii taasisaa jiraachuun barame.

Haala Oromiyaa ilaalchisee oduu fi odeeffannoo torban kanaa.

Itoophiyaan liqeessitoota biyya keessaa irraa qarshiin liqeeffatte haga dhuma ji’a Fulbaana 2025 Birrii tiriiliyoona 2.56 ta'uun gabaafame.

Feedereeshiniin Gaazexeessitootaa Idil – Addunyaa (IFJ) murtee Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Odu – Gabaastota Dooche Veelee yeroof hayyama hojii isaanii dhoggachuu cimsee balaaleffate.