Haleellaa ona Noonnootti Halkan Edaa raawwatameen namoonni nagaa 22 ajjeefamuun barame.
Published Oct. 20, 2025, 2:31 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godina Shawaa Lixaa ona Noonnoo ganda Halloo Dinkiitti haleellaa Halkan edaa hidhattoonni Faannoo raawwataniin namoonni nagaa 22 ajjeefamuu dhagahameera.
Haleellaa kanaan namoonni sadi madaa'uun hospitaala jiraachuus maddeen jraattota waabeffachuun gabaasaniiru.
Haleellaan kun Halkan edaa Onkoloolessa 19/2025 naannoo toora sa’aatii sadiirratti akka raawwatame maddeen kan himna yoo ta’u, Humnoonni Fiinxaaleyyii Faannoo kunneen mana maatii hedduutti seenuun jumlaan bifa suukanneessaan fixaa akka turan maddeen ifoomsanii jiru.
Dhukaasni hanga halkan sa'atii 3:00 jalqabee hanga sa’aatii 6:00tti kan ture yoo ta’u, qaamni nageenya hanga yeroo kanaatti akka hin birmanneedha kan himamu.
Hidhattoonni haleellaa kana raawwatan naannoo Jiddu galeessa Itiyoophiyaa jedhamu Godina Guraagee ona Abashgee maandheffachuun irra deddeebiin haleellaa akka raawwatan jiraattonni maddeeniif himan.
Bakki maandhee isaanii ona Ammayyaa, ona Noonnoo fi magaalaa Walqixxee jidduutti akka argamu gabaafni baye kan addeessuu yoo ta’u,Hidhattoonni kunneen jidduu kanatti haleellaa raawwachuun ajjeesuun gamatti namoota ukkaamsuu, saamuu, hawaasa naannichaa baha gala dhoorganii jiraachuun baramee jira.
Gandoota ona Noonnoo garaagaraatti waggoota darban haleellaa jumlaa fi sukkanneessaa akkasii raawwataa turuun isaanii gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.