Oduulee keenya har’aatiin, Itoophiyaan liqaa irra jiru kaffaluu dadhabuu, humnoonni hidhatan naannoo Amaaraa bakkoota hedduu too’achuu, mootummaan naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa cabsuun Aanaalee hedduu too’achuuf karoorfachuu, miseensonni humnoot
Published Oct. 19, 2025, 3:30 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Oduulee keenya har’aatiin, Itoophiyaan liqaa irra jiru kaffaluu dadhabuu, humnoonni hidhatan naannoo Amaaraa bakkoota hedduu too’achuu, mootummaan naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa cabsuun Aanaalee hedduu too’achuuf karoorfachuu, miseensonni humnoota Tigraayi fincila kaasuu isaanii fi Israa'el Gaazaatti haleellaa qileensarraa raawwachuu asii gadii argattu.
ODUU diinagdee Itoophiyaa
Itoophiyaan liqaan walqabatee marii irra jiraattus, akka biyya liqaa alaa irra jiru kaffaluu dadhabdeetti sadarkeeffamte jedhame.
Dhaabbanni idil-addunyaa sadarkaa liqii adda baasu,fiich reetingis jedhamu gabaasa haaraa Onkololeessa 17, bara 2025 baaseen, Itoophiyaan liqeessitoota faana marii irra jiraattus liqaa alaa irra jiru muraasa kaffaluu dhabuun sadarkaa “Restricted Default” ( biyya liqaa irra jiru kaffaluu dadhabde ta’uun galmoofte.
Akka gabaasa baasaniin, biyyattiin kaffaltii Yuurooboondii fi boondii hintaane irra jiru yeroo jedhametti kaffaluu dadhabuu ishee sadarkaan kun ni agarsiisa yoo jedhan, Itoophiyaan kaffaltii kuppoonii Yuurooboondii Doolaaraa miliyoona 33, Muddee 11, bara 2023 kaffalamuu qabdu osoo hinkaffalin hafuu eere.
Akka gabaasichaatti, sadarkaan “Restricted Default” (RD) kan kennamu biyyichi yoo xiqqaate kaffaltii liqii alaa guddaa tokko osoo hin kaffalin yoo hafedha. Garuu kasaaraa guutuu akka bakka hin buunefi liqaa biraa yeroon kaffalaa jiraachuu akka maltu himan.
Itoophiyaan liqaa alaa waliigalaan Doolara biliyoona 30 haga 31 (gabaasa Reuters) irra jiru keessaa Doolaara biiliyoona 15 Bu’uura Waloo G20’n irra deebiin caasessitee kaffaluuf tattaafachaa jirti.
Naannoo Amaraa
Humnoonni Faannoo Naannoo Amaaraatti bakkoota hedduu to’achuun gabaafame.
Lola naannoo Amaaraa keessatti humnoonnii Faanoo fi loltoota mootummaa gidduutti deemaa jiruun gareen faannoo naannicha keessatti bakkoota adda addaa too’aachuu jiraattoonnii fi hoggaantonni maddeeniif himani.
Gondar Kibbaa fi Wolloo Kaabaa kan wal qunnamsiiftu magaalaa Caacehoo jedhamtu gareen hidhatee naannoo Amaaraa keessa socho’uun too’atamuu jiraattonni himan. Humnoonni kuni magaalaa kana qofa osoo hin taanee magaloota akka Zaabit, Garagaraa fi Aflaqiit dabalatee bakkoota hedduu.” too’aachuu jiraatonni kuni himan.
Haaluma walfakkaatuun ajajaan garee Faannoo godina Walloo Kaabaa Meejar Miikiyaas maddeeniif akka himanitti, Fannoon kaabaa Walloo qofa keessatti aanaalee jaha to’achuun beeksiseera. Itti dabaluudhaanis loltoonni mootummaa naannoo Raayaa Qobboo Muujjaa fi Kulmask too’achuuf yaalanis, miidhaan guddaan irra gahuun yaaliin isaanii osoo hin milkaayini hafeera jedhe.
Hidhattoonni Faannoo kan biraan lola dhiheenya kana gaggeeffameen “bakkeewwan akka Saankaa, Zaabit dabalatan to’annaa isaanii jala galanii jiraachuus jiraataan naannichaa kun himeera.
Gama biraatiin jiraataan Walloo Kaabaa kan bakka Lastaa Bilbilaa jedhamu jiraatu naannoon isaanii to’annoo Faannoo jala akka ture kan ibse yoo ta’u, lola tibbana gaggeeffameen naannoo isaaniitti walitti bu’iinsi akka hin jirre dubbateera. kunis lolli hanga dhaabate ”Amma gara guyyaa lamaaf tureera,” jechuun yaada kennan. Akka gabaasi kuni ifoomsetti Lolli kuni bakka Baqloo Maaneqiiyaa jedhamu gaara olka’aa naannoo Sankaa Walloo Kaabaatti argamutti kaleessa lolii jabaan akka ture ibseera.
Ministerri Dhimma Alaa Itoophiyaa baatii fulbaanaa keessa lola humnoonni faannoo naannoo Amaaraa magaalaa Woldiyaa qabachuuf yaalii taasisfame keessatti mootummaan Eertiraa fi TPLF lolaa keessatti hirmaataniru jechuun himate. Ministerri Dhimma Alaa Xaalayaa onkololeessa 02, 2025 barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez barreesseen ajajoonnii TPLF kallattiin lola kana keessatti hirmaachuu isaanii ibsanii turan. Itti dabaluunis Ministerri dhimma alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximotowos gareen haaraan “Tsemdo” jedhamu jalatti “Itoophiyaa loluuf” wal gurmeessanii hojjechuu isaaniillee himate kan ture ta’uun gabaafamuun kan yaadatamuudha.
Shira mootummaan PP daangaa naannolee Somaalee fi Oromiyaa irratti hojataa jiru.
Mootummaan Naannoo Somaalee Caasefama harawa Aanaalee fi Magaalalee Oromiyaa of jala galchuuf karaa Mana Marii mootummaa Somaaleetiin raggaasiseen Aanaalee Baadiyyaa Oromiyaa, Godina Harargee lameenii, Boorana lameen fi Godina Baalee dabalatee Magaalaleen Akka Dirree Dhawaa, Moyyale fi Baabbilee karoora keessa jiraachuu namni caasaa bulchiinsaaf nageenya Naannoo Somaalee eenyummaan isaa akka eeramu hin barbaanne Lami Media'tti himeera.
Kanumaanis duulli weerara wal fakkaataan Godina Harargee Aanaalee akka Cinaaksan, Baabbile, Gooroo Guutuu, Harargee Lixaa Doobbaa, Gumbii Bordoddee, Mi'essoo fi Godina Booranaa Aanaa Dirree, Liiban, Moyaallee fi Baale Madda Walaabuu fi Gurraa Dhaamoleetti w*erarri yeroo tokko jalqabuuf qophiin xumuramuus akeekeeti jira.
Yeroon ammaan tanaa weerarri humna addaa poolisii Somaalee Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaaksan Araddoota 2 irtatti w*erarri torbaan 2 dura jalqabe itti fufee jiraachuunis ibsameeti jira.
Mootummaan Naannoo Somaalee waggota as dhiyoo bifa weeraraatiin Aanalee Godina harargee Baha Erer fi Miidhagaa Lolaa araddoota hedduu akkasumas Baabbile of jala galchuunis ni yaadatama.
Fincila humnoota miseensota naannoo Tigraayi
Miseensonni humnoota Tigraay mormii kaasan har'as itti fufaa jiraachuun barame.
Miseensonni humnoota Tigraay kafaltiin nuuf kafalamuu qabu nuuf kafalamaa hin jiru, jireenya gadadoo jiraataa jirra jechuun karaatti bahuun mootummaa naannichaa irratti mormii erga dhageessisuu jalqabanii torban guutee jiraachuun barame.
Addi Bilisummaa Uummataa Tigraay(ABUT) kan humnoota kana waliin hidhata qaba jedhame humnoota kana fayyadamee caasaa bulchiinsa yeroo Tigraay duraanii diigsisee deeggartoota isaatiin bakka buuse jedhamee himatama.
Kana malees humnoota kana fayyadamee hidhattoota Faannoo fi mootummaa Eertiraa waliin ta'ee Kaaba Wallootti haleellaa raawwate jedhee mootummaan federaalaa tibba darbe.
ABUT hidhattoota kana fayyadamee mootummaa Eertiraa waliin ta'ee na waraanuuf jira jedhees himatee turuun kan beekkamuudha.
Kanaaf miseensonni humnoota Tigraay kaampii jiran sagantaa DDR jedhamu kan loltoota duraanii hiikkachiisanii uummatatti makuutiin hidhannoo isaanii akka hin hiikkanne gufachiisa jedhee mootummaan federaalaa.
ABUT immoo gama isaatiin lafti naannoo Tigraay weerartootaan qabame hin gadhiifamne, lammiileen buqqaafaman qe'eetti hin deebine, mootummaan federaalaa waliigaltee Piriitooriyaa hojii irra hin oolchine jechuun komata.
ABUT humnoonni Tigraay hanga wantoonni kun hin mirkanoofnetti hidhannoo hiikkachuu hin qaban ijjannoo jedhu qabaachuu eagaaleen ni addeessa.
Tarkaanfii waraanaa Israa’elii fi Gaazaa
Israa'el Gaazaatti haleellaa qileensarraa gaggeessite'
Miidiyaaleen Israa'el akka gabaasanitti, Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun Hamaas dhukaasa bannaan Israa'el Kibba Gaazaa Raafatti haleellaa gaggeessite.
Miidiyaan Israa'el Haaretz akka gabaasetti, Hamaas Kibba Gaazaa, ulaa Raafatti loltoota Israa'el achi jiranirratti dhukaasa banuu hordofeeti Israa'el haleella qilleensarraa kan gaggeessite.
Akka gabaasa kanaatti, Kibba Gaazaa qofa osoo hin taane, Kaaba Gaazaa dabalatee bakkeewwan heddurratti Israa'el haleellaa qilleensarraa gaggeessuun beekkamee jira.
Hamaas waa'ee haleellaa kanaa ilaalchisee ibsa kenneen, ammayyuu waliigalticha kabajee akka jiruufi Israa'el haleellaa gagggeessuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsaa jiraachuu beeksise.
US ibsa kaleessa baasteen, Hamaas namoota nagaa Gaazaa keessa jiraatan irratti halellaa banuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuuf akka karoorsaa jiru ragaa qabatamaa argadhe jechuun beeksiftee turte.
Hamaas garuu himannaa US kana dhara jechuun, waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka kabaju beeksise. Inumaayyuu waliigalticha kabajaa kan hin jirre Israa'el ta'uu hime.
Kana malees Israa'el Gaazaatti haleellaa atoobisiirratti raawwatteen namoonni 11 ajjeefamuun beekkame.
Kaaba Gaazaatti rasaasa taankii Israa'eliin dhukaafameen miseensonni maatii tokko atoobusii tokko keessa turan ajjeefamuu isaanii humni ittisaa sivilii Hamaasiin durfamu beeksiseera.
Namoonni miseensa maatii Abuu Shaaben ta'an ajjeefaman Jimaata halkan manasaanii magaalaa Gaazaa bakka Zeyituun jedhamutti argamu ilaaluuf deemaa kan turan yoo ta’u, Kun erga guyyoota saddet dura waliigalteen dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuun jalqabamee as Gaazaa keessatti taatee hamaa humna waraanaa Israa'eliin fudhatame ta’uuniis gabaafamee jira.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.