Humnoonni Faannoo Naannoo Amaaraatti bakkoota hedduu “to’achuun” gabaafame
Published Oct. 18, 2025, 1:36 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Lola naannoo Amaaraa keessatti humnootii Faanoo fi loltoota mootummaa gidduutti deemaa jiruun gareen faannoo naannicha keessatti bakkoota adda addaa too’aachuu jiraattoonnii fi hoggaantonni maddeeniif himani.
Gondar Kibbaa fi Wolloo Kaabaa kan wali qunnamsiiftu magaalaa Caacehoo jedhamtu gareen hidhatee naannoo Amaaraa keessa socho’uun too’atamuu jiraattonni himan. Humnoonni kuni magaalaa kana qofa osoo hin taanee magaloota akka Zaabit, Garagaraa fi Aflaqiit dabalatee bakkoota hedduu.” too’aachuu jiraatan kuni hime.
Haaluma walfakkaatuun ajajaan garee Faannoo godina Walloo Kaabaa Meejar Miikiyaas maddeeniif akka himanitti, Fannoon kaabaa Walloo qofa keessatti aanaalee jaha to’achuun beeksiseera. Itti dabaluudhaanis kaleessa loltoonni mootummaa naannoo Raayaa Qobboo Muujjaa fi Kulmask too’achuuf yaalanis, miidhaan guddaan irra gahuun yaaliin isaanii osoo hin milkaayini hafeera jedhe.
Hidhattoonni Faannoo kan biraan lola dhiheenya kana gaggeeffameen “bakkeewwan akka Saankaa, Zaabit dabalatan to’annaa isaanii jala galanii jiraachuus” himeera jiraatani naannichaa kuni
Gama biraatiin jiraataan Walloo Kaabaa kan bakka Lastaa Bilbilaa jedhamu jiraatu naannoon isaanii to’annoo Faannoo jala akka ture kan ibse yoo ta’u, lola tibbana gaggeeffameen naannoo isaaniitti walitti bu’iinsi akka hin jirre dubbateera. kunis lolli hanga dhaabate ”Amma gara guyyaa lamaaf tureera,” jechuun yaada kennan. Akka gabaasi kuni ifoomsetti Lolli kuni bakka Baqloo Maaneqiiyaa jedhamu gaara olka’aa naannoo Sankaa Walloo Kaabaatti argamutti kaleessa lolii jabaan akka ture ibseera.
Dubbii himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaadeer Jeneraal Geetnet Adaanee haala jiru gaafatamanaan, yoo kallattii komunikeeshinii mootummaa irraa ajajii kenamee malee deebii akka hin kennine maddeenif himaniiru. Deetan Ministera Komunikeeshinii fi Tajaajila Odeeffannoo Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaa humnii Faannoo naannicha keessatti haleellaa raawwachuu malee “dandeettii bakka kamittiyyuu qabsaa’uu akka hin dandeenee” hubachise. Naannolee hidhattoota Faannoon qabaman jedhaman ykn taateewwan lola dhiheenya kana mudatan toowwannoo faanoo jala galani jedhame garuu haalaniiru.
Ministerri Dhimma Alaa Itoophiyaa baatii fulbaanaa keessa lola humnoonni faannoo naannoo Amaaraa magaalaa Woldiyaa qabachuuf yaalii taasisfame keessatti mootummaan Eertiraa fi TPLF lolaa keessatti hirmaataniru jechuun himate. Ministerri Dhimma Alaa Xaalayaa onkololeessa 02, 2025 barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez barreesseen ajajoonnii TPLF kallattiin lola kana keessatti hirmaachuu isaanii ibsaniiru. Dabaluuni Ministerri dhimma alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximotowos (PHD) gareen haaraan “Tsemdo” jedhamu jalatti “Itoophiyaa loluuf” wali gurmeessanii hojjechuu isaaniillee himate. Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa “tarkaanfii ufira ittisaa” fudhachuufi “obsa sadarkaa olaanaa” qabaachuu isaa hubachiisaniiru, garuu “obsi kun daangaa kan hin qabne ” jechuun akeekachiiseera.
Similar posts:
Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.
Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.
Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.
Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.